Building Construction
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa bara baajataa 2019 kessaa ijaarsa pirojektii Waajjira Abbaa Alangaa Gammoo G+1 caalbaasiin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada
Description
Beeksisa Caalbaasii
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa bara baajataa 2019 kessaa ijaarsa pirojektii Waajjira Abbaa Alangaa Gammoo G+1 caalbaasiin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Kanaaf dorgomtootni ulaagaa kanaa gadii guutan dorgomuu ni dandahu.
1. Gibira bara 2018 kaffalee hayyama hojii ijaarsaa bara 2019 kan haaromsee qabu.
2. Dhiheessa meeshaaleetiif hayyama hojii ijarsaa kan qabuufi dhiheefachuu kan dandahuufi galmee dhiheesitootaa keessatti galmaahuu isaatiif waraqaa raaga dhiheefachuu kan dandahu.
3. Hayyama ogummaaa ijaarsaa gamoo GC 5fi isaa ol kan qabu.
4. Dorgomaan hundii galmaahaa taaksii dabalata qabeenyaa(VAT) tahuusaatiif ragaa dhiheefachuu kan dandahuufi lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) kan qabuufi ragaa isaa dhiheefachuu kan dandahu.
5. Dorgomaan hundi kabachiisa caalbaasii qarshii kumaa dhibbaa lama (200,000) CPO Baankii Biyyoollessaatti Maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaatiin qabsiisuu kan dandahu.
6. Sanadni dhihaatu tartiibaan kaahamuu qaba .Sanadni tartiiba hinqabne dorgommiin ala taha.
7. Dorgomtootní hundi ulaagaalee pirojektii irratti dorgomuufbarbaachisu hunda tokkollee kan irraa hin hir'isne sanadasaanii keessa kaahuu qabu.
8. Dorgomaan hundi guyyaa beeksifni kun boordii irratti bahee eegalee 02/13/2018 irraa hanga Fulbaana 26/01/2019 digdamii tokko (21) guyyaa hojii walittaanu keessatti qarshii hin deebine kuma sadii(3000) Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Calanqootti kaffaluun Isliiphii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Aanaa Meettaatii sa'aatii hojii mootummaatti risiitii murachuun Kutaa Adeemsa Bittaafi Bulchinsa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaatii bitachuun hanga guyyaa digdamii tokkoffaa (21ffaa) sa'aatii 11:30tti guutuun saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessatti galchuu qabu.
9. Caalbaasichi gaafa guyyaa digdamii tokkoffaa (21ffaa) sa'aatii 11:30 irratti cufamee gaafa guyyaa digdamii lammaffaa(22ffaa) saʼaatii 3:30- 4:00tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan seeraa dorgomtoota, Koree Raggaassistuu Bittaafi Tajaajila Gorsaa argamanitti Waajjira Maallaqa Aanaa Meettaatti ni banama.
10. Guyyaan kun cufaa ykn ayyaana yoo tahe guyyaa itti aanu sa'aatii walfakkaatutti ni banama.
11. Dorgomtootni caalbaasicha irratti mohaman kabachiifni caalbaasii guyyaa lama keessatti ni deebi'aaf. Dorgomaan caalbaasicha mohate guyyaa mohuu isaa xaalayaan beeksifame irraa eegalee guyyaa shan(5) keessatti gatii bittaa waliigalaa keessaa 20% kabachiisa waliigaltee qabsiisuun waliigaltee bittaa seenuu qaba.
12. Galii waggaa giddugaleessan herregamu kaffaltii waliigalaa hojii waliigalte adeemsa irra jiruuf yookaan kan xumuramanif mirkanaa'e raawwatame miliyoona 45 odiitiin mirkaneessee dhiheessuu qaba.
13. Dorgomaan waggoottan Shanan darban keessatti waliigaltee Lama (2) ol yoo xiqqaatee baajata qarshii miliyoona 40 waggoota 5 darbaniif haala gaariin hojjetee xumuruu isaa agarsiisuufi muuxannoo waliigalaa hojii bittaa ijaarsaa karoorfame kanaa waliin rogummaa qabu dhiyeessuu qaba.
14. Waggoottan Shanan darban keessatti dorgomaan akka kontiraaktaraatti haala quubsaa taheen yoo xiqqaate waliigaltee Gamoo Lama (2) ol tokkoon tokkoon gatiin miliyoona afurtama tokko (40,000,000) isaanii haala barbaadamun kan xumuramaniifi hojii bittaa ijaarsaa karoorfame kanaa waliin kan walfakkaatan tahuu qaba.
15. Sanadni haqaafi laaqaa qabuu akkasumas ragaan sirritti hin mullannee fudhatama hin qabu.
16. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumaan guutuutti haquuf mirga ni qaba.
Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa
Tender details
- Deadline: 2026-10-07
- Bid closing time: 17:30
- Bid closing (note): gaafa guyyaa (21ffaa) sa'aatii 11:30
- Bid opening: 2026-10-08 12:00
- Bid opening (note): gaafa guyyaa (22ffaa) saʼaatii 3:30- 4:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa
- Bid bond: Qarshii 200,000.00
- Bid document price: Qarshii 3000.00
- Published on: BARRIISAA (Sep 13, 2026)
- Posted at: 2026-09-14T08:17:05.000Z
- Source: 2merkato