Building Construction
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee Gamoo G+2 Mesob ijaarsisuuf barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Lakk.001/2019
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee Gamoo G+2 Mesob ijaarsisuuf barbaada. Kanaafuu, dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kana guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan affeeramtanii jirtu.
1. Hayyama daldalaa seera qabeessa damee kanaa sadarkaa GC 3 fi isaa ol kan qabu.
2. Gibira bara 2018 kan kaffalee fi hayyama daldalaa bara 2019 kan haarayoomse.
3. Galmee dhiheessitootaa keessatti kan galmaa'ee fi ragaa kan qabu.
4. Vaatii kan galmaa'ee fi ragaa dhiheeffachuu kan danda'u.
5. Kabachiisa caalbaasii (CPO) maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursumiitiin qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) dhiheessuu kan danda'u.
6. Dorgomtoonni beeksifni sanada caalbaasii gaazexaan guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 21f sanada tokkoof maallaqa hin deebine qarshii 2000 (Qarshii kuma lama) kaffaluudhaan yaroo hojii mootummaatti Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum irraa bitachuu ni dandeessan.
7. Caalbaasiin guyyaa gaazexaan baherraa guyyaa hojii 22ffaa sa'aa 3:30 irratti cufamee guyyuma sana sa'aa 4:00tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti kan banamu yammuu ta'u, guyyaan 22ffaa guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aa walfakkaatutti caalbaasiin ni banama.
8. Waajjirichi karaa fooyya'aa biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen yookaan guutummaa guututti haquuf mirgi seeraa kan eegame ta'uu.
Ragaa dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa:
0920902865/0989505331
Maallagaa Aanaa Gursum
Go/Har/Bahaatti Mallaqaa Aanaa Gursum
Tender details
- Deadline: 2026-10-10
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa hojii 22ffaa sa'aa 3:30
- Bid opening: 2026-10-10 12:00
- Bid opening (note): guyyaa hojii 22ffaa sa'aa 4:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waa Mallaaqa Aanaa Gursum
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: BARRIISAA (Sep 16, 2026)
- Posted at: 2026-09-16T11:13:00.000Z
- Source: 2merkato