Shoes and Other Leather Products

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Wajjiraa Maallaqaa A/Horroo Meeshaalee adda addaa bituu barbaada.

Description

Beeksisaa Caalbaasii Lakk.01, 2019

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Wajjiraa Maallaqaa A/Horroo Meeshaalee Seekteroota Aanaa keenyaaf tajaajiluu Meeshaalee Dhumataa fi Dhaabbii Biiroo keessa, Uffata Seeraa Hojjettoota, Meeshaalee Barreeffama, Meeshaalee Qulquilina fi Dhumata Biiroo keessaa akkasumaas Meeshaalee Elektirooniksii, Farniicheerii fi Gommaa Konkolaataa fi Kallamanadaarii Caalbaasii ifaan dorgomsisee bituu barbaada.

1.Dorgomtootni Eeyyama daldala seeraa qabeessa bara 2018 ykn 2019 fi caalbaasii bara 2018tiif xalayaa caalbaasii irratti hirmachuu danda'an warreen haaromsifataniis ta'e eeyyama daldaala haaraa fudhataan (Tax Clearances 2018) Waajjira galiiwwan irraa dhiyeeffachu kan danda'u ta'uu qabu.

2. Dorgomtootni ragaa dabalataa qabeenya (VAT) galmee ragaa kaffalaa gibiraa (Tin Number), waraqaa galmee ragaa daldala fi waraqaa galmee dhiyeessumaa keessatti kan galma'an fi ragaalee ifatti mul'atan dhiyeeffachuu kan danda'an.

3. Dorgomtootni sanada caalbaasicha bitachuu barbaadan Waajjira Galii Aanaa Horrootti meeshaalee barreeffama, meeshaalee qulquilina fi elektirooniksiif bakka tokkotti qar.600.00 (dhibba jaha) qarshii hin deebine kaffaluun bitachuu akkasumaas uffata seeraa,gommaa konkolaataa fi kallamadaarii fi farniicheeriif tokko tokkoo isaaniif qar.500 (dhibba shan) kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun gaafa guyyaa beeksifni kun ba'ee irra eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan) sa'aa hojii mootummaa waaree dura 2:30-6:30tti akkasumaas waaree booda 7:30-11:00 ta'ee gaafa guyyaa 15ffaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Horroo keessatti argamu Sanada caalbaasiicha poostaa samsameen financial koppii fi technical koppii tokko tokkoo isaa poostaa qofa qofaan bakka tokkotti poostaa tokkoon akkasumas financial fi teekinikaalii Orginnal isaa tokko tokkoo isaa poostaa qofa qofaan bakka tokkotti poostaa tokkoon sanduuqaa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaan qophaa'e keessa qopheessuun galchuun dirqanma.

4. Sanduuqni caalbasicha guyyoota hojii 15f (kudha shan) banaa ta'ee turun gaafa guyyaa 15f sa'aa11:00 irratti cufamee bulee gaafa guyyaa 16ffaa sa'aa3:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonii-seeraa qabeessaa argamanti sirna baniinsa caalbaasicha Waajjirri Maallaqaa Aanaa H/Horroo bakka haallii mija'eetti ni banama.

5. Dorgomtootni Kabachiisa Wabumaa caalbaasicha ida'ama gurgurtaa waliigalaa irra dhibbantaa %1 sanada caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirknaa'e maqaa waajjirra Maallaqaa Aanaa Horroo qabsisuu qaba, akkasumas dorgoman mo'ate gosa meeshaa mo'ate irratti mana hojicha waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa mo'ate irraatti ida'ama waliigalaa keessa dhibbantaa(%10) CPO qabsisuf dirqama qaba.Akkaataa qajeelfama dabalata qabeenyaa (VAT) % 15 keessa bittaa raawwatame qarshii 20,000 oli yoo ta'e karaa mana hojiicha % 7.5 citee kan hafuu ta'en nagahee seeraa qabeessa ni kennama, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Maallaaqan bittaa mootummaa qarshii kuma kudhan ol raawwatamuuf dhibbantaa %3) kutee Hambisuuf dirqama qaba.

6. Dorgomtootni caalbaasicha Mo'atan hundi gosa meeshaa waliigaltee raawwatan hundaa baasii mataa isaaniin Waajjira Maallaqaa Aanaa Horrootti kuusaa meeshaa  waajjira Maallaqaatti dhiyeessun galii gochuu qabu.

7. @Waajjirrichi caalbaasii kana karaa fooyya'aa yoo argatee guutumaa guututti ykn gar-tokkeen haquufmirgaa qaba Odeeffannoo dabataa 09 10 04 34 06 ykn 09 21 18 74 08

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Wajjira Mallaqaa A/Horroo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-19
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 15ffaa sa,aatti 11:00tti
  • Bid opening: 2026-09-21 09:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaatti Wajjira Mallaqaa A/Horroo
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Lootii lootidhaan adda adda
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
  • Posted at: 2026-09-07T10:43:11.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders