Building Construction

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kurfaa Callee Ijaarsa Pirojektii G+1 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kurfaa Calleetiif dorgomtoota ga'umsaa fi Dandeettii qaban kan Sadarkaan isaanii Ge/BC 4 fi sanaa ol tahe Caalbaasii Ifaan dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Beeksisa Caal-baasii Ijaarsa Pirojektii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kurfaa Callee tin bahe Ilaalchisee:-

Wantoota Dorgomtonni Guutuu Qaban.

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kurfaa Callee Ijaarsa Pirojektii G+1 Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kurfaa Calleetiif dorgomtoota ga'umsaa fi Dandeettii qaban kan Sadarkaan isaanii Ge/BC 4 fi sanaa ol tahe Caalbaasii Ifaan dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada.

Kanafuu:-

1. Waldaan Oggummaa Hojii Ijaarsa Pirojektii gamoo Masoob irrattii muuxannoo fi hayyama seeraa Kan qabu fi dhiheessuu danda'u.

2. VAT kan galmaa'ee fi ragaa dhiheeffachuu kan danda'u.

3. Gibira baraa Mootummaan irraa barbaadu kan kafalee fi ragaa dhiheffachu kan danda'u.

4. Waraqaa ragaa Qaama seerummaa dhiheffachu kan danda'u.

5. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiheffachu kan danda'u.

6. Waraqaa ragaa gahumsa ogummaa (certificate of competency) dhiheffachu kan danda'u.

7. Adabbii bittaa Mootummaa irraa dhorkamuu dhabuu ragaa dhiheffachu kan danda'u.

8. Walitti bu'iinsa faayidaa hinmalle argachuurraa madderraa bilisa ta'uusaa ragaa dhiheffachu kan danda'u.

9. Raawwii hojii isaatin gaarii ta'uu isaa xalayaa ragaa kan qabu.

10. Projektii irratti dorgomee moo'atu gahumsaan raawwachuuf humna namaa fi meeshaa gahaa kan qabuu fi kanaafis xalayaa ragaa kan dhihefachuu danda'u.

11.Ulaaga gamaaggama madaallii waldaalee irratti gaafannoolee dhihaataniif ragaa qabatamaa ta'e wal-qasiisee dhiheffachu kan danda'u.

12.Dorgomaan kamiiyyuu kabachiissa caal-baasii qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) qabsissuu qaba.

13.Ragaa ijaarsa (sanada hojii) goosa piroojektii tokkoof qarshii 500 (dhibba Shan) waaj/galii Aanaa ku/calleetti kafaluun ragaa qarshii itti kafale qabachuun Waaj/M/A/K/Callee garee Bittaatti dhufee guyyaa 3/2/2019 hanga 23/2/2019tti sa'aa hojiitti argamuun bitachuu ni danda'a.

14. Ragaa (sanda) bite sirrittii ilaalee hojii tokko tokkoof guutuun ida'ama waligalaatis kaa'ee, orijinaalaa fi kooppii postaa kophaa kophaatti saamsameen hanga guyyaa 23/2/2019 sa'aa 11:30tti W/M/A/K/Callee kutaa garee Bittaatti sanduuqa caalbaasichaaf qophaa'etti galchuu danda'a.

15.Caal-baasiin gaafa guyyaa 24/2/2019 sa'aa 4:00tti cufamee, guyyuma kana Sa'aa 4:30tti ifatti banama.

16.Dorgomaan mo'ate guyyoota 5 (shan) keessatti waliigaltee mallattessee iddoo ijaarsaa qeebalun hojii egaluu qaba.

17. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caal-baasicha walakkaas ta'ee gutumaa guututti haquu/dhiisu ni danda'a.

Hub. Yaada dabalataa barbaannaan Lak. Bilbilaa -0940590501 fi 0906020165 Fayyadamaa.

Waajjira Maallaqaa Aanaa Kurfaa Callee


Tender details

  • Deadline: 2026-11-03
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-11-03 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Kurfaa Callee
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 13, 2026)
  • Posted at: 2026-10-13T12:10:10.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders