Shoes and Other Leather Products

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa A/Sayyoo Sekteraalee Aanichaaf kan oolu bara baajeta 2019tti bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa A/Sayyoo Sekteraalee Aanichaaf kan oolu bara baajeta 2019tti 1.Uffaarmaa Seeraa hojjetoota 2.Meeshaalee Barreeffama 3.Meeshaalee Qulqullinaa 4.Meeshaalee Biiroo keessaa 5.Meeshaalee ijaarsaa 6.Gommaa konkolaataa 7.meeshaalee electironcsii 8.Farnicharoota adda addaa dhiyeessitoota seera qabeessa ta'an irraa waldorgomsiisee caalbaasii ifaadhaan bituu barbaada,

Haaluma kanaan beeksisni kun guyyaa gaazeesaa Kallacha Oromiyaa irratti maxxansamee bahee eegalee guyyoota hojii 15 qilleensa irra kan turu ta'ee dhiycessitootni ulaagaa armaan gadditti eeraman kan guuttan dorgomuu ni dandeessu.

Ulaagaa Dorgommiif Barbaachisan

1. Hayyama hojii dhiyeessa meeshaalee armaan olii qabaachuu isaa fi haareessuu isaaf ragaa kan hin deebine footoo koppii isaa dhiyeeffachu kan danda'u

2. Hayyama hojii bara 2019 kan haareesse fi gibira bara 2018 kaffaluu isaaf waajjira galiiwwanii irraa ragaa kan dhiyeeffate fi galmaa'a VATii kan ta'eef ragaa kan dhiyeessu

3. Galmee dhiyeessitootaa irratti galmaa'u isaaf ragaa kan dhiyeeffatu.

4. Adabbii bittaa irraa bilisa ta'uu isaaf ragaa kan dhiyyeeffatu.

5. Mo'ataan kamiyyuu meeshaalee ga'aa fi qulqullina qabu harcaatii tokko malee hanga waajjira Maallaqaa Aanaa Sayyootti dhiyeessuuf dirqama qaba.

6. Waldaaleen IMX Waraqaa Qaama Seerummaa haara'e dhiyeeffatu qabu.

7. Gatii gurgurtaa sanada caalbaasii kan hin deebine qarshiii 200.00/dhibba lama/qofa waajjira Galiiwwanii Aanaa Sayyootti kaffaluun waajjira Maallaqaa Aanaa Sayyoo kutaa Adeemsa bittaa lakk.2 sanada caalbaasii fudhachuu ni danda'a.

8. kabachiisa caalbaasii qar.50,000.00 (kuma shantama) qabsiisuu kan danda'u fi waldaaleen IMX xalayaa kabachiisa caalbaasii qaama isaan ijaare irraa waraqaa wabummaa dhiyeeffachuu qabu.

9. Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee dorgommiif tarraa'ani dhiyaatan hunda utuu bira hin darbin gatii guutee dhiyeessuuf dirqama qaba kana ta'u baannaan dorgommiin ala ta'a. Haa ta'u malee gatiin dhiyaatu qorannoo gabaatiin ol ka'aa yoo ta'e kufaa ta'a.

10. Mo'ataan kan adda ba'u gatiin waliigala 1.uffannaa seeraa hojjetootaa 2.Meeshaalee barreeffamaa 3.meeshaalee qulqullinaa 4.meeshaalee biiroo keessaa idaa'amni isaa fudhatamee tokkoon tokkoo isaa irratti gati gad-aanaa kan dhiyeesse mo'ataa ta'a. Haa ta'u malee 1. Electironiksii 2.Gommaa konkolaataa 3.meeshaalee ijaarsaa fi farnicharoota adda addaa irratti gosaan ykn/ Item/ gatii gad-aanaa kan dhiyeesse mo'ataa ta'a

11. Yeroo Gurgurtaa sanada caalbaasii guyyaa 5/13/2018 hanga 21/1/2019 poostaan saamsuun hanga sa'a 6:30 galii ta'ee gaafuma sana sa'a 8:00 irratti banama.

12. Sanada yaada dorgommii dorgomtootni dhiyeessan Maqaa, Teessoo,Mallattoo fi Chaappaa fi lakk.Bilbilaa dorgomaa qabaachuu qaba.

13. Sandni caalbaasii dhiyaatu hundi poostaa kopha kophaatti galii ta'u qaba akkasumas tecknika orijinaalaa fi koppiin isaa poostaa kopha kophaatti ta'ee lamaan isaa poostaa tokkotti akkasumas faayinaanshaalii orijinaalaa fi koppii isaa poostaa kopha kophaatti ta'ee lamaan isaa poostaa tokkotti ta'ee dhuma irratti lamaan isaa poostaa tokkoon saamsamee galii ta'uu qaba.

14. Mo'ataaf kaffaltiin raawwachuu kan danda'amu qulqullinni meeshaalee dhiyaatanii ilaalamee galii ta'ee erga mirkanaa'ee booda ta'a.

15. Waajirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gutummaan guututti ykn gar-tokkeen haquuf mirgi isaa eegamaadha.

16. Sanada caalbaasii dhiyaate irratti haqaa fi laaqaan hin danda'amu akkasumas jijjiruun hin danda'amu.

17. Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaate jijjiruu gatii fooyyeessuu caalbaasii keessaa ba'uun hin dandaa'amu.

Waajjira Maallaqaa A/Sayyoo


Tender details

  • Deadline: 2026-10-01
  • Bid closing time: 12:30
  • Bid opening: 2026-10-01 14:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa A/Sayyoo
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-18T08:58:07.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders