Building Construction

Godina Bahaa Oromiyaati Waajjiri Maallaqaa Aanaa Meettaa bara baajataa 2019 keessaa ljaarsa piroojektii mana kuusaa Buusaa Gonofaa caalbaasiin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Bahaa Oromiyaati Waajjiri Maallaqaa Aanaa Meettaa bara baajataa 2019 keessaa ljaarsa piroojektii mana kuusaa Buusaa Gonofaa caalbaasiin dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada. Kanaaf dorgomtootni ulaagaa kanaa gadii guutan dorgomuu ni dandahu.

  1. Gibira bara 2018 kaffalee hayyama hojii ijaarsaa bara 2019 kan haaromsee qabu.
  2. Dhiheessa meeshaaleetiif hayyama hojii ijarsaa kan qabuufi dhiheeffachuu kan dandahuufi gal- mee dhiheessitootaa keessatti galmaahuusaa- tiif waraqaa raaga dhiheefachuu kan dandahu.
  3. Hayyama ogummaa ijaarsaa gammoo sadarkaa shanaffaa (5) GC or BC kan qabu.
  4. Dorgomaan hundi galmaahaa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) tahuusaatiif raga dhiheefachuu kan dandahuufi lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (Tin) kan qabuufi ragaasaa dhiheefa- chuu kan dandahu.
  5. Dorgomaan hundi kabachiisa caalbaasii qarshii kuma dhibbaa lama (200,000) CPO baankii biyyaaleessaatti maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaatiin qabsiisuu kan dandahu.
  6. Sanadni dhihaatu tartiibaan kaahamuu qaba. Sanadni tartiiba hinqabne dorgommiin ala taha.
  7. Dorgomtootni hundi ulaagaalee pirojekitii irratti dorgomuuf barbaachisu hunda tokkollee kan irraa hin hir'isne sanadasaanii keessa kahuu qabu.
  8. Dorgomaan hundi guyyaa beeksifni kun boordii irrattii bahee eegalee digdamii tokko (21) guyyaa hojii walitti aanu keessatti qarshii hin deebine kuma shan (5000) Baankii Daldala Itoophiyaa damee Calanqootti kaffaluun isliphii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Aanaa Meettaatii sa'aatii hojii mootummaatti risiitii murachuun kutaa adeemsaa bittaafi bulchinsa qabeenyaa lakkoofsa 11 Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaatii bitachuun hanga guyyaa digdamii tokko (21ffaa) sa'aatii 11:30tti guutuun saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessatti galchuu qabu.
  9. Caalbaasichi gaafa guyyaa digdamii tokkoffaa (21ffaa) sa'aatii 11:30 irratti cufamee gaafa guyyaa digdamii lammaffaa (22ffaa) sa'aatii 3:30-4:00tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan seeraa dorgomtoota, koree raggasistuu bittaafi tajaajilaa gorsaa argamanitti Waajjira Maallaqa Aanaa Meettaatti ni banama.
  10. Guyyaan kun cufaa ykn ayyaana yoo tahe guyyaa itti aanu sa'aatii walfakkaatutti ni banama.
  11. Dorgomtootni caalbaasicha irratti moohaman kabachiifnii caalbaasii guyyaa lama keeysatti ni deebi'aaf. Dorgomaan caalbaasicha mo'ate guyyaa mo'uu isaa xalayaan beeksifamee irraa eegalee guyyaa shan (5) keessatti gatii bittaa waliigalaa keessaa 20% kabachiisa waliigaltee qabsiisuun waliigaltee bittaa seenuu qaba.
  12. Galii waggaa giddugaleessaan herregamu kaf- faltii waliigalaa hojii waliigaltee adeemsa irra jiruuf (in progress) yookaan kan xumuramaniif mirkanaa'ee raawwatamee miliyoona 30 odiitiin mirkanessee dhihessuu qaba.
  13. Leeccalloo(resource) maallaqa callaafi qa- beenya salphaatti gara maallaqa callaatti jijji- ramu (liquid assets), qabeenya idaan hin qabamne (unencumbered real assets), haala liqii itti argatuufi tooftaalee biroo kan madda maallaqa ittin argatu tarreessuu qaba not less than of birr 15 million. [only original document would be considered
  14. Dorgomaan waggoottan shanan darban keessatti yoo xiqqaate waliigaltee gamoo tokko (Muuxannoo kallattii) baajata qarshii miliyoona 42 waggoota shanan (5) darbaniif haala gaariin hojjetee xumuruu isaa agarsiisuu dhiheessu qaba. 
  15. Waggoottan shanan darban keessatti dorgomaan akka kontiraaktaraatti haala quubsaa taheen yoo xiqqaate walii galtee gamoo lama (Muuxannoo waliigalaa) ol tokkoon tokkoon gatiin miliyoona digdamii tokko (21,000,000) isaanii haala barbaadamun kan xumuramaniifi hojii bittaa ijaarsaa karoorfame kanaa waliin kan walfakkaatan tahuu qaba.
  16. Sanadnii haqaafi laaqaa qabu akkasumaas ragaan sirritti hin mul'anne fudhatama hin qabu.
  17. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga ni qaba.

Oddeeffanno dabalataaf lakkoofsa bilbilaa 09 13 36 45 55
Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa


Tender details

  • Deadline: 2026-11-04
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid closing (note): gaafa guyyaa (21ffaa) sa'aatii 11:30
  • Bid opening: 2026-11-05 10:00
  • Bid opening (note): gaafa guyyaa (22ffaa) sa'aatii 3:30-4:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa
  • Bid bond: Qarshii 200,000.00
  • Bid document price: Qarshii 5000.00
  • Published on: BARRIISAA (Oct 11, 2026)
  • Posted at: 2026-10-12T08:24:23.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders