Construction Machinery

Waajjira Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaa Guduruu Kiraa Maashinii Suphaa Sarara Daandii Shungee-Qob-boo-Looyyaa (18km) fi Mana JabanaaLooyyaa (4.6km) Waajjirri Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaa Guduruu bara baajataa 2019 keessa Suphaa Sarara Daandi

Description

Beeksisa  Caalbaasii

Beeksisa Caalbaasii Kiraa Maashinii Suphaa Sarara Daandii Shungee-Qob-boo-Looyyaa (18km) fi Mana JabanaaLooyyaa (4.6km) Waajjirri Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaa Guduruu bara baajataa 2019 keessa Suphaa Sarara Daandii Shungee-Qobboo-Looyyaa (18km) fi Mana Jabanaa-Looyyaa (4.6km) dheeratu Baajata Idilectiin Hojjechiisuuf Dhaabbata Eeyyama kiraa maashinootaa qabaniin kireeffatee hojjechiisuu barbaada.

Kanaafuu Dhaabbatni eeyyama kiraa maashinaa kana qabdan ulaagaalee caalbaasii armaan gadii guutuu danderssan dorgommii kana irratti hirmaachuu ni dandeessu.

Ulaagaaleen kanncenis:-

  1. Dorgomtootni Hayyama kiraa maashinaa qaban ta'ce bara 2019'f kan haaromfatan
  2. Dorgomaan kamiyyuu Heeyyama kiraa maashiniin waggaa 2(lama) fi isaa ol kan hojjetee fi raga dhiyeeffachuu kan danda'u.
  3. Lakkoofsa kaffala Gibiraa (TIN) kan qabu.
  4. Raga Galmaa'aa VAT ta'uu isaa ibsuu dhiyeessuu kan danda'a.
  5. Waajjira Maallaqaa naannichaatiin qofa tarree dhiycessitootaa (Supply list) keessatti dorgomtoota galmaa'an qofatu dorgomuu danda'a
  6. Dorgomtootni kabachiisa caalbaasii CPO qarshii 300,000 (kuma dhibba sadi) baankii irraa abbaa piroojecktii fi maqaa pirojektii eeruun kan barreeffame dhiyeessuu qaba.
  7. Dorgomaan caalbaasicha moo'ate kabachiisa waliigaltee (bank guarantee) 10% gati waliigalaa qabsiisuu qaba.
  8. Maashinoota ispeesifikeeshinii keessatti tarreeffaman hunda bakka tokkotti dhiyeessuu kan danda'u yoo ta'u, qoqqoodanii dorgomuu fi dhiyeessuun hin danda'amu.
  9.  Xalayaa qulqullummaa kaffalaa gibiraa ta'uu isaa ibsu dhiycessuu qaba
  10. Dorgomaan sanada caalbaasichaa waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Aanaa Guduruu irraa qarshii hin deebine 500 (Dhibba Shan) kanfaluun bitachuu danda'a
  11. Haala Dorgomtootni dorgommii piroojeektii kanaa itti samsan:-
    1. Dookumentoota Teeknikaalaa (technical document) orijinaala 1 (tokkoo) fi kooppii 2 (lama) qofa qofaatti poostaan kan samsame ta'ee bakka tokkotti poostaa tokkoon samsama
    2. Dookumentoota Faayinaansii (financial document) orijinaala 1 (tokkoo) fi kooppii 2 (lama) qofa qofaatti poostaan kan samsame ta'ee bakka tokkotti poostaa tokkoon samsama
    3. (i)fi(ii) dhumarratti dookumentoota tecknikaa fi faayinaansii bakka tokkotti poostaa guddaan (mother Envelope) tokkoon samsamee dhiyaachuu qaba.
  12. Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanaan 21 (Digdamii tokko)'f qilleensa irra erga oolee gaafa guyyaa 22 ffaa Waajira Maallaqaa Aanaa Guduruu lakk 1 sa'aatii 3:00 tti galuu qaba. Guyyaa wal fakkaatu bakka dorgomaan ykn bakka bu'aa seera qabeessaa jirutti sa'aatii 3:30 tti caalbaasichi ni banaama. Guyyaan kun guyyaa hojii idilee yoo hin taane guyyaa hojii itti aanutti banama.
  13. Maqaa Dórgomaa, Maqaa Abbaa piroojeektii,Maqaa piroojeektii, mallattoo fi chaappaa Dorgomaa, teessoo dorgomaa fi Abbaa piroojeektii poostaa gúbbaatti ifatti barreeffamuu qaba.
  14. Sanadicha irratti haqamni fi laaqamni jiraachuu hin qabu.
  15. Dorgamaan kamiyyuu libre yookiin waliigaltee kiraa maashincotaa ifata'e dhiycessuu qaba.
  16. Dorgomaan moo'ate maashincota dhiyeessu hundaaf booba'aa geejibsiisuu, akkasumas baasiiwwan kanaan walqabatan ofii isaatii danda'uu qaba.
  17. Dorgomaan Caalbaasicha moo'ate guyyaa walii galtee mallatteesse irraa eegalee guyyaa walitti aanan 15(kudha shan) keessatti qofa akkaataa waajirri gaafateen maashinoota dhiyeessuu qaba, Maashincota gosa, baay'inaa fi guyyaa barbaadame keessatti dhiyeessa, harcaatiin kamuu fudhatama hin qabu.
  18. Haala kaffaltii ilaalchisee, kaffaltiin dursaa (Advance Payment) hin jiru ykn hin kennamu.
  19. Dorgomaan kamiyyuu ulaagaa armaan olitti ibsaman hunda guutuuf dirgama qaba. Yoo ulaagaa armaan olitti ibsame keessaa tokkoyyuu hin guunne kallattiidhaan dorgommii irra ni haqama.
  20. Waajjirchi filannoo fooyya'aa biroo yoo argate caalbaasicha walakkaan yookiin guutuummaatti haquuf mirgi isaa kan eegame dha.

Teessoo waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Aanaa Gudurtu, Kombosha.

Lakk bilbilaa: 0910005759 ykn 0915877601

Waajjira Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaa Guduruu


Tender details

  • Deadline: 2026-11-20
  • Bid closing time: 09:00
  • Bid closing (note): 22 ffaa Waajira Maallaqaa Aanaa Guduruu lakk 1 sa'aatii 3:00 tti
  • Bid opening: 2026-11-20 09:30
  • Bid opening (note): 22 ffaa Waajira Maallaqaa Aanaa Guduruu lakk 1 sa'aatii 3:30 tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Aanaa Guduruu
  • Bid bond: Qarshii 300,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 27, 2026)
  • Posted at: 2026-10-27T08:57:36.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders