Building Construction
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuu caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee Wirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Waajjira Bulchiinsaa ijaarsisuu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuu caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee Wirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Waajjira Bulchiinsaa ijaarsisuu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kana guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan affeeramtanii jirtu
1. Hayyama daldalaa seeraqabeessa damee kanaa sadarkaa GC 4fi isaa ol kan qabu.
2. Gibira baraa kan kaffaleefi hayyama daldalaa kan haaraomse.
3. Galmee dhiheessitootaa keessatti kan galmaa'eefi ragaa kan qabu.
4. VAATII kan galmaa'eefi ragaa dhiheeffachuu kan danda'u.
5. Kabachiisa Caalbaasii (CPO) maqaa Waajira Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuutti qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan) dhiheessuu kan danda'u.
6. Dorgomtoonni beeksifni sanada caalbaasii gaazexaan guyyaa bahee eegalee guyyoota hojii 15f sanada tokkoof maallaqa hin deebine qarshii 1000 (kuma tokko) kaffaluudhaan yeroo hojii mootummaatti Kutaa Adeemsa Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuu irraa bitachuu ni dandeessan.
7. Caalbaasiin guyyaa gaazexaan baherraa guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30 irratti cufamee guyyuma sana sa'aatii 4:30 tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu❜oonni argamanitti kan banamu yammuu ta'u, guyyaan 16ffaan guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaatutti caalbaasiin nibanama.
8. Waajjirichi karaa fooyya'aa biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen yookaan guutumaan guutuutti haquuf mirgi seeraa eegamaadha.
Ragaa Dabalaataatiif lakkoofsa bilbilaa 09 19 24 49 69 bilbilaa
Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuu
Tender details
- Deadline: 2026-10-01
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30 irratti
- Bid opening: 2026-10-01 12:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gooroo Guutuu
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: BARRIISAA (Sep 13, 2026)
- Posted at: 2026-09-14T08:21:25.000Z
- Source: 2merkato