Shoes and Other Leather Products
Maallaqa Aanaa Horroo Bulluq Saqalaa Meeshaalee, adda addaa bituu barbadaa.
More tags
Description
Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Bara 2019
Godina Horroo Guduruu Wallaggatti Wajjirri Maallaqaa Aanaa Horroo Bulluq Hojii Sekterootaa Aanichaa baraa bajataa 2019 tiif kan oolan Meeshaalee, UffataaSeeraa hojjettota mootummaa, Meeshaalee Barreffamaa Meeshaalee qulqullinaa, Gommawwan Konkolataa, Meeshaalee Dhaabbataa, /Elektironiksii, Farnicharoota, Caalbasii ifaatin waldorgomsise bituu barbadaa. Kanaafuu dorgomtootni Ulaaga guuttan Caalbaasii ifaa kanarratti dorgomuu kan barbaddan dorgomuu ni dandessu.
1. Dorgomtootni kallatti hojii daldalaa isaanitiin Eeyyama dhiyyessa seera qabessa ta'e kan qabani fi unkaa facaati dhiyyessitota keessatti galma'un isaani raga sanadoota ittin galma'an, raaga Lakk, TIN footo koppii isaa sanada caalbaasii waliin qabsisani dhiyyessu qabu.
2. Caalbaasii bara bajataa 2019 irratti hirmachuu akka danda'an fi gibiraa kanfaluu isaani raaga qaama isaan hundeesse irraa dhyyeffachuu kan danda'an ta'u qabu.
3. Dorgomaan dhiyaatuu galma'a VAT/galmaa'uu isaatiif raaga koppi isaa dhiyyeffachuu kan danda'u.
4. Dorgomaa sanadaa caalbaasii guyyaa beksifni kun gaazexaa kaallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee bahe egalee Guyyoota hojii 15[kudhaa shan] keessaatti yeroo hundaa sa'aatii hojiitti ragaa Hayyama daldalummaa isaa ibsuu qabatee dhiyyachuun maallaqaa hin deebine qarshii 500[dhibbaa shan] qofaa Baankii Siinqeetti kaffaluun Adivice Baankii wajjiraa Galiiwwanii Aanaa Horroo Bulluq itti geessuun nagahee fudhattani sanadichaa Wajjira Maallaqaa Aanaa Horroo Bulluq kutaa Adeemsa amego mi nusitambo uli Bittaa Lakk.11 fudhachuu ni dandeessu.
5. Dorgomaan kaamiyyuu kabachisaa caalbaasichaaf kan oolu qarshii 70,000[kuma torbatama qofa] Maqaa Wajjiraa Maallaqaa Aanaa Horroo Bulluqin Cheekii [CPO] baankiin mirkana'e dhiyyeffachuu qaba.
6. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa postaa saamsameen orjinalaa fi koppii Tekinikaa fi Fayinaashaalii qofaa qofaan adda baasuun hangaa sanduuqni caalbaasii cufamuutti Waajjiraa Maallaqa Aanaa saanduqaa caalbaasichaaf qopha'e keessaa galchu qabu.
7. Caalbaasichi gaafa guyyaa 12/01/2019 sa'aatii 11:00 irratti cufamee gaafa 13/01/2019 sa'aatii 2:30 irratti ni banama. yoo guyyaa ayyanaa ta'e guyyaa hojii isaa aanutti darbee bakka dorgomtotni ykn bakka bu'ootni ykn tajjabdootni bakka argamanitti Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Horroo Bulluq lakkoofsaa 6 keessaatti ni banama.Bakka bu'aan ykn dorgomaan yoo hin jiru ta'ee baninsa caalbasichaa hin gufachiisu.
8. Mo'ataan caalbaasii meeshalee mo`ate hunda baasii mataa isaatiin hangaa Wajjiraa Maallaqaa Aanaa Horroo Bulluq magalaa saqalaatti[mana kuusa Wajjira Maallaqaa/store] yeroo jedhame keessatti harcatii tokko malee baay'inaa fi qulqullinaa jedhameen dhiyyessu qaba.
9.Wajjirichii mala ykn filannoo bira yoo argatee caalbaasichii kan gar-tokkenis ta'e guutummaa guutuutti haquuf mirga qaba.
10. yeroo hanga maallaqaa guttanis ta'e ispesfikeeshi haqaa fi laaqa qabaannan fudhatama kan hin qabne/ kufaa akka ta'u beekuu qabdu.
11. CPOn kan inni hojjechifamuu danda'u Bankii Daldalaa Itoophiyaa fi akkasumas Bankii Awwash qofa ta'uu isaa cimsine isiin beksifna.
12. Odeffannoo guutuu sanadaa caalbasichaa waalin kan jiru qajelfamaa dorgomtotaa irraa argachuur 0933324319, 0913381451, 0933435623, 0917362899 nidanda'ama. oddeffannoo dabalataa 0917678822, nu argachuu ni dandessu Teessoon keenyaa Godina Horroo Guduruu Aana Horroo Bulluq yommuu ta'u fageenyii irratti argamnu magalaa Finfinnee irraa km 331 Godin irraa immoo km 17 fagatte argamti. Godinaa Horroo Guduruu Waallaggaa
Maallaqa Aanaa Horroo Bulluq. Saqalaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-22
- Bid closing time: 17:00
- Bid opening: 2026-09-23 08:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Maallaqa Aanaa Horroo Bulluq. Saqalaa
- Bid bond: Qarshii 70,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T10:16:07.000Z
- Source: 2merkato