Building Construction

Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Karooraa fi Mallaaqaa Aanaa Ancaar Ijaarsa Gamoo waajjira Bulchiinsaa Aanaa Ancaar marsaa tokkoffaa (Phase one) magaalaa Calalaqaa keessatti baajata Idilee bara 2019tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyoolessaatiin kontiraak

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa bara Baajataa 2019

Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Karooraa fi Mallaaqaa Aanaa Ancaar Ijaarsa Gamoo waajjira Bulchiinsaa Aanaa Ancaar marsaa tokkoffaa (Phase one) magaalaa Calalaqaa keessatti baajata Idilee bara 2019tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyoolessaatiin kontiraaktaroota gahumsa qabanii fi Ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisuun Hojjachisuu barbaada.

kanaafuu kontiraaktarootni Ulaagaalee armaan gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.

1. kontiraaktaroota hayyamaa ijaarsaa waliigalaa GC sadarkaa 5/BC-5 fi isaa ol qaban.

2. Gibira bara 2018 kan kafalanii fi Hayyama daldalaa bara 2019 haaroome dhiyeessuu qabu.

3. Ragaa Kaffaltaa Gibira bara 2018 ittiin kafalan waraqaa ragaa qulqullina waajjira A/T galiiwwaanirraa kan dhiyyeeffachuu danda'an ta'uu qabu.

4. Galma'aa Taaksii Dabalata qabeenyaa(VAT) kan ta'anii fi ragaa Galma'aa kafalaa gibiraa (TIN) kanneen qaban ta'uu qabu.

5. Dorgomtoonni tarreefama dhiyeesitootaa keessatti galmaa'uu isaanii waraqaa ragaa dhiyeeffachuu qabu.

6. Waraqaa Ragaa gahumsaa(Certificate of Competence) bara 2019 E.Ctti haaromfame Abbaa taaytaa koonistiraakshinii Oromiyaa irraa ykn ministeera misooma magaalaa fi manneenii Ethiopia irra dhihefatu qabu.

7. Dorgomtootni guyyaa jalqaba beeksifni kun bahee qillensarra oole irraa eegalee walitti fufiinsaan guyyaa hojii 22 /diigdamii lama / keessatti sanada caalbaasii Sumudaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Ancaar, A/T/ konistiraakshinii fi waaj/bulchiinsaa Aanaa Ancaaritiin mirkanaa'e sanada piroojektii tokkoo qarshii 1000 (kuma tokkoo) kan hin deebineen Waajjira Galiitti kafaluun Nagahee ittiin kaffale qabatee sanada caabaasii Waajjira Maallaqaa Aa/Ancaar kutaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaatti qaamaan ykn gara bakka bu'aatiin fudhachuu ni danda'u.

8. Iddoon sanduuqni caalbaasii itti argamuu Waaj/Maallaqaa Aanaa Ancaar yoo ta'u erga caalbaasiin cufamee booda sanadni yaada dorgomii caalbaasii dhiyaatu fudhatama hin qabu,

9. Caalbaasichi Guyyoota Hojii walitti aanan 22 /diigdamii lama/qilleensarra erga turee guyyaa dhumma 22ffaa isaatiin iddoo dorgomtootni ykn bakka bu'oota seera qabeessa argamanitti ganama Sa'aa 4:00 booda sanadni gara sanduuqaatti galuudhaan Sanduuqichi ni cufama. Guyyuma kana daqiiqaa 30 booda jechuun Sa'aatii 4:30tti sanadni yaada dorgomii teekinika Galma waajjira Bulchinsa Aanaa Ancaaritii bakka dorgomtooni fi Koreen hundi argamanitti kan banamu ta'a.. Guyyaan kun guyyaa Ayyaanaa fi guyyaa hojii tahuu baatee guyyaa ittii anutti kan darbuu tahuu isaa isin hubachiifna

10. Dorgoomtoonni yookiin bakka buutoonni argamaniis argamuu baataniis baanamiinsa caalbaasichaa gufachiisuu hin danda'an.

11. Caalbaasichi (poostaa) Invelooppii shaniin] 5 kan dhiyaatu yoo ta'u, sanadni Teeknikaa orjinaalli kophaatti, poostaa tokkoon saamiidhaan saamsamuu qaba, waraabbii (Koppii)n isaas kophaatti poostaa tokkoon samsamuu qaba, Sanadni gatiin irratti guutames (financial Document) orjinaalli isaa kophaatti poostaa tokkoon saamsamuu qaba, Waraabbiin isaas poostaa tokkoon samsamee dhihaatu qaba akkasumasa wabiiin kabachiisa caalbaasii qarshii 400,000 xalayaa baankii irraa caalbaasicha maqaa dhawuun mirkanaa'e poostaa biraatin irratti maallattefamee dhihaachuu qaba Poostaa sanada shananuu sumudaa dorgomaatiin mirkanaa'ee maqaan dhaabbata dorgomuu, gosa piroojaktii, gosa sanada poosticha keessa jiruu fi orjinaala fi koppii ta'uun isaa adda bahee irratti barreeffamee dhihaatu qaba.

12. Dorgomtootni sanada caalbaasii ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii orjinaalaa fi kooppii akkaataa kanaa olitti ibsameen addaan osoo hin baasiin dhiheessan sanadni isaanii osoo hin banamne caalbaasiin ala ta'ee kan kufu ta'uu isaa.

13. Dorgomtootni bu'aa caalbaasii ulaagaa teeknikaa irratti kufan sanadni caalbaasii faaynaansii (Financial Document) isaanii osoo hin banamin kufaa taha.

14. Dorgomtootni ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii guutanii darban keessaa dorgomaan (tuun) gatii xiqqaa qofa osoo hin taane "Gatii Xiqqaa Ogeessaan Madaalame(Technically Evaluated Least Price Bidder)" Dhiheesse (Dhiheesite) moo'ataa (Moo'attuu) tahee kan dabaru(tu) taha.

15. Sanadootni caalbaasii Ulaagaalee Teeknikaa fi Faaynaansii irratti haqaa fi Laaqqaa qabuu, qulqullina hin qabne, kanneen fuula hunda irratti mallattoo fi sumudaa hin qabnee akkasumaas kanneen samiidhaan hin samsamin guututti kufaa taha.

16. Daawwannan iddoo hojii dirqamaa fi xalayaa ragaa dawwannaa iddoo hojii waajjiraa bulchinsa Aanaa Ancaar irra fiduun dirqama.

17. caalbaaasiin kun ragga'ee kan turu guyyaa caalbaasiin baname irraa kaasee guyyaa 90 sagaltama] kan turudha.

18. Waajirichi Caalbasii kana gar-tokkee isaa yookiin guutuu guututti haquuf aangoo guutuu qaba.

Ibsa dabalataatif lakk bilbila:- 09 10 14 70 19, 09 65 46 10 00, 09 13 59 96 01 fi 09 19 09 00 47 bilbiluun argachuu ni dandeessu. 

Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Karooraa fi Mallaaqaa Aanaa Ancaar


Tender details

  • Deadline: 2026-11-20
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): 22ffaa isaatiin iddoo dorgomtootni ykn bakka bu'oota seera qabeessa argamanitti ganama Sa'aa 4:00
  • Bid opening: 2026-11-20 10:30
  • Bid opening (note): 22ffaa isaatiin iddoo dorgomtootni ykn bakka bu'oota seera qabeessa argamanitti ganama Sa'aa 4:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Karooraa fi Mallaaqaa Aanaa Ancaar
  • Bid bond: Qarshii 400,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 27, 2026)
  • Posted at: 2026-10-27T10:55:00.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders