Building Construction
Godina Lixa Oromiyaatti Waajjirri Barnootaa Aanaa Jaard- agaa Jaartee Xumursiisa (Finishing Work) Ijaarsa Gamoo (G+2) Waajjira Barnootaa hojjechiisuuf Caalbaasii Ifaa baasee Dhaabbilee heyyama hojii ijaarsa GC-5/BC-4 fi isaa ol qaban dorgomsiisee hojjechi
Description
Godina Oromiyaa Lixaa
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Lixa Oromiyaatti Waajjirri Barnootaa Aanaa Jaard- agaa Jaartee Xumursiisa (Finishing Work) Ijaarsa Gamoo (G+2) Waajjira Barnootaa hojjechiisuuf Caalbaasii Ifaa baasee Dhaabbilee heyyama hojii ijaarsa GC-5/BC-4 fi isaa ol qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
Kanaafuu:
1. Dorgomtoonni fedhii qabaniifi ragaalee armaan gadii dhiy- eessuu danda'an:
I. Dorgomtoonni waraqaa ragaa Gahumsaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Abbaa Taayitaa Konisti- raakshinii Federaalaa irraa baafatanii qabanii fi bara baajataa 2019'f kan haaromfatan
II. Ragaa VAT fi TIN Kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiw- wan Sadarkaan jiraniin kenname dhiyeeffachuu kan danda'u.
III. Ragaa qulqulleessuu Taaksii/Tax clearance Certificate/ gibira bara 2018 A.LI Kaffalanii Caalbaasii bara baajata 2019 A.L.I irratti hirmaachuu danda'uu isaaniif Xalayaa Abbaa Ta- ayitaa Galiiwwan Sadarkaan jiraniin kennamerraa dhiyeeffa- chuu kan danda'u.
IV. Ragaa Dhiyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaafi Bulchiinsa Qabeenya Itiyoophiyaa/public Procurement and Property Administration Agency/Tarree Dhiyeessitootaa irrat- ti galmaa'uu (Suppliers List) dhiyeeffachuu kan danda'u.
2. Caalbaasii hojmaata caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa / National Competitive Bidding/(NCB)tiin kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada Caalbaasii irratti ibsameen ta'a.
3. Dorgomtoonni Caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii (Bid security) turtiin yeroo isaa guyyoota 28 seera qabees- summaa booda dabalatee guyyoota 120'f turuu danda'u kan qarshii: 500,000.00(kuma dhibba shan) /bifa CPO tiin ykn wabii baankiin mirkaneeffame/ Bank Guarantee) sanada tee- kinikaa haadhoo waliin Waajjira Barnootaa Aanaa Jaardagaa Jaarteef maqaa pirojektii ibsuun dhiyeeffachuu qabu. Dorgo- maan Caalbaasii mo'ate gatii waliigalaa keessaa kabachiisa caalbaasii (performance bond) 10% qabsiisuudhaan Waajjira Barnootaa Aanaa Jaardagaa Jaartee waliin waliigaltee mallat- teesuu kan danda'u ta'uu qaba.
4. Waajjirri Barnootaa mo'ataaf kaffaltii dursaa (Advance Payment) hin kaffalu. Kanaafuu, dorgomaan haalaan of qopheessee hojiitti galuu qaba.
5. Dorgotoonni ulaagas guutanifi fedhii qaban guyyaa beck- sisni ganzexaa irratti maxxane irraa eegalanii hanga guyyaa xumuraatti waajjira Galiiwwan Aanaa Jaardagaa Jaarteetti dhiyaachuun sa'aatii hoji mootummaatti qarshii hin dee- bine 1000.00( Kuma tokko) kaffaluun bitachuu ni danda'u.
6. Dorgomtootni Sanada Dokimanti Teekinikaalaa wisa(Envelope) maqaadhaan Saamsame akkasuma chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi mal- latteeffame (Sanada Teekinikaa haadhoo Orijinaala tokkoofi Teekinikaala Koppii Iffaa fi koppii 2ffaa) qofa qofaatti saam- suudhaan sadan isaanii immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan "Sanada Teekinikaa" jechuun barrees- suudhaan galchuu qabu. Dorgomtootni Sanada Dookimeentii Maallaqaa Dhiyeessii(Financial Document) uwwisa (Enve- lope)maqaadhaan saamsame akkasuma chaappaa seera qa- beessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi mallatteeffame (Sanada Faayinaanshaalii haadhoo Orijinaala tokkoofi Faay- inaanshaalaa Kooppii 1 fi koppii 2) qofa qofaatti saam- suudhaan sadan isaanii immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan "Sanada Faayinaanshaalaa" jechuun barreessuudhaan galchuu qabu. Wabiin Kabachiisa Caalbaa- sii Uwwisa (Envelope) alaa keessa kaa'amee bifa fudhatama qabuun poostaa of danda'een Sanada Teekinikaa Technical Document) alatti hidhamuun dhiyaachuu qaba. Dhuma ir- ratti dorgomaan poostaawwan, "Teekinikaalaa","Faayinaan- shaalii"fi "wabii kabachiisa calbaasii 'bakka tokkotti poostaa guddaa tokkootiin saamsuudhaan chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa, gagaadhaan dibameefi mallatteeffame saan- duqa calbaasii aqaa mana hojii keenyaatiin qophaa'e keessatti galchuu qabu.
7. Caalbaasiin kun guyyaa beeksisni gaazexaa irratti bahe ir- raa kaasee guyyaa hojii digdamii tokkoof(21) qilleensa irra oolee booda gaafa guyyaa hojii 22 (digdamii Lammmaffaa) waaree dura Sa'aatii 4:000tti saamsamee sa'aatii 4:30tti ifatti ni banama. Haata'u malee guyyaan 22n(Digdamii Lammaf- faan) guyyaa hojii yoo ta'uu baate,guyyaa hojii mootummaa, itti aanutti sa'aatii walfakkaataatti saamsamee akka banamu ni ta'a. Caalbaasiin hundi wabii kabachiis caalbaasii ibsame waliin ta'uu qaba. Sanadni yaada dorgommii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bidders will be-reject- ed). Sanadni dorgommii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seera qabeessaa argamanitti ifatti ni banama.
8. Madaalliin sadarkaa lamaan gaggeeffama. Oddeeffannoo Ulaagaa Duraa Teekinikaa(Qualification information first) fi Caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsaa (Financial Bids of qualified bidders Next) qaban itti aansuun kan raaw- watamu ta'a. Sanadni caalbaasii Faayinaansii Dorgomtoota kanneen Madaallii Teekinikaa darbanii banamuu kan danda'u akkaataa qajeelfamni bittaa ajajuun ta'ee; sanada caalbaasii faayinaansii dorgomtoota ulaagaa hin guutnee hin banamu.
9. Dorgomaan pirojektii of harkaa qabu yeroon waliigaltee isaa kan hin xumuramne yoo ta'e, raawwii faayinaansii 75% fi isaa ol irra kan gahe ta'ee qaama hojjechiisu irraa xalayaa fi waraqaa kaffaltii (agreement & payment certificate) dhiyeef- fachuu kan danda'u qofatu dorgoma
10. Dorgomaan kamiyyuu sanada yaada dorgommii caalbaasii tokko qofa dhiyeessuu qaba.
11. Dorgomaan bakka ijaarsichi itti gaggeeffamu deemee ilaaluun suura piroojektii dhaabbatee jiruu fi xalayaa Waajjirri Barnootaa Aanaa Jaardagaa Jaartee barreesseef dhiyeessuun dirgama.
12. Ragaa dogoggorsuuf dhiyaatu (fake document) yoo ar- game dorgommiin ala ta'a; itti gaafatamummaas ni hordofsi-
12. Ragaan dorgomtootaa tartiiba isaa eegee fuulli (page) itti kennamuun dhiyaachuu qaba.
13. Waajjirichi caalbaasii baase kana guutummaan guutuutti ykn gar- tokkeen haquuf mirga qaba. Godina Lixa Oromiyaatti
Waajjirri Barnootaa Aanaa Jaardagaa Jaartee
Tender details
- Deadline: 2026-11-12
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa 22ffaa Sa,aatti 4:00tti
- Bid opening: 2026-11-12 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 22ffaa Sa,aatti 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Barnootaa Aanaa Jaardagaa Jaartee
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qrshii 1000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 22, 2026)
- Posted at: 2026-10-23T08:45:48.000Z
- Source: Qelal Tenders