Building Construction
Bulchiinsa Giddu Galeessa Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa Waajjira Fayyaa Aanaa Ada'aatiif Ijaarsa Hojii piroojektii Keellaa fayyaa waligalaa ganda Qaaxillaa Kees- satti hojjachiisuu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Biyyoolessaa
Bulchiinsa Giddu Galeessa Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ada'aa Waajjira Fayyaa Aanaa Ada'aatiif Ijaarsa Hojii piroojektii Keellaa fayyaa waligalaa ganda Qaaxillaa Kees- satti hojjachiisuu barbaada. Haaluma kanaan dhaabbilee ijaarsaa sadarkaa 5ffaa BC yookiin 5ffaa GC fi isaa ol qabanii fi ulaagaalee armaan gadii guutan Dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
1. Dorgomtoonni waraqaa ragaa ga'uumsaa ogummaa Ministeera misooma magaalaa yooki- in Abbaa Taayita Konistiraaksinii Oromiyaa yookiin Godina irra kennamee fi bara ba- jaata 2019 haaromfame, hayyama daldalaa bara 2019 kan haaroomsan, waraqaa ragaa Taaksii Dabalataa Qabeenyaa (VAT) fi Ragaa qulqullina kaffaltii taaksii (gibira) agarsiisu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irra kenname,ragaa galmee dhiyeessitootaa irrattii kan hin dhorkamne ta'uu kan agarsiisu Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa EGP irraa kenname dhiyeessuu kan danda'an.
2. Dorgomtoonni sanada bitachuu dhufan ulagaalee qabxii 1ffaa irratti caqafaman fi iyyata waliin dhiyeeffachuu qabu.
3. Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 2000 (Kuma lama) kaffaluun beeksifni Gaazexaa irratti guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 21 (digdamii tokko) walitti aanan itti sanada caal-baasi Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa biiroo lakkoofsa tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.
4. Dorgomtoonni Wabii Kabachiisa Caalbaasii Qar. 500,000.00 (kuma dhibba shan) bifa CPO kan kabachiisa caalbaasii turtii guyyoota 120'f ragga'ee turu dhiyeeffachuu qabu. Waabii Kabachisa Caalbaasii kanas teessoo maqaa Waajjira Fayyaa Aanaa Ada'aa gochuu dhaan poostaa tokkoon saamsuun dhiyeessuu qabu.
5. Dorgomtoonni sanadoota caalbaasii poosta sadii kan piropozaalota teeknikaa faayinaansii fi wabii kabachiisa caalbasii addaan baafamanii akka armaan gadi itti dhiyeessuuf dirqa- ma qabu:
5.1.Piropozaalota teeknikaa" teeknikaa Orijinaala", "teeknikaa Waraabbii 1ffaa" fi "teeknikaa Waraabbii 2ffaa" jedhamee akkasumas, odeeffannoowwan sanadaa caal baasii Qajeelfama Dorgomtootaa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamsuun
dhiyaachuu qabu.
5.2. Piropozaalota Faaynaansii" Faaynaansii Orijinaala", "Faaynaansii Waraabbii 1ffaa" fi "Faaynaansii Waraabbii 2ffaa" akkasuma caccabsi faayinaansii"cost break down" jedhamee, dabalataan odeeffannoowwan sanadaa caalbaasii Qajeelfama Dorgomtoot aa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamsuun dhiyaachuu qabu.
5.3. Tokkoon tokkoo dugdaa poostaa hundaa irratti wantoonni guutamuu qaban; lakkoof- saa caalbaasii, maqaa dorgomaa, mallattoo hogganaa, chaappaa dhaabbataa maqaa abbaa pirojektii,iddoo piroojektiin itti hojjatamuu fi maqaa pirojektii kan qabu ta'ee, saamsamee dhiyaachuu qaba.
5.4. Orijinaalonni teeknikaa fi Waraabbiiwan isaa Kopha kophaatti Teeknikaa propoozalaa kessattii samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.
5.5 Orijinaalonni faayinaansii fi Waraabbiiwan akkasuma caccabsi faayinaansii "cost break down" kopha kophaatti faayinaansii propoozalaa kessattii samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.
5.6. Wabiin kabachiisa caalbaasii kophaatti samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.
5.7. Xumura irratti Piroppoozalaa Teeknikaa, Piroppoozalii Faayinaansii fi wabiin kabachiisa caalbasii poostaa Haadhoo tokkoon saamsamee dhiyaachuu qaba. Dugda tokkoon tokkoo poostaa irratti ragaaleen QD keeyyata 23.2 fi QD keeyyata 24.2 ibsaman guutamuu qabu.
6. Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa irratti guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 21 (digdamii tokko) walitti aanan sa'aatii 2:30 hanga 11:30 tti kan gurguramu yoommu ta'u, gaafa guyyaa 22ffaa sa'aatii dura 4:00tti sanduqaa qophaa'e keessatti Saamsamuun, guyyuma kana sa'aati dura 4:30tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa Galma Caalbaasichaaf qopha'eetti iddoo dorgomtoonni, ykn bakka bu'oonni, Koreen Raggaasistuu Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa Aanaa Ada'aa fi Koree Teknikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa akka- sumaas taajjabdoonni caal-baasichaa argamanitti ni banama.
7. Dorgommiin caal-baasii kan gaggeeffamu ida'ama waliigala qabxiilee knikaa dorgomaan 100% keessaa 70(torbaatama) fi isaa ol argate gara dorgommii faaynaansii/gatii/tti kan darbu ta'ee, dorgommiin gatii faayinaansii gatii xiqqaa dhiyeesse kan mo'atu ta'a.
8. Manni hojii mala biraa yoo argate caalbaasicha guutumaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
Odeeffannoo Dabalataatiif:
Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa Lakk. Bilbilaa +251-926189928 fi Waajjira Fayyaa Lakkofsa Bilbilaa +251-0114335213/0910395841/Bilbiluun dubbisuun ni dandeessu.
Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Ada'aa
Tender details
- Deadline: 2026-11-18
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): 22ffaa sa'aatii dura 4:00tti
- Bid opening: 2026-11-18 10:30
- Bid opening (note): 22ffaa sa'aatii dura 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaaqaa Aanaa Ada’aa
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 24, 2026)
- Posted at: 2026-10-24T09:39:21.000Z
- Source: Qelal Tenders