Shoes and Other Leather Products

Godina Baalee Bahaatti Waajjirri Mallaqaa Magaalaa Gindhiir Bajata Bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Marsaa 1a Bara 2019

Godina Baalee Bahaatti Waajjirri Mallaqaa Magaalaa Gindhiir Bajata Bara 2019 tiif kan oolu Bittaa, Uffata seeraa Hojjatootaa ,Meeshaalee Barreessaa,Meeshaalee Barnootaaf oolan, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee dhaabbii xixxiqaa dhumataa, Meeshaalee dhabbataa / Elektironiksii,Farnlichara Meeshaalee Barnootaa poolii Teeknikaa,Gommaa Konkolaataa fii Gommaa Motoraa,/Motorsaaykilii Doqdoqqee/, Meeshaalee Ijaarsaa,Afataalee fii kan kana fakKaatan caalbasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Haaluma kanaan dorgomtoonni seera qabeessaa fi ulaagaalee armaan gadii kan guuttan dorgomuu kan dandeettan ta'uu ni ibsina.

1.Gibira bara 2019 kan kafale, lakk.eyyamaa (TIN) fi Hayyama daldaalaa sirrii ta'e kan qabu.tarreefama dhiyeessummaa keessatti kan galmaa'e. Hayyama daldalaa bara 2019 kan haaromsiise ykn xalayaa Deeggarsaa Qaama dhimmi ilaalu irraa dhiyeefachuu kan danda'u

2.Bittaa gatii Qar. 100,000 fi isaa ol-ta'eef dhiheessaan kafaltii waraqaa ragaa VAT/15% dhiheefachuu fi xalayaa raga galmeeffamaa ta'e kan qabu.

3.Dorgomaan kamuu IMX dabalatee kabachiisa caalbasii Qarshii =50,000 /kuma shantama/ "CPO" isaa Bankii Daldala] Itoophiyaatiin kan mirkanaa'e maqaa  waajjira Mallaqaa Magaalaa Gindhiiriiin hojjachiisee sanada koppii Teeknikaalaa waliin  saamsee dhiyeessuu qaba.

4.Dorgomaan kamuu kabachiisaa waliigaltee % 10 Qarshii Callaadhaan/cash/harkatti fidee Waajjira keenyaatti qabsiisuu kan danda'u.

5.Sanada caalbaasii Qarshii 1500.00 (kuma tokkoo fi dhibba shan )kan hin deebineen bitachuu kan danda'u.

6.Dorgomaan moo'achuu isaa ibsameefii ajajni bittaa erga kennameef booda guyyoota hojii Mootummaa 20/digdama / keessatti meeshaa qulqullina qabu bifaa,modeelaa fi baay'ina gaafatameen geejjiba isaatiin Waajjira Mallaqaa Magaalaa Gindhiiritti dhiyeessuu kan danda'u.

7. Dorgomaan yeroo gatii guutu meeshaa tokkoof gatii tokkoo qofa guutuu qaba.

8.Dorgomtoonni dorogoman bakka naamunaa /suuraa /meeshaa jedhutti dhiheessuun isaan irra jira. dokmantii ittiin dorgoman Faayinaanshiyaalaa fi Teeknikaalaa Orjinaalaa fi kophii adda addatti yookiin ammoo kophaa kophaatti waliigala poostaan 4'n saamsamee chaappaa dhaabbatichaa,mallattoo, lakk.Bilblaa fi Teessoo isaa waliin dhiyeessuu qaba.

9.Waajirri meeshaa bitu irratti akka barbaachisummaa isaatti %20 dabaluu fi hir'isuu mirga ni qaba.

10. Dorgomaan sanada bittaa guyyaa beeksifni caalbaasii gaazexaa kallacha Oromiyaatiin bahe irraa kaasee guyyoota hojii mootummaa kudhan(10) keessatti hanga saa'atii 11:30 tti waajjira galiiwwan Magaalaa Gindhiir irraa yeroo hojii mootummaatti bitachuu ni danda a.

11. Sanduuqni caalbaasii kan cufamu guyyaa 11ffaa ganama saa'atii 4:30 tti ta'a guyyaan kun guyyaa Ayyaanaa irra oolee yoo ta'e guyyaa itti aanu guyyaa hojii mootummaa ta'a.

12. Caalbaasiin kan banamu guyyuma kana ganama saa'ati 5:00 irratti Waajjira Mallaqaa Magaalaa Gindhiiritti yoo ta'u bakka dorgomtoonnii fi bakka buutonni seera qabeessaa argamanitti ta`a.

13. Dorgomtoonni dorgoman sanada ittiin dorgoman irratti bifa /modela meeshaa/ibsuu qabu.moodelli meeshaa hin guuttamne taanaan sanadni isaanii gonkumaayyaa hin dubbifamu.

14. Dorgomaan Kamiyyuu Kan dorgomuu danda'u haala hayyama daldalaa qabuun qofa ta'uu hubachuu qaba, kanaan ala kan dorgmu yoo ta'e caalbaasii keessaa ni haqama.

15. Sanadni caalbaasiii erga sanduuqni saamsamee booda dhiyaatu kamiyyuu fudhatama hin qabu.

16. Dorgomaan moo'atee waligaltee bittaa erga fudhate booda ji'ota jahaaf (6) akka turu/meeshaa dorgomee moo'ate daballii gatii tokkoon ala/meeshaa dorgomee moo'ate dhiyeessuu akka qabu beeku qaba.

17. Dorgomaa kanaan dura waajjira Bittaa raawwatu waliin waliigaltee mallateessee diige(dhiyeessuu dide)caalbaasii irratti hirmaachuun hin danda'u

18. Moo'ataadhaaf kafaltiin kan raawatamuuf meeshaalee dhiyaate ilaalee kan mirkaneessu koreen qulqullina meeshaa seektaroota irraa dhaabbateen fudhatama yoo argate qofaadha.

Hubachiisa :-Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbasicha walakkaadhaan ykn guutumaan gutuutti haquu mirga ni qaba.

Odeefannoodhaaf- Lak.bilbilaa 09-53-68-11-94 ykn 092003546 ykn 09-13-44-17-96

Godina Baalee Bahaatti Waajjira Mallaqaa Magaalaa Gindhiir


Tender details

  • Deadline: 2026-09-22
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 11ffaa sa,aatti 4:30ttii
  • Bid opening: 2026-09-22 11:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 11ffaa sa,aatti 5:00ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Baalee Bahaatti Waajjira Mallaqaa Magaalaa Gindhiir
  • Bid bond: Qarshii 50,000
  • Bid document price: Qarshii 1,500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-18T07:00:18.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders