Building Construction
Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arjoo ijaarsa Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Magaalaa Arjoo Ganda 02 Mooraa Waajjira Bulchiinsaa keessatti ijaarsisuuf beeksisa caal-baasii Ifaan dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
Description
BEEKSISA CAAL-BAASII
Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arjoo ijaarsa Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Magaalaa Arjoo Ganda 02 Mooraa Waajjira Bulchiinsaa keessatti ijaarsisuuf beeksisa caal-baasii Ifaan dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada. Kanaafuu, Dorgomaan heyyama hojii daldalaa Sadarkaa GC-5 ykn BC.4 fi isaa ol qabu akka biyyaatti heyyama gahumsaa Waajjira Abbaa Taayitaa Konistraakshinii irraa fudhatee hojii Ijaarsa Gamoo irratti ga'umsa gahaa ta'e kan qabu ulaagaa armaan gadii kan guutu, meeshaalee ijaarsichaaf barbaachisanii fi gatii harkaa waliin gatii gadi aanaa(least price) ta'een hojjechuu kan danda'u akka dorgomtaniif affeeramtaniittu.
- Eyyama daldalaa kan bara 2019'f kan haareffatee TIN fi VAT kan galmaa'e.eup weidundred dood and
- Waraqaa ragaa gahumsaa hojiiwwan Ijaarsa Gamoo irratti Waajjira A/T/ Konistraakshinii irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
- Waraqaa Qulqullinaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
- Galmee Dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'e( Suppliers List)
- Gibira Mootummaa bara 2018 kaffalee kan xumuree fi raga isaa Waajjira Galiiwwanii irraa kan dhiyeessuu danda'u.
- Dorgomtootni galmaa'uu barbaaddan, sanada caal-baasichaa guyyaa beeksifni kun ba'ee kaasee guyyoota hojii digdamii tokkoof (21f) hanga guyyaa 08/03/2019 Waajjira Galiiwwanii Aanaa Jimmaa Arjootti dhiyaachuun Speesifikeeshinii fi Diizaayinii Ijaarsichaaf qophaa'e tokkoo isaaf qarshii hin deebine 2,000.00 (kuma lama) qofa kaffaluun bitachuu fi galmaa'uu ni dandeessu.
- Dorgomaan waggaa shanii asitti yeroo lamaa fi isaa ol hojii hojjeteef muuxannoo dhiyeeffachuu kan danda'uu fi Kabachiisa Caal-baasii (CPO) qarshii 500,000.00 (kuma dhibba shan) Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arjoof kallattiin barreessuu qaba).
- Dorgomtootni yeroo galmeedhaaf dhuftan ulaagaa kaa'ame hunda koppii fi Orijinaala wal simsiisuun dhiyeessuun galmaa'uu qabdu.
- Dorgomtootni Sanada Caal-baasichaa Faayinaansii fi teekinikaala Caal-baasiidhaaf Orijinaala fi Koppiin akkasumas "CPO" isaa poostaa kaakii adda addaatti samiidhaan (gagaadhaan) saamsuun Faayinaansii poostaa tokkotti, Teekinikaala poostaa tokkottii fi CPO poostaa qofaatti hunda isaa immoo poostaa guddaa tokko keessatti gagaadhaan saamsee maqaa fiteessoo barbaachisu irratti barreessuun guyyaa hojii digdamii lammmaffa (22ff) gaafa guyyaa 09/03/2019
- Waajjira Maallaqaa A/J/Arjoo Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bul/Dhab/ Qabeenyaatti Sanduuqa Caal-baasiif qophaa'e keessa Sa'aatii 4:00 irratti galchuu kan dandeessan ta'ee guyyuma sana guyyaa 22ff gaafa guyyaa 09/03/2019 Sa'aatii 4:30 irratti Waajjira Maallaqaa Kutaa I/Gaafatamaatti Iddoo ogeessii fi Koreen Teekinikaa argamanitti darbees dorgomtootni /bakka bu'aan seeraa jiranitti kan banamu ta'ee, yoo dorgomtootnii fi bakka bu'aan isaanii hin jirres kan banamu ta'a.
- Dorgomtootni nagahee sanada Caal-baasii ittiin bitan sana koppii gochuun ragaa teekinikaalaa orijinaalaa wajjin dhiyeeffachuu
- Ragaan dhiyaatu kamiyyuu haqaa fi laaqa kan hin qabne ta'uu qaba.
- Guyyaa Ijaarsi itti jalqabamee xumuramuu qabu guyyoota hojii 120 gidduutti.
- Waajjirichi carraa biraa yoo argate caal-baasicha guutummaan guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquuf mirgi isaa kan eegamedha.
- Dorgomtootni ragaa dorgommiif dhiyeeffattan iddoowwan barbaachisaa ta'e irratti mallattoo fi Chaappaa itti gochuun fuula hundaa irratti lakkoofsa itti laachuu qabdu.
Odeeffannoo dabalataaf
Lakk. Bilbilaa 09 23 01 46 15/ 09 27 50 07 00/ 09 17 56 92 66
Goding Wallagga Bahaatti Waaiira
Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arioo
Tender details
- Deadline: 2026-11-18
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-11-18 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Wallagga Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Arjoo
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 20, 2026)
- Posted at: 2026-10-20T13:44:20.000Z
- Source: Qelal Tenders