Building Construction

Dhaabbatni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Tullu Boolloo-Buusaa Ijaarsa Gamoo G+3 Tajaajila garagaraatiif oolu kontiraaktaroota sadarkaa Ijaarsa Gamoo ykn Waliigalaa 5ffaa fi isaa olii Waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/certificate of competence/ Mi

Description

Beeksisa CaalbaasiiIfaa Biyyoolessaa

Lakk. Addaa Bittaa DhTaBiDhuDha TB-B/1/2019

Dhaabbatni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Tullu Boolloo-Buusaa Ijaarsa Gamoo G+3 Tajaajila garagaraatiif oolu kontiraaktaroota sadarkaa Ijaarsa Gamoo ykn Waliigalaa 5ffaa fi isaa olii Waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/certificate of competence/ Ministeera Bu'uuraalee MisoomaayknAbbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa Irraa Fudhatan Waldorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Kanaafuu Dorgomtootni Waraqaa Ga'umsa Ogummaa /Cerificate of Competence / sadarkaa 5ffaa fi isaa ol bara kanaaf haara'e qabanii fi Eeyyama Daldalaa bara 2019 haara'e qabdan dookumantii caalbaasii fudhachuun dorgomuu ni dandeessu.

Kanaafuu Dhaabbatni Ulaagaa armaan gadii guuttan dookumantii Caalbaasii bitachuun Dorgomuu ni dandeessu.

  1. Waraqaa qulqullinaa Gibira kaffaluusaa ibsu kan yeroo caalbaasiin kun itti hojjetamutti tajaajiluu danda'u kan dhiyeessu ta'uu qaba.
  2. Herrgea Isaanii bara baraan odiitii kan taasisan
  3. VAT Kan galma'an ta'uu qaba.
  4. Eeyyama hojii daldalaa bara 2019 'f haara'e.
  5. Kabachiisa Caalbaasii qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) baankii irraa ykn bifa CPO Kan dhiyeeffachuu danda'u.
  6. Dorgomtootni guyyaa 08/02/2019 A.L.I eegaltaanii hanga guyyaa 30/02/2019.A.L.I guyyaa fi sa'aatii hojii mootummaatti Waajjira Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Tullu Boolloo-Buusaatti dhiyaattanii dookumantii caalbaasii Qarshii hin deebine 2000 (kuma lama)'n bitachuu ni dandeessu.
  7. Dorgomtoonni dookumantii caalbaasii fudhattan ragaa barbaachisu guutuun teeknikaa fi dokumantii faayinaanshaalaa kophaa kophaatti Saamsamee dhiyaachuu qaba.Dookumantiin Faayinaansii originaala 1 fi koppiin lama kophaa kophaatti saamsuun dhuma irratti poostaa tokkoon saamsamuu qaba. Dookumantii teeknikaas koppii lama kophaa kophaatti kan saamsamee fi Orijiinaala tokko poostaa of danda'etti saamsuun, akkasumas poostaawwan sadeen iddoo tokkotti poostaa tokkoon saamsuun gaafa guyyaa 30/02/2019 A.L.I hanga sa'aatii 8:00tti qabattanii dhufuun Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Tullu Boolloo-Buusaatti saanduqa kanaaf qophaayetti galchuun guyyuma kana daqiiqa soddoma booda sa'aatii 8:30 irratti sirna baniinsa irratti argamu ni dandeessu.
  8. Abbaan Piroojektii akkaataa barbaachisummaa isaatti gosa (item) hojii ispeesifikeeshinii keessa jiru keessaa muraasa hojjachiisuu dhiisuu ykn itti dabaluuf mirga ni qaba (kanfaltii garuu hojii hojjatame hundaaf safarri irratti hundaa'un ni raawwata).
  9. Abbaan Piroojektii caalbaasii kana walakkaan ykn guutummaan haquuf mirgi isaa kan eegameedha. Akkasumas sababa humnaa ol ta'e kammiyyuu yoo isa qunname caalbaasicha guutuutti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uu isaa beeksifna.
  10. Piroojektichi kan xumuramuu qabu guyyoota kalandarii/walitti aanaan 365 keessatti dha.
  11. Caalbasichi Ragga'ee kan turu guyyoota 100 dha.

Lakk. Bilb. 09 86 15 19 31/ 071 235 1494

T/Boolloo

Dhaabbata Tajaajila Bishaa Dhugaatii fi Dhangala'aa

Magaalaa Tullu Boolloo-Buusaa 


Tender details

  • Deadline: 2026-11-09
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-11-09 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Dhaabbata Tajaajila Bishaa Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Tullu Boolloo-Buusaa
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Ethiopian Herald (Oct 18, 2026)
  • Posted at: 2026-10-19T11:40:48.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders