Building Construction
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ciroo Ijaarsa Waajjira Bulchiinsa Aanaa Ciroo Gamoo G+3 ijaarsisuu waan barbaadeef dorgomtootni biyya keessaa ulaagaa armaan gadii kana guuttan akka dorgomtan isin affeera
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ciroo Ijaarsa Waajjira Bulchiinsa Aanaa Ciroo Gamoo G+3 ijaarsisuu waan barbaadeef dorgomtootni biyya keessaa ulaagaa armaan gadii kana guuttan akka dorgomtan isin affeera.
Waajjira Maallaqaa Aanaa Ciroo gosa ijaarsa armaan olitti ibsamee kanaaf dorgomtoonni caalbaasii kana irratti dorgoman ragaalee armaan gadii dhaleeyfachuu dirqama qaban.
- Waraqaan ragaa galmee hayyama ogummaa dorgomaa haara'e Abbaa Taayitaa Konistrakshinii Oromiyaa ykn Ministera Magaalaa fi Manneen Federaalaa Sadarkaa Ga'umsa GC-3 ykn BC -2 fi isaa ol ta'e kan qabu ragaa bara 2019tti haara'e dhaleeyfachuu qaba.
- Hayyama daldalaa haaromfamee qabaachuu qaba.
- Waraqaa ragaa qulqulina kafalta gibiraa bara 2018ti fi caalbaasii kana irratti akka dorgomuu danda'u xalayaa ragaa Abbaa Taayitaa Galiwwan Gibira Itti Kaffalan irraa ragaa dhaleffachuu qaba.
- Waraqaa ragaa galmee taksii dabalataa qabenya gatii. Waligaltee 100,000 (Kuma dhibba tokko) caaluu fi isaa ol tahe Abbaa Taayita Galiwwan Oromiyaa yookaan Ministera Galiwwan Federaala irraa fudhachuu qaba.
- Heyyama daldalaa seera qabeessa ykn waraqaa ragaa galmee hundeeffama dhaabbata daldalaa ragaa dhaleffachu qaba.
- Caalbaasiin kun adeemsa caalbaasii biyyoolessatti kan hordofee ifatti kan bahee fi dorgomtoota ulaagaalee madaallii dandeetti teknikaa, ga'umsaa fi muuxannoo qaban akka armaan gadii kanatti ibsaman guutaniif ifatti bahee jira.
- Dorgomaan caalbasii kana irratti hirmaachuudhaaf fedhii qabu ragaalee sanada caalbaasii bitachuudhaaf sa'aa hojii mootummaa guyyoota 21 fi ganama 2:30 hanga 11:30 guyyootan hojii Wiixataa hanga Jimaataa argachu dandeessu. Sanadni caalbaasii guutuun Afaan Oromootin kan qophaawe fi dorgomaan sanada caalbaasii kana hirmaatuu barbaaduu qarshii hin deebine 3000 (kuma sadii) qofa kafaludhan iddoo armaan gaditti ibsamee kana irraa argachuu dandeysu.
- * Godina Bahaa Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ciroo biiroo lakk-3
- Dorgomaan sanada caalbaasii kana irratti hirmaatu dokumentii teknika copy fi original posta garagaraa keessatti samiidhaan cufuun kan dhiheeysan taha. Akkasumas dokumentii financial original fi copy posta garagara kessa galchuudhaan samin cufudhan kan dhiheysan taha.
- Madaalliin ykn xinxallii caalbaasii kan ademsifamu jalqaba xinxala teknikaa itti ansun xinxala financial kan godhamu taha.
- Dorgomtootni sanada caalbaasii kan dhiyaatee irratti kan itti dorgomanii postaa saamsameen guyyaa caalbaasiin kun bahii ta'ee maxanfamee irraa egaalee hanga Onkoloolessa 27/02/2019 hanga sa'aa 4:30 lakk. biiroo 3 galii godhuu qabu.
- Dorgomaan caalbaasii kana irratti hirmaatu hundinuu wabii kabachisa caalbaasii Qarshii 500,000(Kuma dhibba shan) bifa CPO tiin mirkana'e dhaleffachu qaba. Dorgoman kana oso hin godhin hafee sanadnii caalbaasii isaa xinxala teknikatif kan hin dabarre fi dorgommin ala ta'a. Dorgomtoonni sanada tekniika fi financial firi tokko tokkoo fi copy bayina firi lama galchu qabu.
Hubachiisa: Dorgoman qaamaan dhiyaachuu yoo baate sanada caalbasii yeroo galchu poostaa irratti bakkan an hin jirretti sanadni caalbaasii kiyya banamee xinxalaaf ha dhiyaatu je'e irratti barreessee mallatteessu qaba. Kana osoo hin godhiin yo dhisee ykn guyyaa caalbaasiin bana- mtuu qaamaan achitti hin argamiin dorgimiin ala ta'a.
12. Sanadni caalbaasii teknika fi financial dorgomtoota guyya Onkoloolessa 27/02/2019 sa'aatii 8:30tti bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan jirutti ni banama.
13. Iddoon sanadni caalbaasii dorgomtootaa itti banamu
- * Godina Baha Oromiyaa Wajj/Mallaqa Aanaa Ciroo
14. Manni hojii mootummaa haala kamiinuu caalbaasii kana gar tokkenis tahe guutummaatti haquu mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataaf Godina Baha Oromiyaa
Wajj/Maallaqaa Aanaa Ciroo
Lakk. Bilbilaa: 09 12 86 27 23
Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ciroo
Tender details
- Deadline: 2026-11-06
- Bid closing time: 10:30
- Bid opening: 2026-11-06 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ciroo
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 3000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 09, 2026)
- Posted at: 2026-10-09T09:04:03.000Z
- Source: Qelal Tenders