Construction Machinery and Equipment
Wajjirri Daandiiwwanii fi Lojistiksii A/ Gommaa Kiraa Maashinaan Daandii Haaraa,suphaa Boca dugda daandii fi suphaa waliigalaa Aanicha keessatti argaman hojjachiisuu waan barbaaduuf caalbaasii Ifaan dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Description
Beeksisa caal-baasii Ifaa
Wajjirri Daandiiwwanii fi Lojistiksii A/ Gommaa Kiraa Maashinaan Daandii Haaraa,suphaa Boca dugda daandii fi suphaa waliigalaa Aanicha keessatti argaman hojjachiisuu waan barbaaduuf caalbaasii Ifaan dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Bu'uuruma sanaan dhaabbattootni ulaagaalee armaan gadii guuttan dorgomuu dandeessu.
1. Eeyyama kireessaa maashinaa kan qabu fi kan haaromse.
2.Galma'aa VAT fi Lakk TIN kan qabu.
3. Gibira bara 2018 kan kaffale fi Galiiwwanii dhiheeffachuu kan danda'u. ragaa w/ra
4. Dorgommii irraa irratti hirmaachuuf galmee dhiheessitootaa irratti kan galmaa'e fi raga isaa dhiheessuu kan danda'u.
5. Dorgoomtonni Maqaa maashinichaa, moodela maashinichaa, human maashinichaa, lakk. oomishaa, Humna maashinichaa fi kan dhuunfaa yookiin kiraa kiraa ta'uu isaaf ragaa barbaachisu dhiyeessuu kan danda'an.
6. Dorgoomtonni Kabachiisa caalbaasii gatii hundaa Boba'aa waliin irraa 1% CPO ykn cheekii baankidhaan mirkanaa'e sanada waliin Teeknikaalaa orijiinaala poostaa tokko keessatti samsuudhaan dhiyeessachuu qabu.
7. Dorgomtootni sanada isaanii Orijinaala fi Kooppii lama koppii 1ffaa fi kooppii 2ffaa jedhamee irratti barreeffamee adda addatti fi poostaan sadan isaanii Poostaa Haadhoo tokkoon gagaan saamsuun maqaa, teessoo fi bilbila isaanii poostaa hunda irratti barreessuun saanduqa dhimmi kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
8. Haala qabatamaa hojii irratti hundaa'uudhaan yeroon/hangi hojii maashinaaf kenname 20% dabaluu ykn hir'achuu ni danda'a.
9. Gatiin feesisaa (lowbed), Boba'aa fi sarviisii opireetaraa fi to'ataa bakka bu'aa kireeffataa mo'ataadhaan kan haguugamu ta'a. Dis innoots 100 dorgoomaa Ulaagaa
10. Mo'ataan barbaachisu guutee fi gatii gadi aanaa gosa maashinaa galche irratti ta'a.
11. Dorgomaan Sanada caalbaasii qarshii hin deebine 1,000.00 (kuma tokko) kaffaluun Waajjira Maallaqaa A/Gommaa irraa bitachuu qabdu.
12. Caalbaasichi gaazexaa irratti erga bahee booda guyyaa tokko qilleensa irra turuudhaan Guyyoota hojii 15'f banaa ta'a.
13. Caalbasichi gaafa guyyaa 16ffaa sana sa'aatii 6:30tti cufamuudhaan guyyaa itti aanuu sa'aatii 3:00tti irratti bakka dorgoomtonni ykn bakaa bu'oonni argamanitti w/ramallaqaa A/Gommaatti banama.
14. Dhaabbatni mo'ate kabachiisa waliigaltee 10% qabsiisuuf dirqama qaba.
15. Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen yknguutuun haquuf mirgi isaa eegamaa dha.
Hubachiisa Odeeffannoo dabalataaf lakk bilbilaa: - 047 221 1231
Waajjira Daandiiwwanii fi Lojistiksii A/ Gommaa
Tender details
- Deadline: 2026-10-19
- Bid closing time: 12:30
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa Sa,aatti 6:30tti
- Bid opening: 2026-10-20 09:00
- Bid opening (note): Guyyaa 17ffaa Sa,aatti 3:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: WAAJJIRA DAANDIIWWANII FI LOOJISTIIKSII A/G/J
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 1,000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 01, 2026)
- Posted at: 2026-10-05T08:14:39.000Z
- Source: Qelal Tenders