Building Construction

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Algee Saachii Gamoo Tajaajila Iddoo tokkoo (MESOB)Abbaa Darbii 3 (G+3) Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii tiif bara Baajataa 2019 keessa ramadameen, Magaalaa Algee keessatti turtii guyyootaa 730 keessatti hojjatee xumuramuuf

Description

Waamicha Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Algee Saachii Gamoo Tajaajila Iddoo tokkoo (MESOB)Abbaa Darbii 3 (G+3) Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii tiif bara Baajataa 2019 keessa ramadameen, Magaalaa Algee keessatti turtii guyyootaa 730 keessatti hojjatee xumuramuuf caalbaasii ifaan baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyama seera qabeessaa qaban dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Kaanafuu:

1. Dorgomtoonni dorgomuuf fedhii qaban ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu

I. Dorgomtoonni ragaa gahumsa Abbaa Taayitaa konisitiraakshnii Oromiyaa YKN Ministeera konistiraakshinii Federaalaa irraa gosa (Category) GC-3/BC-2 fi isaa ol kan ta'ee qabuu fi kan bara baajata 2019 E.C haaromfame dhiyeessuu kan danda'u

II. Ragaa VAT fi TIN kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniin kenname kan dhiyeeffachuu kan danda'u.

III. Hayyamni Daldalaa /Daldalaa yeroo caalbaasii fi Mirkaneessa Galmee Daldalaa qaamolee hayyamaman irraa kan bara 2019 haaromfate dhiyeessuu kan danda'u.

IV. Ragaa Qulqullina Gibiraa/Tax clearance certificate/ bara 2018 Abbaa Taayitaa Galiiwwanii biyya keessaa irraa kan kenname kan dhiyeeffachu danda'u.

V.Ragaa Dhiyyeessumma Ejensii Bittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Itiyoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAA)/ Tarree Dhiyeessitootaa irratti galmaa'uu (Suppliers list) kan dhiyeeffachu danda'u.

2. Caalbaasiin hojimaata Caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa /National Competitive Bidding (NCB) tiin kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada caalbaasii irratti ibsameen ta'a.

3. Hirmaattonni caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii Qarshii 500,000 (Kuma dhibbaa shan qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda Ayeroo turtii guyyoota 148'f kan hojjatu ta'uu qaba; wabii caalbaasiitiif Qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan) bifa CPO qofaan Baankii irraa maqaa "Waajjira Maallaqa Aanaa Algee Saachii tiif" jechuun dhiyyaachuu qaba.

4. Hirmaataan caalbaasii mo'ate gatii waliigalaa keessaa Wabii Hojii (performance bond) 10% qabsiisuudhaan mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda'u ta'uu qaba.

5. Dorgomtoonni ulaagaa guutuuf fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuu fi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta'e dabalatee, Waajjira Maallaqaa Aanaa Algee Saachii Kutaa Adeemsa Bittaa dhaquun sa'aatii hojii Mootummaatti dhiyaachuun Qarshii 3,500.00 (kuma sadiif dhibba shan) Herrega Baankii Daldalaa Lakk.1000170686113 tti galchuun nagahee galii waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaani A/Algee Saachiitti fiduun bitachuu ni danda'u. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromoo fi Ingiliffaan qophaa'an, dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa beeksisni bahe irraa eegalee 14/1/2019 hanga 12/2/2019 guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda'a.

6. Dhaabbanni caalbaasii kana irratti hirmaatu Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii irratti argamuudhaan (site visit) gochuun isaa waraqan raga daawwannaa mana hojii keenyaa fudhachuudhaan, xalayaa kana sanada tecknikaa keessatti saamsudhaan dhiyeessuu qaba

7. Akkaataa sanadni dokimantii Teeknikaalaa fi Faayinaanshiyaalii itti dhiyyaatu:

a. Orijinaalli fi waraabbiin sanadoota gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti "Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa" jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi envelope lamaan erga qofaa qofaatti saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "koreen caalbaasii irratti qofa banamu" jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta'u, Wabii Kabachiisa Caalbaasii (CPO) qofatti saamsuun sanada teeknikaa orijinaala waliin ni kaa'ama.

b.Orijinaallii fi Waraabbiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame "Orijinaalii fi Waraabbii Sanadoota dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffame yoo ta'u, envelope lamaan qofaa qofaatti erga saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba.

C. Lamaanuu Piropozaala Teeknikaa fi Faayinaansii keessatti Envelope haadha tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka Koree caalbaasii jirutti qofa banamuu kan qabu ta'uu qaba".

d.Chaappaa, mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba.

e. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.

f. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kan turuu fi saanduqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamilichi hayyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessiin faayinaansii(S) dorgomtoota gahumsa qaban beeksisaan himamutti cufamee kan turu ni ta'a.

g.Koreen maamilaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisaa teeknikaa isa Sa Caaivaas aa

h.xiqqaa sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teeknikaa ulaagaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta'an qofatu guyyaa banamuu faayinaansii ni banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (i. e Ulaaga guutuu qabaachuu qaba osoo hin banamin ni deebi'a). Maamilchi guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.

i. Sanada sobaa dhiyeessii faayinaansii yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti agarsiisuuf yaaliin yoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.

j. Maamilichi "Sanada Gahumsa Teeknikaa" "Sanada Dhiyeessii Faayinaansii" envelops keessatti dogoggoraan kaa'amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan fiduuf itti gaafatamummaa hin fudhatu.

8. Caalbaasiin guyyaa beeksisni Gaazexaa irratti ba'e kaasee guyyaa hojii Digdamii tokkoof (21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22 faa (digdamii lammaffaa) gaafa guyyaa 13/2/2019 Waaree duraa sa'a 4:00 irratti cufaamee, sa'a 4:30 irratti ifaatti ni baanama. Hata'uu malee, guyyaan 22an (digdamii lammaffaan) guyyaa hojii yoo ta'u baate, guyyaa hojii mootummaa itti aanuutti sa'a walfakkaataatti cufaame akka banamu ni ta'a. Caalbaasiin hundi wabii kabaachisa caalbaasii ibsame waliin ta'uu qaba. Sanada Yada doorgomii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bids will be rejected). Sanada Yada doorgomii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Algee Saachiitti bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu'oonni seeraa qabeessaa argamanitti ifaati ni banama.

9. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a.

10. Waajjirichi faayidaa argame bu'uureffachuun caalbaasii bahe kana guutumaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirgaa qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf

Wajjiraa Maallaqaa Aanaa Algee Saachii

Bilbila:- +251953-6508/+251913-3570-97

Soba Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii

Bilbila:- +251913-1696-86

Aanaa Algee Saachii, Algee

Waajjira Bulchiinsa Godina I/A/Booritti

Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii


Tender details

  • Deadline: 2026-10-23
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-10-23 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Algee Saachii
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3500.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 24, 2026)
  • Posted at: 2026-09-24T07:47:16.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders