Building Construction
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti Buusaan Gonofaa Damee Aanaa Midaa Qanyii. Mana kuusaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Baallammii keessatti kontiraakteroota ulaagaa guutan wal- dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti Buusaan Gonofaa Damee Aanaa Midaa Qanyii. Mana kuusaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Baallammii keessatti kontiraakteroota ulaagaa guutan wal- dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
1. Godina Shawaa Lixaatti Buusaan Gonofaa Damee A/Midaa Qanyii bara Baajetaa 2019tti Mana kuusaa Buusaa Gonofaa Magaalaa Baallammii keessatti turtii bara baajetaa wagga tokko keessatti hojjechiisuu barbaada.
2. Godina Shawaa Lixaatti Buusaan Gonofaa Damee A/Midaa Qanyii kontiraakteroota gosa hojii ijaarsa waliigalaa ykn kontiraakteroota gosa hojii ijaarsa Gamoo (GC-6 ykn BC-5) fi isaa ol ta'an hunda kan heeyyamni daldala isaanii bara baajetaa 2019E.C. haaromfate dorgomsiisee ijaarsa pirojeektii kana hojjechiisuu barbaada.
3. Dhaabbanni Sanada kana bitu iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun, kanfaltii hin deebine Qar. 2,000 (kuma lama) guyyaa beeksifni gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee yeroo hojii mootummaa Wixataa-Jimaataatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii, Magaalaa Baallammii Lakk. Herrega Baankii Siinqee 1052047771213 irratti galchuun nagahee Baankii Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitti fiduun bitachuu danda'a. Dhaabbanni Sanada kana bitatu VAT,TIN, heeyyama daldalaa seera qabeessa ta'ee fi ragaa gahumsa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa irraa fudhatee galmaa'e iyyata waliin walqabsiisee dhiyeessuu qaba.
4. Dorgomtootni odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta'uu fi Sanada caalbaasii, waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii armaan olitti ibsame irraa argachuu ni danda'u.
5. Dhaabbanni dorgommiif dhiyaatu hundi kabachiisa wabii caalbaasii maallaqa callaa Baankii Siinqee Damee Midaa Qanyii Lakk. Herregaa 1052047771213 irratti Qarshii 500,000( kuma dhibba shan qofa) guyyaa caalbaasiin banameen booda guyyoota 120f kan hojjetu ykn kan turu ta'uu qaba. Wabii caalbaasiitiif Qar.500,000 (kuma dhibba shan) bifa maallaqa callaa Baankii Siinqee irratti Maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitiin galii ta'ee,nagaheen Baankii gara nagahee Waajirichaatti jijjiiramuun dhiyaachuu qaba.
6. Caalbaasiin akkaataa hojmaata caalbaasii biyyaalessaa banaa labsii bittaa mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta'uu, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha. Kunis (sadarkaa lama: sadarkaa jalqabaa madaallii duraa fi teekinikaa dha. Inni lammaffaan sadarkaa;-madaallii faayinaansii dha).
7. Tuutni Sanada caalbaasii Afaan Oromiffaan guutuu ta'e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda'a. Iyyata barreeffamaa, waraqaa ragaa galmee VAT, Ministeera Ijaarsa ykn Abbaa Taayitaa Ijaarsa Oromiyaa dhiyeessuu irratti ragaa ga'umsa haaromfame, waraqaa ragaa galmeessa daldalaa, heeyyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmee kanfalaa gibiraa fi gibira Qulqulleessuun Biiroo Galli Oromiyaa ykn Federaala irraa fi EGP keessatti galmaa'uun teessoo armaan gaditti ibsamee fi kanfaltii hin deebine Qar. Itiyoophiyaa 2000 (kuma Lama) Herreega Baankii armaan olitti ibsametti galchuudhaan nagahce waajjira Maallaqaa A/Midaa Qanyii irraa fudhachuun guyyaa hojii 21, sa'aatii hoji guyyaa beeksisa jalqabaa gaazeexaa kallacha Oromiyaa irratti jalqabe irraa eegalce wiixatas hanga jimaataatti bitachuu danda'a.
8. Dhiyeessuu fi baniinsa Caalbaasii
a. Yeroon summuran caalbaasil (gahumsa teekinikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda'ee) dhiyaachuun guyyaa hojii 22ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazeexas kallacha Oromiyaa irratti beeksise irraa eegalee ta'a. Guyyaan 22ffaan guyyaa hojii yoo hin taane guyyaa hojii itti aanu ta'a,
b. Orijinaallii fi waraabbiin sanadoota gahumsa teekinikaa adda addaa envelope cufame keessatti "Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa teekinikaa" jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii argamu qofatti banamuu qaba" jedhamee ifatti kan barreeffameyoo ta'u, kabachiisa wabii caalbaasii qofaatti saamsuun Sanada teekinikaa orijinaala waliin ni kaa'ama.(waraabbiin Sanada gahumsaa Teekinikaa akkaataa Sanada caalbaasii SCI keessatti ibsameen dhiyaachuu qaba)
c. Orijinaallii fi koppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame elkeessatti kan mallatteeffame "Orijinaalan fi koppii sanadoota dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffame yoo ta'u, envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cusamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u. "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba. (waraabbiin Sanada faayinaansii akkaataa Sanada caalbaasii SCI keessatti ibsameen dhiyaachuu qaba)
d. Sanadni lamaanuu piroppoozaala Teekinikaa fi Faayinaansii Envelope haadha tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi odeeffannoowwan biroo waraqaa raga irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banamuu qaba" kan jedhubarreeffamuu qaba.
e. Chaappaa fi mallattoon akkaataa Sanada caalbaasii qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba.
f. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtootni ragaa caalbaasii Sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.
g. Sanadni ulaagaa guutuu guyyaa beeksisa jalqabaa guyyaa hojii irraa eegalee guyyuma sanatti sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:30tti guyyaa 22ffaa ni banama. Guyyaan 22ffaa guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.
h. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kun turuu fi sanduuqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka odiiterri ykn qaamni heeyyamameef kamiyyuu jirutti, hanga dhiycessiin faayinaansii(S) dorgomtoota gahumsa qaban beeksifamutti ni tura.
i. Koreen Abbaa pirojeektiin/maamilaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii Sanada caalbaasii irratt hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hijiirra oolchuudhaan. Dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e Sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu ykn walsimsiisaa teekinikaa isa xiqqaa Sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati.
j. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teekinikaa guutan qofatu faayinaansiin isaa banama.Faayinaansii dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabnee (i.e Ulaagaa guutuu qabaachuu qabu kan hin qabne osoo hin banamiin ni deebi'a). Abbaan pirojeektii guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.
k. Sanada sobaa ykn Sanada gahumsa teekinikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf yaaliinyoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.
I. Maamilichi ''sanada gahumsa teekinikaa" "sanada dhiyeessii Faayinaansii" envelops keessatti dogongoraan kaa'amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan diduu fi itti gaafatamummaa hin fudhatu.
9. Hojii irra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a.
10. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii 365(Dhibba sadii fi jaatamii shanii ta'een kan xummuramu ta'uu fi haalli mijataan yoo jiraate maamilichi guyyaa hojiin xummuramu xiqqeessuu ni danda'a.
11. Kontiraakteroota hojii harkaa qaban adeemsi hojii fiizikaalaa 75% ol ta'uu, ragaan maamila pirojecktotaa irraa walitti qabamuu qaba.
Buusaa Gonofaa Damec A/Midaa Qanyii caalbaasii kana gar-tokkeen ykn guutummaan guutuun haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataaf:-Bilbila:- 0921546927 ykn 0913777129
Buusaa Gonofaa Damee A/Midaa Qanyii
Tender details
- Deadline: 2026-10-12
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 22ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00tti
- Bid opening: 2026-10-12 14:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii 22ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2,000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
- Posted at: 2026-09-22T13:59:37.000Z
- Source: 2merkato