Building Construction

Godina Shawaa Lixa Aanaa Noonnootti Waajjirri Barnootaa Aanaa Noonnoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2 ffaa Shanan Mattuu Gamoo Abbaa darbii lamaa( G+2) Ganda M/Sillaasee keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan Wal- Dorgomsiisee Hojjachiisuu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii 1ffaa Lakk. Caalbaasii 001

Godina Shawaa Lixa Aanaa Noonnootti Waajjirri Barnootaa Aanaa Noonnoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2 ffaa Shanan Mattuu Gamoo Abbaa darbii lamaa( G+2) Ganda M/Sillaasee keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan Wal- Dorgomsiisee Hojjachiisuu barbaada.

1. Godina Shawaa Lixaa, Waajjira Barnoota Aanaa Noonnootti, bara Baajataa 2019tti mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa shanan Mattuu Gamoo Abbaa Darbii lamaa(G+2) Ganda M/ Sillaasee keessatti turtii bara baajataa Waggaa lamaa keessatti hojjachiisuu barbaada.

2. Godina Shawaa lixaati Waajjiri Barnootaa Aanaa Noonnoo kontiraaktaroota gosa Waliigalaa ykn kontiraaktaroota ijaarsa GC-5 Ykn BC-5 fi isaa ol ta'an hunda kan hayyama isaanii bara 2019 E.C haaromfame affeeree jira.

3. Sanadoonni caalbaasii iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun fi kaffaltii hin deebineen Qar.2,000( kuma lama) beeksisa guyyaa jalqabaa irraa Eegalee yeroo sa'aatii hojiitti gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti bahee irraa eegalee hanga dhumaatti waajjirii maallaqaa Aanaa Noonnoo, Magaala S/Ambaa irraa bitamuu ni danda'a. Wiixataa hanga jimaata yeroo sa'aatii hojitti dorgomaan qarshii 2,000( kuma lama) Herrega baankii Siingee damee Aanaa Noonnoo lakk. Herreega 1052722581214tti galchuun nagahee baankii Waajjira Maallaqa Aanaa Noonnootti fiduu qaba. Dorgomaan "VAT" fi raga galmee TIN, Hayyama daldalaa Seera qabeessa ta'ee fi ragaa galmee seera qabeessa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa biraa fudhatee galmaa'e iyyata Waliin dhiyaachuu qaba.

4. Dorgomtoonni odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Noonnoo irraa argachuu ni danda'u.

5. Caalbaasiin hundi kabachiisa Wabii Caalbaasii maallaqa Callaa baankii Siinqee Damee Aanaa Noonnoo lakk. Herregaa 1052722581214 irratti qarshii 500,000 ( kuma Dhibba Shan qofa) guyyaa caalbaasiin banameen booda guyyoota 120f kan hojjetu ykn kan ture ta'uu qaba, Wabii caalbaasiitiif Qa.500,000 bifa maallaqa callaa baankii Siinqee irratti Maqaa Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Noonnotti Galii ta'ee naga'een baankii gara naga'ee Waajirichaan jijjiiramuun dhiyaachuu qaba.

6. Caalbaasiin akkaataa hojimaata caalbaasii biyyoolessaa banaa labsii bittaa mootummaa Rippubiliika Dimookiraatawaa Federaala Itoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta'u dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha,kunis(Sadarkaa lama: Sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaa dha inni lammaffaan, sadarkaa:- Madaallii Faayinaansiidha).

7. Tuutni sanada caalbaasii afaan Oromiffaan guutuu ta'e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda'a, iyyata barreeffamaa Waraqaa ragaa galmee VAT,Ministeera Ijaarsa ykn Abbaa Taayitaa Oromiyaa dhiyeessuu irratti ragaa galmee haarom fame, Waraqaa ragaa galmee daldalaa haaromfame,hayyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmeekaffalaa gibiraa fi gibira Qulqulleessuun Biiroo Galii Oromiyaa ykn ERCA irraa fi EGP Keessatti galmaa'uun teessoo armaan gaditti ibsamee fi kaffaltii hin deebine Qar. Itoophiyaa 2,000( kuma lama) herrega baankii armaan olitti ibsametti fiduudhaan nagahee gara Waajjira Maallaqa Aanaa Noonnootii hanga guyyaa hojii 21ffaa fi sa'aatii hojli guyyaa beeksisa jalqabaa gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti jalqabe irraa eegalee sa'aati bojjiitti Wiixataa hanga Jimaataatti

8. Dhiyeessuu fi baniinsaa caalbaasii

A. yeroon xumuraa caalbaasii( gahumsa teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda'ee) dhiyaachuun guyyaa hojii 22ffaa sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti beeksise irraa eegalee ta'a. Guyyaan digdamii-lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.

B. Orijinaalli fi waraabbii sanadoota ga'umsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti orijinaalaa fi Waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biro waraqan ragaa caalbaasil irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u "koreen caalbaasii irratti qofa banamu" jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta'u Wabii caalbaasii qofaatti saamsuun sanada teeknikaa Orijinaala waliin ni kaa'ama( Waarabbin sanada gahumsaa tekinikaa akkaataa sanada caalbaasii SCI Keessatti ibsamee dhiyyaachuu qaba).

C. Orijinaalli fi koppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame" Orijinaalli fi koppiin sanadoota dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee  kanmallatteeffame yoo ta'u envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u "bakka koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba( Waraabbiin sanada faayinaansii akkaataa sanada caalbaasii SCI Keessatti ibsameen dhiyyachuu qaba)

D. Sanadni lamaanuu piroopoozaala teeknikaa fi faayinaansii envelope haadha tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u enveloppii alaa kun teessoo dhiyaannaa fi odeeffannoowwan biro waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu fi "Bakka jirutti qofa banamuu kan qabu ta'uu qaba kan koree caalbaasii"

E. Chaappaa,Mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeel fama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba.

F. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa Eegama.

G. Sanadni ulaagaa guutuu guyyaa beeksisa jalqaba guyyaa hojii irraa eegalee guyyuma sanatti sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:30tti guyyaa 22ffaa ni banama. Guyyaan digdamii-lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.

H. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kan turuu fi saanduqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamilichi hayyamame kamiyyuu jirutti,hanga dhyeessiin faayinaansii(S) dorgomtoota gahumsa qaban beeksisa banamutti ni qabata.

i. Koreen abbaa piroojeektii/maamilaan ramadamee bu'uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, Waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirraa oolchuudhaan dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisaa teeknikaa isa xiqqaa sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati.

J. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa teeknikaa guutan ykn fitted fi isaa ol ta'an qofatu guyyaa banamuu faayinaansiin ni banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagas guutuu hin qabne(i. Ulaaga guutuu qabaachuu qabanu kan hin qabne osoo hin banamiin ni deebi'a) Abbaan piroojektii guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.

K. Sanada sobaa ykn sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf 8 yaaliin yoo godhame caalbaasiichi akka kuffisu nitaasisa.

L. Maamilichi" Sanada gahumsa Teeknikaa"sanada dhiyeessii faayinaansii"envelops keessatti dogoggoraan kaa'amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgoman diduu fi itti gaafatamummaa hin fudhatu

9. Hojiirra Oolmaan caalbaasiichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a

10. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii 365( dhibba sadii fi jaatamii shanii ta'een kan xumuramu ta'a. haalli mijataan yoo jiraate baajata guutuu qabaachuu maamilichi guyyaa hojiin xumuramu xiqqeessuu ni danda'a.

11. Kontiraaktaroota hojii harkaa qaban adeemsi hojii fiizikaalaa%75 ol guutuu ta'uu fi ragaan maamila piroojektootaa irraa walitti qabamuu qaba.

12. Waajjirri Barnootaa Aanaa Noonnoo caalbaasii kana gar-tokkeen ykn hunda fudhachuu ykn diduudhaaf mirga qaba Odeeffannoo dabalataaf:- Lakk. Bilbila 0910843073 ykn 0912836006

Waajjira Barnootaa Aanaa Noonnoo


Tender details

  • Deadline: 2026-11-02
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Bid opening: 2026-11-02 14:30
  • Bid opening (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Barnootaa Aanaa Noonnoo
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 08, 2026)
  • Posted at: 2026-10-09T09:25:56.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders