Building Construction

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Waajjira Qajeelcha Tajaajila Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutiif bara Baajataa 2019 keessa ijaarsa piroojektii corridor development infront of mettu city finance office and corridor development inf

Description

Waamicha Caalbaasii 1ffaa

Lakk.Caalbaasii METTU -CW-IR-27/2019

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Waajjira Qajeelcha Tajaajila Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutiif bara Baajataa 2019 keessa ijaarsa piroojektii corridor development infront of mettu city finance office and corridor development infront of zone education office with electric charge station and River side Urban Dev't at Shenboko river jedhamu hojjeechuuf baajata ramadameen Magaalaa Mattuu keessatti turtii guyyootaa 360 keessatti hojiilee hojjeetamce xumuramuu caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heeyyama seera qabeessa qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.

Kanaafuu:-

1. Dorgomtoonni dorgomuuf fedhii qaban ragaalee armaan gadii iyyata isaanii waliin dhiyeessuu qabu:

i. Dorgomtoonni ragaa galmee gahumsa ogummaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa irraa gosa(Category) GC-3/ BC-2 fi isaa ol kan ta'ee fi kan bara baajata 2019E.C haaromfame dhiyeessuu kan danda'u.

ii. Ragaa VAT fi TIN kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniin kenname kan dhiyeeffachuu kan danda'u.

iii. Hayyama Daldalaa haaroomfame / caalbaasii kanaafhayyama daldalaa kan bara 2019 haaroomfame qaamolee hayyamaman irraa dhiyeessuu kan danda'u.

iv. Waraqaa Ragaa Qulqulleessuu Taaksii fi gibiraa /Tax clearance certificate/ bara 2018 kaffaluusaa kan agarsiisu Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Biyya Keessaa irraa kan kenname dhiyeeffachuu kan danda'u.

v. Ragaa Dhiyyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Itiyoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAA)/ Tarree Dhiyeessitootaa irratti galmaa'uu (Suppliers list) kan dhiyeeffachuu danda'uu fi dhorkaarraa kan hin jirre ta'uu qaba.

2. Caalbaasiin akkaataa hojimaata caalbaasii Biyyoolessaa(NCB) Labsii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamuun kan geggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha, kunis (sadarkaa lama: sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaadha. Lammaffaan sadarkaa:- madaallii faayinaansiidha.

3. Hirmaattonni caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii Qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda yeroo turtii guyyoota 148f kan hojjetu ta'uu qaba, Wabii caalbaasiitiif Qarshii 500,000(Kuma dhibba shan) bifa CPO Qofaan Baankii irraa Maqaa waajjira Mallaaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutiin dhiyyaachuu qaba. Hirmaataan caalbaasii mo'ate gatii waliigalaa keessaa perfoormaansii boondii 10% qabsiisuudhaan mana hojiichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda'u ta'uu qaba.

4. Dorgomtoonni ulaagaa guutuuf fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuu fi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta'e dabalatee, Waajjira Mallaaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu lakkoofsa 13 (Kudha sadii) dhaquun sa'aatii hojii Mootummaatti dhiiyaachuun Qarshii 1,000.00 (kuma tokko) Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti galii gochuun naga'ee galii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaani Bulchiinsa Magaalaa Mattuu irraa fiduun bitachuu ni danda'u.Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu afaan Oromootiin qophaa'an dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa beeksisi bahe irraa eegalee hanga guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda'a.

5. Dhaabbanni caalbaasii hirmaatu Waajjira Qajeelcha Tajaajila Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu kutaa hogganaa Lakk. -1 tti argamuudhaan (site visit) gochuusaaf waraqaa ragaa daawwannaa mana hojii hojichaarraa fudhachuun akkasumas xalayaa kana sanada teeknikaa keessatti saamsudhaan dhiycessuu qaba.

6. Dorgomtootni Sanadi caalbaasii teeknikaalaa fi dhiyeessii Faayinaansii lamaan isaaniif orijinaalii tokko tokkoo fi footo-kooppii (photo copy) lama lama ni dhiyeessu. Sanadi caalbaasii teekinikaa haala kooppii originaalaa tokkoof kooppii suuraa tokkoo envelope tokko keessatti cuufamu kan qabu yeroo ta'u, footoo kooppiin lammaffan ammo envelope biraa keessatti addaan baafamee kan cufameefi akkaataa wal duraa duubaan "one original and one photo copy" fi "second photo copy" jedhamee kan irratti barreeffamu ta'a, sana booda akkaataa lakk -3 armaan olitti ibsametti wabii caalbaasii waliin envelope ala kan biraa keessa ka'aamee, bifa fiuudhatama qabuun akka sanada caalbaasii irratti ibsametti, sanada caalbaasii faayinansii haala orijinaala tokkoof photo copy tokko envelope tokko keessatti cufamuu qabuun kan cufamu yoo ta'u, photo copy lammaffaan ammo envelope biraa keessatti addaan baafamee kan cufameefi akkaataa wal duraa duubaan "one original and one photo copy" fi "second photo copy" jedhamee kan irratti barreeffamu ta'a, sana booda envelope ala kan biraa keessa kaa'amee, dhumaratti sanadoonni guutuun envelope tokko kan cufame kan haguuggii alaa isaa odeeffannoowwan biroo akkaata qajeelfama dorgomtootaa keessatti ibsameen kanneen akka teessoo dhiyeessii, chaappaa dorgomaa, dhaabbaticha keessatti nama aangoo seera qabeessa qabuun mallatta'ee kan cuqqaalamee(saamsame) ta'uu mallattoo fi maqaa guutuu, lakka bilbila, maqaa mana hojii caalbaasii baasee, lakkoofsa addaa piroojektichaa fi KOREE CAALBAASII QOFA BIRATTI BANAMA kan jedhu ifatti qalama gadi hin gadhiisneen irratti barreeffamuu qaba. Wabiin kabachiisa caalbaasii Orijinaala sanada Teeknikaa Orijinaala Keessa kaa'uu dhaan dhiyeessuu qaba.

7. Caalbaasiin guyyaa beeksisi Gazeexaa irratti ba'ee kaasee guyyaa hojii mootummaa digdamii tokkoof (21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) Waaree duraa sa'aa 4:00 irratti cufaamee sa'aa guyyaadhuma kana sa'aa 4:30 irratti ifatti ni banama. Haata'uu malee guyyaan 22ffaan (digdamii lammaffaan) guyyaa hojii mootummaa yoo ta'uu baate, guyyaa hojii mootummaa itti aanutti sa'aa walfakkaataatti cufamee akka banamu ni ta'a. Sanada Yaada doorgomii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bids will be rejected). Sanada Yaada doorgomii dorgomtootaa galma Waajjira Mallaaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti bakka dorgomtooti ykn bakka bu'oonni seeraa qabeessaa argaamaniitti ifaati ni banama akkasumas dorgomaan ykn bakka bu'aan dorgomaa sa'aatii sanaadi caalbaasii banumutti kan hin argamne yoo ta'e bakka jarri hin jirreetti sanadi kan banamu ta'a.

8. Envelopen Dhiyeessii faayinaansii dorgomtootaa ulaagaa teeknikaa ulaagaa guutan(Fitted) fi isa ol ta'aan qofatu guyyaa bananiinsa faayinaansi akka banamu ta'a. Manni hojii guyyaa fi sa'aatii baniinsaa faayinaansiin dorgomtootaaf ni ibsa.

9. Sanada sobaa fi yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf yaaliin yoo godhamee manni hojii dorgomicha dorgommiin ala ni taassisa,

10. Manni hojichaa "sanada gahumsa teeknikaa" "sanada dhiyeessii faayinaansii" envelope keessatti dogoggoraan kaa'amu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan fiduuf itti gaafatamummaa hin fudhatu.

11. Waajjirichi caalbaasii bahe kana guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataaf:

Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu

Bilbila:- 047 441 3379 irratti bilbilaa

Mattuu

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu


Tender details

  • Deadline: 2026-11-23
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): Beeksisi kun Gazeexaa irratti ba'ee guyyaa kaasee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 21f (digdamii tokkoof) qilleensa irra oolee, gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) Waaree duraa sa'aa 4:00 irratti
  • Bid opening: 2026-11-23 10:30
  • Bid opening (note): Beeksisi kun Gazeexaa irratti ba'ee guyyaa kaasee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 21f (digdamii tokkoof) qilleensa irra oolee, gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) Waaree duraa sa'aa 4:30 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 29, 2026)
  • Posted at: 2026-10-29T08:08:30.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders