Kitchen Equipment

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Burraayyuu manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajata 2019 kan ooluuf meeshaalee gosa adda addaa (Meeshaalee Dhumeeyyii, Uffata Seeraa Hojjettootaa, Meeshaalee Qu

Description

Beeksis  Caalbaasii

Lakkoofsa  Caalbaasii 01/2019

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa KutaaMagaalaa Burraayyuu manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajata 2019.

kan ooluuf meeshaalee gosa adda addaa (Meeshaalee Dhumeeyyii, Uffata Seeraa Hojjettootaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Farnicharoota Biiroo keessaa fi Gommaa Maashinaarii fi Gommaa Konkolatootaa) Caalbasii Ifaadhaan Dorgomsiisee Bituu barbaada.

Haalota Tarreeffama

Dorgomtoonni Tarreeffama Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Caalbasii kun Gaazeexaa irratti bahee eegalee Guyyoota hojii walitti anaan 15 keessatti Waajjira Maallaqaatiin Kutaa Magaala Buraayyuu Lakk.Akkawuntii Baankii Siinqeetti Lakk. Herregaa 1065422441218 baname qarshii hin deebine qarshii 3000 (Kumaa sadii qofa) galii gochuun Bankii Siinqee Deposit slip Waajjira Galii Kutaa Magaala Buraayyuu gara Nagaheetti jijjiiruudhaan sanada Yadaa Dorgoomaa sa'aatii hojii Motuummaa yeroo hunda Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaala Burrayyuu irraa qaamaan dhuftanii sanada Caalbasii bitachuu ni dandeessu.

Qajeelfama /Dirqama /Dorgomtootaa

Dorgomtootni eeyyama hojii Daldala kan qabanii fi Gibira haala qajeelfamaatiin kan kaffalanii eeyyama daldala isaanii kan haaromsan kanaaf ragaa dhiyeessuu kan danda'an.

Dorgomtootni lakkoofsa addaa baasaa Kaffalaa gibiraa / Tax payer registration no/ certificate/ kan qabanii fi Ragaa dhiyeessuu kandanda’an.

Dorgoomanii sanaada calbaasii kana irraattii Hirmaatani kamiiyyuu kaffalaa Taksii dabalataa (VAT) galma'aa fi waraqaa ragaa galma'umaa kan qabu Akkasumaas dorgomtoonni weebsaayitii galmee dhiyeessummaa Ministeera Maallaqa Feederaalaa ykn Biiroo Maallaqa Naannoo ykn Ejensii bittaa fi Dhabamsiisa qabeenyaa irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weebsaayitii irratti galma'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii dhiyeeffachuu qabu.

Dorgomtoonni Manneen hojii mootummaa Bittaa Raawaachiisaanii Beekaamtuumaa qabaanii irraa Baayyina, qulqullinaa fi yeroon meeshaalee mo'atan galchuu isaaniif Raawwii hojii gaariif xalayaa manneen hojii irraa barreeffameef koppii xalayichaa dhiyeessuu qabu.

Dorgomitoonni kamiyyuu kabachiisa caalbasii cpo baankiin kan mirkana'e /Ragga'e/ CPO 300,0000 (Kumaa dhibbaa sadii qofa) sanada waliin dhiyeessuuf dirqama qabu.

Dorgomtoonni Caalbasii irraattii hirmaatee Darbee (Mo'atee) waliigaltee yemmuu mallatteessaan kabachiisa waliigaltee wabummaa baankii irraa mirkana'e CPO (Wabummaa % 10) qabsiisuu isaan barbaachiisa.

Dorgomaan kamiyyuu caalbasii ergamo'atanii booda meeshaalee mo’atan hunda geejjibaa isaanii fi baasii  isaaniitiin iddoo waajjirichi qopheesseetti dhiyeessuu qabu Dorgomtoonni kamiyyuu gatii sanada caalbasii waajjirichi qopheesse irratti guutuu qabu.

Dorgomtoonni caalbasichi erga banameen booda sanada caalbasii irratti jijjiirama ykn fooyya'insi gochuu ykn caalbasii keessa bahuun hin danda'amu.

Dorgomtoonni Meeshaalee bittaman haala Ispeesifkeeshinii kennameefin guute yoo dhiyeessuu baate fi dogongorri kamiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa/dorgomaa/ ta'uu beekuu qabu.

Dorgomaan caalbasii mo'atee waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti anaan 20(digdama) keessatti meeshaalee galii gochuu qaba. Yeroo jedhame keessatti galii gochuu yoo baate waliigaltee kennaan haala qajeelfamaatiin Tarkaanfii kan fudhatu ta'uu beekuu qabu.

Dorgomaan kamiyyuu Ispeesifkeeshinii meeshaalee gatii kenne ittiin injifateen ala filannoo biroo dhiyeessuu hin danda'u.

Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomaan sanada caalbaasii irratti guutuudhaan Orginalaa fi koppiidhaan adda baasuun Poosxaa saamsuudhaan Caalbaasii guyyaa gaazeexaa irratti bahee jalqabee guyyaa hojii walitti anaan hanga guyyaa 16fatti ganama irraa sa'aatii 4 :00tti Waajjira Maallaqaa  Kutaa Burayyuu Saanduqa dhimma kanaaf qophaa'e keessa galchuu ni dandeessu.

Caalbasichi guyyaa 16ffaa Ganamaa keessaa sa'aatii 4:00 irratti Cufame guyyuma sana Sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an bakka argamanitti ni banama.

Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guutuutti Orginaala ta'u qaba.

Dorgomtoonni ykn bakka bu'ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an hundi baninsa caalabsii irrattis yoo hin argamne Caalbasicha hin guufachisu.

Waajjirichi Mala/Tooftaa fooyya'aa /filannoo/ biroo yoo argate caalbasicha walakkeessanis ta'e guutumaan guutuutti haquu mirgi isaa kan eegameedha.

Hubachiisa Guyyaa Caalbsichi banamu yeroo /guyyaa/ hojiitiin ala yoo ta'e guyyaa hojii itti aanaa dhufu ta'a.

Ragaa Dabalataan yoo barbaadan Lakk.Bilbila (0112625576) bilbiluun hubachuun ni dandeessuu.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Burraayyuu


Tender details

  • Deadline: 2026-10-07
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa Ganamaa keessaa sa'aatii 4:00 irratti
  • Bid opening: 2026-10-07 10:30
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa Ganamaa keessaa sa'aatii 4:30 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa KutaaMagaalaa Burraayyuu
  • Bid bond: Qarshii 300,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3000.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 19, 2026)
  • Posted at: 2026-09-19T07:59:00.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders