Building Construction
Manni Murtii Aanaa Wancii Ijaarsa Gamoo G+2 Tajaajila Waajjiraaf oolu kontiraaktaroota sadarkaa 5ffaa fi isaa olii waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/ certificate of competence/ Ministeera Bu'uuraalee Misoomaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa irra
Description
Beeksisa Caalbaasii Biyyoolessaa
Lakk. Addaa Bittaa 01/2019
Manni Murtii Aanaa Wancii Ijaarsa Gamoo G+2 Tajaajila Waajjiraaf oolu kontiraaktaroota sadarkaa 5ffaa fi isaa olii waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/ certificate of competence/ Ministeera Bu'uuraalee Misoomaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa irraa fudhatan waldorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Kanaafuu, Dorgomtootni Waraqaa Ga'umsa Ogummaa /Cerificate of Competence / sadarkaa 5ffaa fi isaa ol bara kanaaf haara'e qabanii fi Eeyyama Daldalaa bara 2019 haara'e qabdan dookumantii caalbaasii fudhachuun dorgomuu ni dandeessu.
Kanaafuu, Dhaabbatni ulaagaa armaan gadii guuttan dookumantii caalbaasii bitachuun dorgomuu ni dandeessu.
a. Waraqaa qulqullinaa gibira kaffaluusaa ibsu kan yeroo caalbaasiin kun itti hojjetamutti tajaajiluu danda'u kan dhiyeessu ta'uu qaba.
b. Herrega isaanii bara baraan odiitii kan taasisan.
c. VAT kan galmaa'an ta'uu qaba.
d. Eeyyama hojii daldalaa bara 2019'f haara'e.
e. Kabachiisa caalbaasii qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) baankii irraa ykn bifa CPO kan dhiyeeffachuu danda'u.
f. Dorgomtootni guyyaa 17/2/ 2019 A.L.I eegaltanii hanga guyyaa 9/3/2019.A.L.I guyyaa fi sa'aatii hojii mootummaatti Go/Sh/Ki/Lixaa Aanaa Wancii Waajjira Maallaqaatti dhiyaattanii dookumantii caalbaasii qarshii hin deebine 2000 (kuma lama )'n bitachuu ni dandeessu.
g. Dorgomtoonni dookumantii caalbaasii fudhattan ragaa barbaachisu guutuun teeknikaa fi dokumantii faayinaanshaalaa kophaa kophaatti saamsamee dhiyaachuu qaba. Dookumantiin Faayinaansii originaala 1 fi koppiin lama kophaa kophaatti saamsuun dhuma irratti poostaa tokkoon saamsamuu qaba. Dookumantii teeknikaas koppii lama kophaa kophaatti kan saamsamee fi orijiinaala tokko poostaa of danda'etti saamsuun, akkasumas poostaawwan sadeen iddoo tokkotti poostaa tokkoon saamsuun dhuma irratti poostaa haadhoo Dok. Teeknikaala, Kabachiisa Caalbaasii fi Faayinaanshaalaa Saamsuun gaafa guyyaa 9/3/2019 A.L.I hanga sa'aatii 8:00tti qabattanii dhufuun Waajjira Maallaqaa Aanaa Wanciitti saanduqa kanaaf qophaayetti galchuun guyyuma kana daqiiqaa soddoma booda sa'aatii 8:30 irratti sirna baniinsa irratti argamuu ni dandeessu.
h. Abbaan Piroojektii akkaataa barbaachisummaa isaatti gosa (item) hojii ispeesifikeeshinii keessa jiru keessaa muraasa hojjachiisuu dhiisuu ykn itti dabaluuf mirga ni qaba (kanfaltii garuu hojii hojjatame hundaaf safarri irratti hundaa'uun ni raawwata).
i. Abbaan Piroojektii caalbaasii kana walakkaan ykn guutummaan haquuf mirgi isaa kan eegameedha. Akkasumas, sababa humnaa ol ta'e kamiyyuu yoo isa qunname caalbaasicha guutuutti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uu isaa beeksifna.
j. Piroojektichi kan xumuramuu qabu guyyoota kalandarii/ walitti aanan 550 keessattidha.
k. Caalbaasichi ragga'ee kan turu guyyoota 100 dha.
Go/Sh/Ki/Lixaatti Mana Murtii Aanaa Wancii
Lakk. Sa. Po.
Lakk. Bilb. 09 20 13 82 77
Libaan
Go/Sh/Ki/Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Wancii
Tender details
- Deadline: 2026-11-18
- Bid closing time: 14:00
- Bid opening: 2026-11-18 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Go/Sh/Ki/Lixaatti Mana Murtii Aanaa Wancii
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 2,000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 27, 2026)
- Posted at: 2026-10-27T11:59:15.000Z
- Source: Qelal Tenders