Building Construction

Godina Lixa Oromiyaatti Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Shaambuu Pirojektii Hojii Ijaarsa Daandii Teeraazoo fi Poolii Ibsaa diriirsuu hojjechiisuuf baajata bara 2019 keessa raamadameen caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojiiijaarsaa daandii (GC) ir

Description

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa

Godina Lixa Oromiyaatti Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Shaambuu Pirojektii Hojii Ijaarsa Daandii Teeraazoo fi Poolii Ibsaa diriirsuu hojjechiisuuf baajata bara 2019 keessa raamadameen caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojiiijaarsaa daandii (GC) irratti heyyama seera qabeessa ta'e qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada. Kanaafuu:-

1. Dorgomtoonni fedhii qabanii fi ragaalee armaan gadii fi kan sanada caalbaasii keessatti eeraman hunda dhiyeessuu danda'an affeeree jira.

i. Dorgomtoonni ragaa gahumsaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa (Category) GC-4 hanga GC 3 kan bara baajataa 2019'f haaromfame.

ii. Ragaa VAT fi TIN kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniin kenname kan dhiyeeffachuu danda'u.

iii. Ragaa Qulqulleessuu Taaksii/Tax clearance certificate/ gibiraa bara 2018 A.L.I kaffalanii, caalbaasii bara baajataa 2019 A.L.I irratti hirmaachuu danda'uu isaaniif xalayaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Biyya keessaa irraa kan kenname kan dhiyeeffachuu danda'u.

iv. Ragaa Dhiyyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Itiyoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAA)/ tarree dhiyeessitootaa irratti galmaa>uu (Suppliers list) kan dhiyeeffachuu danda'u.

2. Caalbaasiin hojimaata Caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa/National Competitive Bidding (NCB)tiin kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada caalbaasii irratti ibsamee fi ibsameen ta'a.

3. Dorgomtootni caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii (Bid Security) turtiin yeroo isaa guyyoota 28 seera qabeessummaa boodaa dabalatee (including 28 days beyond validity period) guyyoota 118'f turuu danda'u kan qarshii 500,000/ Qarshii kuma dhibba shan/bifa CPOtiin ykn wabii baankiin mirkaneeffame/Bank guarantee)sanada teeknikaa isaanii haadhoo waliin maqaa mana hojii keenyaatiin walqabsiisuun dhiyeeffachuu qabu. Hirmaataan caalbaasii mo'ate gatii walii galaa keessaa perfoormaansi boondii 10% qabsiisudhaan mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda'u ta'uu qaba.

4. Waajjirri keenya mo'ataaf kaffaltii Dursaa (advance payment) hin kaffalu. Kanaafuu dorgomaan haalaan of qopheessee hojiitti galuuf fedhii kan qabu.

5. Dorgomtoonni ulaagaa guutanii fi fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuu fi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta'e dabalatee, Waajjira Galii Bulchiinsa Magaala Shaambuutti dhiyaachuun sa'aatii hojii Mootummaatti Qar. 3,500.00 (Kuma Sadii fi dhibba shan) kan hindeebine kaffaluun bitaachuu ni danda'u. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromootiin qophaa'an dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa beeksisi bahe irraa eegalee hanga guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda'a.

6. Dhaabbanni argamuudhaan, daawwii dirree hojichaa (site visit) gochuu isaaf waraqaa raga daawwannaa mana hojichaa irraa fudhachuu isaaf xalayaa kana sanada teeknikaa keessatti saamsuudhaan dhiyeessuu qaba.

7. Sanada dookimantii teeknikaalaa Envelooppii maqaadhaan saamsame akkasuma chaappaa seeraqabeessa dhaabbatichaa fi mallattoo itti gochuudhaan (haadhoo tokkoo fi teeknikaala koppii 1 fi koppii 2) qofa qofaatti saamsudhaan sadan immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan sanada teeknikaa jechuudhaan barreessudhaan galchuu qaba. Sanada maallaqaa dhiyeessii gatiiisaanii Envelooppii maqaadhaan saamsame akkasuma chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa fi mallattoo itti gochuudhaan (faayinaanshaalii haadhoo tokkoo fi faayinaanshaala koppii Iffaa fi koppii 2ffaa) qofa qofaatti saamsuudhaan sadan immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuun sanada faayinaanshaalaa jechuudhaan barreessuudhaan galchuu qaba.Wabiin kabachiisa caalbaasii envelope alaa biraa keessa kaa'amee, bifa fudhatama qabuun dokimantii haadhoo teeknikaa keessatti poostaa mataa isaatiin saamsamuun dhiyaachuu qaba. Dhuma irrattis poostaawwan faayinaanshiyaalii fi teeknikaalaa lamaan bakka tokkotti Poostaa guddaa tokkootiin saamsuudhaan saanduqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaatiin qophaa'e keessatti galchuu qabu.

8. Caalbaasiin guyyaa beeksisni Gazeexaa irratti bahe irraa kaasee guyyaa hojii digdamii tokko (21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22ffaa (Digdamii lammaffaa) Waaree Dura sa'aa 3:30 L.T irratti cufaamee sa'aa 4:00 L.T irratti ifatti ni baanama. Haa ta'u malee guyyaan 22ffaan (Digdamii Lammaffaan) guyyaa hojii yoo ta'uu baate, guyyaa hojii mootummaa itti aanutti sa'aa walfakkaataatti cufamee akka banamu ni ta'a. Caalbaasiin hundi wabii kabaachisa caalbaasii ibsame waliin ta'uu qaba. Sanada yaada dorgommii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bidders will be rejected). Sanada Yaada dorgommii dorgomtootaa Gamoo Kantiibaa (G+3) darbii 3ffaa Galma xiqqaatti bakka dorgomtootni ykn bakka bu❜oonni seera qabeessaa argamanitti ifatti ni banama.

9. Madaalliin sadarkaa lamaan gaggeeffama.

10. Odeeffannoo Ulaagaa Duraa (Qualification Information first) fi Caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsa (Financial Bids of Qualified bidders next) qaban itti aansuun kan raawwatamu ta'a. Sanadni caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsa qaban madaalliin saanada caalbaasii Teeknikaa erga xumuramee booda guyyaa Koreen Teekinikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajajila Gorsa ibsamuu qabutti teessoo armaan olitti kennameen ni banama; sanadni caalbaasii Faayinaansii Dorgomtoota Ulaagaa hin guunnee hin banamu.

11.Waajjirichi caalbaasii bahe kana guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf: Bilbila: 09 04 33 43 03/ 09 11 36 70 48

Godina Lixa Oromiaatti Waajjira Kantiibaa/Shaambuu


Tender details

  • Deadline: 2026-11-23
  • Bid closing time: 09:30
  • Bid closing (note): gaafa guyyaa 22ffaa (Digdamii lammaffaa) Waaree Dura sa'aa 3:30 L.T
  • Bid opening: 2026-11-23 10:00
  • Bid opening (note): gaafa guyyaa 22ffaa (Digdamii lammaffaa) Waaree Dura sa'aa 4:00 L.T
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Lixa Oromiaatti Waajjira Kantiibaa/Shaambuu
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3500.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 29, 2026)
  • Posted at: 2026-10-29T07:59:03.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders