Vehicle
Godina Huu Abban Boor Aanaa Mattuutti Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Mattuu, bara bajataa 2019 tti Gandoota bandiyyaa aanaa Mattuu adda addaa keessatti hojii cirracha uwwisuu, suphaa fi sarara haaraa saaquu hojjechiisuuf maashinoota ijaarsa
Description
Beeksisa Caalbaasil Ifaa
Lakk. Caalbaasii: 73-KMD-19
Godina Huu Abban Boor Aanaa Mattuutti Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Mattuu, bara bajataa 2019 tti Gandoota bandiyyaa aanaa Mattuu adda addaa keessatti hojii cirracha uwwisuu, suphaa fi sarara haaraa saaquu hojjechiisuuf maashinoota ijaarsaa Doozarii, Gireedarii, Ruulloo, Exkaavatarii, Loodarii, Siinoo water tiraakii, Siinoo damp tiraakii fi piikaappii kireeffatee hojjechiisuu barbaada.
Bu'uuruma kanaan, dhaabbatni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guutuu dandeessan fi hayyama kireessuu maashinoota ijaarsaa qabdan dorgomuu kan dandeessan ta'uu ni beeksifna.
Ulaagaalee Dorgommii:
- Dorgomtoonni hayyama Daldalaa Kiran maashinii bara 2019 tiif haareffamee dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni Gibira bara 2018 kaffaluu isaaniitiif ragaa dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni Waraqaa raga Dhiyeessummaa dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtoonni galma'aa VAT ta'uu isaaniitiif raga dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni bittaa mootummaa irraa kan hin dhorkamne ta'uu qabu.
- Dorgomtoonni Muuxannoo hojii wal fakkaataa kan yeroo dhiyoo yoo xiqqaatekan bara 2(lamaa) dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtoonni kabachiisa Caalbaasiif CPO qarshii 500,000.00 (Kuma dhibba shan) baankiidhaan mirkanaa'e qabsiisuu qabu.
- Gatiin baaqqee calbaasiif dorgomaadhaan dhiyaatu, gatii hojii sa'aatiidhaan ykn guyyaadhaan ykn biyaajoodhaan ykn ji'aan hojichi ittiin hojjetamu, gatii loobeedii, gatii maashiniin lukaan saayitii tokkorraa gara biraatti deemu, gatii maashinii saayitii ittiin galchuu fi baasuu, gatii opirectaroota maashinii fi konkolaachistootaa, gatii boba'aa fi dibataa, walumaa galatti baasii hojichaaf barbaachisuu fi maashinootaa fi konkolaattota sochoosuuf barbaachisu hunda kan haammate ta'a.
- Dorgomtoonni gosa maashinootaa fi konkolaataa irratti dorgomanii hundaaf liibiree akkaataa sanada calbaasii irratti dhiyaateen dhiyeessuu qabu.
- Kan Lakkoofsa 9 armaan olii akkuma jirutti ta'ee, dorgomtoonni qaama sadaffaa irraa maashinii kireeffatanii dhiyeessan, qaama irraa kireeffatan waliin waliigaltee seera qabeessaa galuudhaan, mana hojii abbaa alangaatiin mirkaneessisuun dhiyeessuu qabu.
- Sanadni caalbaasichaas ta'e ragaan teekiniikaa dhiyaatu haqaaf laaqaa kan hin qabne, kan sirriitti dubbifamu, ragaa sobaa kan hin taane fi chaappaan hundi kan sirriitti dubbifamu ta'uu qaba.
- Dorgomtoonni guyyaa caalbaasiin saaqamu qaamaan argamuu qabu ykn bakka bu'aa yoo ta'e bakka bu'insa seera qabeessa ta'e kan mana hojii A/Alangaan kennameef qabaachuun argamuu qaba.
- Dorgomtoonni osoo hin dorgomin dura bakka hojichi itti hojjetamu qaamaan gaa'anii ilaaluudhaan ragaa dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasii jechuunis: (dookimantii teekiniikaa fi faayinaansii) orjinaalaa tokkoo fi kooppii lama qofa qofaatti; sanada teekiniikaa fi faayinaansii osoo walitti hin makin qofa qofaatti, poostaa kaakii gagaan erga samsanii booda, poostaa hunda poostaa guddaa tokkotti/summary envelope tti naquun erga samsanii booda saanduqa calbaasiif qophaa'e keessa galchuu qabu. Sanadni faayinaansii kan banamu erga sanadni teekniikaa madaalamee booda, dorgomtoota madaallii téekniikaa darban qofatu sanadni faayinaansii isaanii banama.
- Dorgomtoonni Poostaa calbaasiif galchan irratti pirojektii irratti dorgoman, maqaa dhaabbata isaanii, lakk. bilbilaa, teessoo isaanii, mallattoo bakka bu'aa fi chaappaa geengoo irratti chaappessuu qabu.
- Dorgomaan calbaasicha mo'ate kabachiisa waliigaltee 10% bank guarantee ykn inshuraansii irraa akkasumas kabachiisa kaffaltii duraa (bank guarantee) hanga qarshii kaffaltii duraatiin wal simu dhiyeessuu qabu.
- Calbaasichi, guyyaa beeksisni calbaasii kun Gaazixaa Addis Zaman irratti ba'e irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa digdamii tokkoof (21) banaa ta'ee qilleensarra kan turu ta'a.
- Dorgomtoonni, sanada caalbaasii qophaa'e, guyyoota calbaasiin kun banaa ta'ee qilleensarra turu keessatti, sa'aatii hojii mootummaatti, A/Taayitaa Galiiwwanii A/Mattuu irraa qarshii hin deebine 1,000 (Kuma tokko) kaffaluun bitachuu danda'u.
- Caalbaasichi gaafa guyyaa 21 sa'aatii 11:30 irratti cufamee, gaafa guyyaa 22 ganama sa'aatii 4:00 irratti, galma Bulchiinsa A/Mattuutti bakka Dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti kan banamu ta'a. Guyyaan 22an guyyaa boqonnaa ykn guyyaa ayyaanaa irra yoo bu'e, calbaasichi guyyaa hojii mootummaa itti aanutti kan banamu ta'a.
- Dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamuu dhabuun calbaasicha banuu irraa hin dhorku.
Odeeffannoo dabalataatiif Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiiksii A/Mattuu qaamaan argamuun ykn 0917274683 bilbiluun gaafachuun ni danda'ama.
Hubachiisa: Waajjirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Mattuutti Waajjira Daandiiwwanii
fi Loojistiksii Aanaa Mattuu
Tender details
- Deadline: 2026-11-06
- Bid closing time: 17:30
- Bid closing (note): gaafa guyyaa 21 sa'aatii 11:30
- Bid opening: 2026-11-07 10:00
- Bid opening (note): gaafa guyyaa 22 ganama sa'aatii 4:00 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Mattuutti Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Mattuu
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 14, 2026)
- Posted at: 2026-10-14T11:03:01.000Z
- Source: Qelal Tenders