Building Construction
Bulchiinsa Giddu gala oromiyaatti Waajjiiri mallaqaa bulchiinsa magaalaa Matahaaraa ljaarsa piroojektii waajjirra barnoota bulchiinsaa magaalaa matahaaratiif ijaarsaa hojii lakkoofsa adda bittaa WBMM/SCB/-001/2019 kennameef mana barnoota sadarka Iffaa ifa
Description
Beeksisa Caalbaasii
Caalbaasii Ifaa Biyyoolessaa Lakk. WBMM/SCB/-001/2019
Bulchiinsa Giddu gala oromiyaatti Waajjiiri mallaqaa bulchiinsa magaalaa Matahaaraa ljaarsa piroojektii waajjirra barnoota bulchiinsaa magaalaa matahaaratiif ijaarsaa hojii lakkoofsa adda bittaa WBMM/SCB/-001/2019 kennameef mana barnoota sadarka Iffaa ifa dhaloota magaalaa matahaaraa keessatti hojjachisuu barbaada. Haaluma kanaan dhaabbilee ijaarsaa gamoo sadarkaa 5ffaa ykn ijaarsaa waliigala 6ffaa (BC-ykn GC-6) fi isaa ol qabanii fi ulaagaalee armaan gadii guutan Dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada
- Dorgomtoonni waraqaa raga misooma magaalaa ykn abbaa taayita konistiraakshinni oromiyaaykn godina irra kenamee fi bara bajaata 2019 haaromfame, hayyama daldalaa bara 2019 kan haaroomsan, waraqaa raga Taaksii Dabalataa Qabeenyaa (VAT) fi Ragaa qulqullina kaffaltii taaksii (gibira) agarsiisu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irra kenname, raga galmee dhiyeessitootaa irrattii kan hin dhorkamne ta'uu kan agarsiisu Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa irraa kenname dhiyeessuu kan danda'an.
- Dorgomtoonni sanada bitachuu dhufan ulagaalee qabxii 1ffaa irratti caqafaman raga sadarkaa isaanii ibsuu fi iyyata waliin dhiyeeffachuu qabu
- Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 2000 (kuma lama) kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahé irraa eegalee guyyoota hojii 21 (diigdamii tokko) walitti aanan itti sanada caai-baasi Waajjira Maallaqaa bulchiinsa magaalaa mataaharaatti dhiyaachuün bitachuu ni danda'u.
- Dorgomtoonni Waabii Kabachisa Caalbaasii Qar.500,000.00 (kuma dhibbaa shan) bifa CPO baankii irra kabachiisa caalbaasii turtii guyyoota 120'f ragga'ee turu dhiyeeffachuu qabu. Waabii Kabachisa Caalbaasii kanas teessoo maqaa Waajjiira barnoota bulchiinsa Magaalaa Matahaaraattin gochuudhaan poostaa tokkoon saamsuun teeknikaala orjiinalaa kessaattii galchuun dhiyeessuu qabu.
- Dorgomtoonni sanadoota caalbaasii Waraabbii lama kan piropozaalota teeknikaa fi faayinaansii addaan baafamanii akka armaan gadiitti dhiyeessuuf dirqama qabu:
- 5.1. Piropozaalota teeknikaa" teeknikaa orijinaala", "teeknikaa Waraabbii Iffaa" fi "teeknikaa Waraabbii 2ffaa" jedhamee akkasumas, odeeffannoowwan sanadaa caalbaasii Qajeelfama Dorgomtootaa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamsuun dhiyaachuu qabu.
- 5.2. Piropozaalota Faaynaansii "Faaynaansii Orijinaala", "Faaynaansii Waraabbii Iffaa" fi "Faaynaansii Waraabbii 2ffaa" akkasumas caccabsi faayinaansii"cost break down" jedhamee, dabalataan odeeffannoowwan sanadaa caalbaasii Qajeelfama Dorgomtootaa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamser thiyaachuu qabu.
- 5.3. Tokkoon tokkoon dugdaa poostaa hundaa irraattii wantoonni guutamuu qaban; lakkoofsaa caalbaasii,maqaa dorgomaa, mallattoo hogganaa, chaappaa dhaabbataa, maqaa abbaa pirojektii, iddoo piroojektiin itti hojjatamuu fi maqaa pirojektii kan qabu ta'ee, saamsamee dhiyaachuu qaba.
- 5.4. Orijinaalonni teeknikaa, Waraabbiiwan isaa fi wabiin kabachiisna caalbaasii Kopha kophaatti Teeknikaa propoozalaa kessattii samsamee poostaa tokkoon daiyaachuu qaba.
- 5.5. Orijinaalonni faayinaansii fi Waraabbiiwan akkasumas caccabsi faayinaansii "cost break down" kopha kophaatti faayinaansii propoozalaa kessattii samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.
- 5.6. wabbiin kabachisaa caalbaasii kophatti samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.
- 5.7.Xumura irratti Piroppoozalaa Teeknikaa fi Piroppoozalii Faayinaansii poostaa Haadhoo tokkoon saamsamee dhiyaachuu qaba. Dugda tokkoon tokkoo poostaa irratti ragaaleen QD keeyyata 23.2 fi QD keeyyata 24.2 ibsaman guutanmuu qabu.
- Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa "Addis Zemen"irratti guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 21 (Diigdamii Tokko) walitti aanan sa'ati 2:30 hanga 11:30 ti kan gurguramu yoo ta'u, dorgomtoonni sanadni caal-baasi guyyaa beeksifni caal-baasichaa bahee irraa eegalee hanga guyyaa hojii guyyaa 22 "(guyyaa diigdamii lammaffa)tti guyyaa Hojii hanga sa'aa 4:00 tti sanduuqa caal-baasichaaf qophaa'e keessa erga galchan booda, guyyuma kana saamsamee,sa'aa 8:30 tti Waajjirraa Maallaqaa Bu/Magaalaa Matahaaratti iddoo dorgomtoonni, ykn bakka bu'oonni, Koreen Raggaasistuu Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa fi Koree Teknikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa Magaalaa akkasumaas taajjabdoonii caal-baasicha argamanitti ni banama
- Dorgommiin caal-baasii kan gaggeeffamu ida'ama walii gala qabxii teeknikaa dorgomaan 100% keessaa 70(torbaatama) fi isaa ol argate gara dorgommii faaynaansii/gatii/ tti kan darbu ta'ee, dorgommiin gatii faayinaansii gatii xiqqaa dhiyeesse kan mo'atu ta'a.
- Manni hojii mala biraa yoo argate caalbaasicha guutunmaa guutuuttii ykn gar-tokkeen haquuf mirgaa guutuu qaba.
Odeeffannoo Dabalataatiif
Waajjira maallaqaa magaalaa Matahaaraa Lakk. Bilbilaa +251917792194 Bilbillun dubbisuu ni dandeessu
Waajjirabarnoota bu/Magaalaa mataaharaa lakkofsa bilbilaa +251917037576 ni dandeessuu.
Waajjira Maallaqaa Magaalaa Mataaharaa
Tender details
- Deadline: 2026-11-14
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): guyyaa 22 "(guyyaa diigdamii lammaffa)tti guyyaa Hojii hanga sa'aa 4:00 tti
- Bid opening: 2026-11-14 14:30
- Bid opening (note): guyyaa 22 "(guyyaa diigdamii lammaffa)tti guyyaa Hojii hanga sa'aa 8:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Bu/Magaalaa Matahaaraa
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 21, 2026)
- Posted at: 2026-10-21T10:39:12.000Z
- Source: Qelal Tenders