Building Construction

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mi'eessoo ijaarsa gamoo Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Mi'eessoo marsaa tokkoffaa (Phase one) magaalaa Mi'eessoo keessatti baajata idilee bara 2019 tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyoolessaatiin kontiraaktaroota gahumsa qabanii fi ul

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Mi'eessoo ijaarsa gamoo Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Mi'eessoo marsaa tokkoffaa (Phase one) magaalaa Mi'eessoo keessatti baajata idilee bara 2019 tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyoolessaatiin kontiraaktaroota gahumsa qabanii fi ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisuun hojjachiisuu barbaada. Kanaafuu, kontiraaktarootni

ulaagaalee armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.

1. Kontiraaktaroota hayyamaa ijaarsaa waliigalaa GC sadarkaa 5/BC-5 fi isaa ol qaban.

2. Gibira bara 2018 kan kafalanii fi Hayyama daldalaa bara 2019 haaroome dhiyeessuu qabu.

3. Gibira bara 2018 ittiin kafalan waraqaa ragaa qulqullina waajjira A/T galiiwwaanirraa kan dhiyyeeffachuu danda'an ta'uu qabu.

4. Galma'aa Taaksii Dabalata qabeenyaa(VAT) kan ta'anii fi ragaa Galma'aa kafalaa gibiraa (TIN) kanneen qaban.

5. Dorgomtoonni tarreefama dhiyeesitootaa keessatti galmaa'uu isaanii waraqaa ragaa kanneen qaban.

6. Waraqaa Ragaa gahumsaa (Certificate of Competence) bara 2019 E.C tti haaromfame Abbaa taaytaa koonistiraakshinii Oromiyaa irraa ykn ministeera misooma magaalaa fi manneenii Ethiopia irra dhihefatu qaban.

7. Dorgomtooni sanada caalbasii Sumudaa W/Maallaqaa Aanaa Mi'eessoo, A/T/konistiraakshinii fi waaj/bulchiinsaa Aanaa Mi'eessootiin mirkanaa'e sanada piroojektii tokkoo qarshii 2000(kuma Lama) kan hin deebineen Waajira A/T/Galiitti kafaluun bitachuu kan danda'an.

8. Bakki sanduuqni caalbaasii itti argamuu Waaj/Maallaqaa Aanaa Mi'eessoo yoo ta'u erga caalbaasiin cufamee booda sanadni yaada dorgomii caalbaasii dhiyaatu fudhatama hin qabu.

9. Guyyaa xumuura dhiheessi sanada yaada dorgommii caalbaasii itti galuu fi cufamu erga qilleensa irra oolee booda guyyaa 21ffaa erga xumurame Sa'aatii 4:00-4:30tti yoo ta'u, guyyuma caalbaasiin gale kana Sa'aatii 4:30tti sanadni yaada dorgomii teekinika Galma Waajjira Bulchinsa Aanaa Mi'eessotii bakka dorgomtoonii hordofuuf fedhii qaban argamanitti kan banamu ta'a.. Guyyaan kun yoo guyyaa hojii tahuu baatee guyyaa ittii anutti kan darbuu tahuu isaa isin hubachiifna.

10. Dorgoomtoonni yookiin bakka buutoonni argamaniis argamuu baataniis baanamiinsa caalbaasichaa gufachiisuu hin danda'an.

11. Caalbaasichi (poostaa) Invelooppii[ shaniin] 5 kan dhiyaatu yoo ta'u, sanadni Teeknikaa orjinaalli kophaatti, poostaa tokkoon saamiidhaan saamsamuu qaba, waraabbii (Koppii)n isaas kophaatti poostaa tokkoon samsamuu qaba, Sanadni gatiin irratti guutames (financial Document) orjinaalli isaa kophaatti poostaa tokkoon Waraabbiin isaa poostaa biraa tokkoon samsamee dhihaatu qaba akkasumasa wabiiin kabachiisa caalbaasii qarshii 300,000 xalayaa baankii irraa caalbaasicha maqaa dhawuun mirkanaa'e poostaa biraatin irratti maallattefamee dhihaachuu qaba. Poostaa sanada shananuu sumudaa dorgomaatiin mirkanaawee maqaan dhaabbata dorgomuu, gosti piroojaktii, gosti sanada poosticha keessa jiruu fi orjinaala fi koppii ta'uun isaa adda bahee irratti barrawee dhihaatu qaba.

12. Dorgomtootni sanada caalbaasii ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii orjinaalaa fi kooppii akkaataa kanaa olitti ibsameen addaan osoo hin baasiin dhiheessan sanadni isaanii osoo hin banamne guututti kufaa tahu dhaan caalbaasii ala taha.

13. Dorgomtootni bu'aa caalbaasii ulaagaa teeknikaa irratti kufan sanadni caalbaasii faaynaansii (Financial Document) isaanii osoo hin banamin kufaa taha.

14. Dorgomtootni ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii guutanii darban keessaa dorgomaan (tuun) gatii xiqqaa qofa osoo hin taane "Gatii Xiqqaa Ogeessaan Madaalame(Technically Evaluated Least Price Bidder)" Dhiheesse (Dhiheesite) moo'ataa (Moo'attuu) tahee kan dabaru(tu) taha.

15. Sanadootni caalbaasii Ulaagaalee Teeknikaa fi Faaynaansii barreefama haqamee fi qulqullina hin qabne, kanneen fuula hunda irratti mallattoo fi sumudaa hin qabnee fi kanneen samiidhaan hin samsamin guututti kufaa taha.

16. Daawwannan iddoo hojii dirqamaa fi xalayaa ragaa dawwannaa iddoo hojii waajjiraa bulchinsa Aanaa mi'essoo irra fiduun dirqama.

17. Caalbaaasiin kun ragga'ee kan turu guyyaa caalbaasiin baname irraa kaasee guyyaa 90[sagaltama] kan turudha.

18. Waajjirichi Caalbasii kana gar-tokkee isaa yookiin guutuu guututti haquuf aangoo guutuu qaba.

Ibsa dabalataatif lakk. bilbilaa: 09 67 73 87 07 Waajjira Maallaqaa Aanaa Mi'eessoo


Tender details

  • Deadline: 2026-10-23
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa 21ffaa erga xumurame Sa'aatii 4:00-4:30tti
  • Bid opening: 2026-10-23 12:00
  • Bid opening (note): guyyaa 21ffaa 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Mi'eessoo
  • Bid bond: Qarshii 300,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 03, 2026)
  • Posted at: 2026-10-05T07:31:02.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders