Building Construction
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waajjira Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Ijaarsa Pirojeektii kenna Tajaajila kenniinsa Iddoo Tokkoo(Masoobii) Gamoo abbaa darbii afurii duraan ijaaramee jiru keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan wal-dorgomsiisee hoj
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waajjira Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Ijaarsa Pirojeektii kenna Tajaajila kenniinsa Iddoo Tokkoo(Masoobii) Gamoo abbaa darbii afurii duraan ijaaramee jiru keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan wal-dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
1. Godina Shawaa Lixaatti Waajjira Bulchiinsa A/Midaa Qanyii bara Baajetaa 2019tti Ijaarsa Pirojeektii kenna Tajaajila kenniinsa Iddoo Tokkoo(Masoobii) turtii bara baajetaa waggaa tokko keessatti hojjechiisuu barbaada.
2. Godina Shawaa Lixaatti Waajirri Bulchiinsa A/Midaa Qanyii kontiraakteroota gosa hojii ijaarsa waliigalaa ykn kontiraakteroota gosa hojii ijaarsa Gamoo (GC-5 ykn BC-5) fi isaa ol ta'an hunda kan heeyyamni daldala isaanii bara baajetaa 2019E.C. haaromfame affeeree jira.
3. Sanadoonni Caalbaasii iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun fi kanfaltii hin deebine Qar. 2,000 (kuma lama) beeksisa guyyaa jalqabaa irraa eegalee yeroo sa'aatii hojiitti gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee hanga dhumaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii, Magaalaa Baallammii irraa bitamuu ni danda'a. Wixataa-Jimaataatti yeroo sa'aatii hojii dorgomaan qarshii 2,000(kuma lama) Herrega Baankii Siinqee damee Aanaa Midaa Qanyii Lakk.Herregaa 1052047771213tti galchuun nagahee Baankii Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitti fiduu qabu. Dorgomaan "VAT" fi raga galmee TIN, heeyyama daldalaa seera qabeessa ta'ee fi ragaa galmee seera qabeessa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa biraa fudhatee galmaa'e iyyata waliin dhiyaachuu qaba.
4. Dorgomtootni odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta'uu fi Sanada caalbaasii, waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii armaan olitti ibsame irraa argachuu ni danda'u.
5. Caalbaasiin hundi kabachiisa wabii caalbaasii maallaqa callaa Baankii Siinqee Damee Midaa Qanyii Lakk. Herregaa 1052047771213 irratti Qarshii 500,000( kuma dhibba shan qofa) guyyaa caalbaasiin banameen booda guyyoota 120f kan hojjetu ykn kan turu ta'uu qaba. Wabii caalbaasiitiif Qar. 500,000 (kuma dhibba shan) bifa maallaqa callaa Baankii Siinqee irratti Maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyiitiin galii ta'ee,nagaheen Baankii gara nagahee Waajirichaatti jijjiiramuun dhiyaachuu qaba.
6. Caalbaasiin akkaataa hojmaata caalbaasii biyyaalessaa banaa labsii bittaa mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta'uu, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha. Kunis (sadarkaa lama: sadarkaa jalqabaa madaallii duraa fi teekinikaa dha. Inni lammaffaan sadarkaa;-madaallii faayinaansii dha).
7. Tuutni Sanada caalbaasii Afaan Oromiffaan guutuu ta'e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda'a. Iyyata barreeffamaa, waraqaa ragaa galmee VAT, Ministeera Ijaarsa ykn Abbaa Taayitaa Ijaarsa Oromiyaa dhiyeessuu irratti ragaa ga'umsa haaromfame, waraqaa ragaa galmeessa daldalaa, heeyyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmee kanfalaa gibiraa fi gibira Qulqulleessuun Biiroo Galii Oromiyaa ykn ERCA irraa fi EGP keessatti galmaa'uun teessoo armaan gaditti ibsamee fi kanfaltii hin deebine Qar. Itiyoophiyaa 2000 (kuma Lama) Herreega Baankii armaan olitti ibsametti fiduudhaan nagahee gara waajjira Maallaqaa A/Midaa Qanyiitii hanga guyyaa hojii 21ffaa fi sa'aatii hojii guyyaa becksisa jalqabaa gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti jalqabe irraa eegalee wiixataa hanga jimaataatti.
8. Dhiyeessuu fi baniinsa Caalbaasii
a. Yeroon xummuraa caalbaasii (gahumsa teekinikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda'ee) dhiyaachuun guyyaa hojii 22ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti beeksise irraa eegalee ta'a. Guyyaan 22ffaan guyyaa hojii yoo hin taane guyyaa hojii itti aanu ta'a..
b. Orijinaallii fi waraabbiin sanadoota gahumsa teekinikaa adda addaa envelope cufame keessatti "Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa teekinikaa" jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "KOREEN CAALBAASII IRRATTI QOFA BANAMU" jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta'u, wabii caalbaasii qofaatti saamsuun Sanada teekinikaa orijinaala waliin ni kaa'ama.(waraabbiin Sanada gahumsaa Teekinikaa akkaataa Sanada caalbaasii SCI keessatti ibsameen dhiyaachuu qaba)
C. Orijinaallii fi koppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame " Orijinaalaa fi koppii sanadoota dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffame yoo ta'u, envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u. "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba. (waraabbiin Sanada faayinaansii akkaataa Sanada caalbaasii SCI keessatti ibsameen dhiyaachuu qaba)
d. Sanadni lamaanuu piroppoozaala Teekinikaa fi Faayinaansii Envelope haadha tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi odeeffannoowwan biroo waraqaa raga irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banamuu qaba" kan jedhu barreeffamuu qaba.
e. Chaappaa,mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba.
f. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtootni ragaa caalbaasii Sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa cegama. qoyil
g. Sanadni ulaagaa guutuu guyyaa beeksisa jalqabaa guyyaa hojii irraa eegalee guyyuma sanatti sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:30tti guyyaa 22ffaa ni banama. Guyyaan 22ffaa guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.
h. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kun turuu fi sanduuqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamila heeyyamameef kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessiin faayinaansii(S) dorgomtoot gahumsa qaban beeksisa banamutti ni qabata.
i. Koreen Abbaa pirojeektii/maamilaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii Sanada caalbaasii irratti hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa raga caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan. Dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e Sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu ykn walsimsiisaa teekinikaa isa xiqqaa Sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati.
j. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teckinikaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta'an qofatu guyyaa banan faayinaansii ni banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (ie Ulaagaa guutuu qabaachuu qabu kan hin qabnen osoo hin banamiin ni deebi'a). Abbaan pirojektii guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.
k. Sanada sobaa ykn Sanada gahumsa teekinikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf yaaliin yoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.
LMaamilichi "sanada gahumsa teekinikaa" "sanada dhiyeessii Faayinaansii" envelops keessatti dogongoraan kaa'amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan diduu fi itti gaafatamummaa hin fudhatu.
9. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a
10. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii 120(Dhibba tokkoo fi digdama) ta'een kan xummuramu ta'a.
11. Kontiraakteroota hojii harkaa qaban adeemsi hojii fiizikaalaa 75% ol guutuu ta'uu fi ragaan maamila pirojecktotaa irraa walitti qabamuu qaba.
12. Waajjira Bulchiinsaa A/Midaa Qanyii caalbaasii kana gar-tokkeen ykn hunda fudhachuu ykn diduudhaaf mirga qaba. Odeeffannoo dabalataaf:- Bilbila:- 09 13 94 28 40 ykn 09 17 28 38 11
Waajjira Bulchiinsaa A/Midaa Qanyii
Tender details
- Deadline: 2026-11-02
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:00tti
- Bid opening: 2026-11-02 14:30
- Bid opening (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Midaa Qanyii
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 08, 2026)
- Posted at: 2026-10-09T09:10:19.000Z
- Source: Qelal Tenders