Machinery and Equipment
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii Dozera Cat D8R 305 HP fi isaa ol Modela 2012-2024 boba'aa malee sa'aatii 400f kireesee hojii lafaa fi haxaahuu toora xooxoo -Abbuu bara baajetaa 2019 baajeta mootummaatiin caalbaasii ifaadhaa
Description
Beeksisa Caalbaasii Kiraa Dozeraa Lakk. 02/2019
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii Dozera Cat D8R 305 HP fi isaa ol Modela 2012-2024 boba'aa malee sa'aatii 400f kireesee hojii lafaa fi haxaahuu toora xooxoo -Abbuu bara baajetaa 2019 baajeta mootummaatiin caalbaasii ifaadhaan waldorgomisiisee hojechiisuu barbaada.
Ibsa Bal'inaan
labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee hojechiisuu barbaada. Dorgomaan guyyaa beeksifinni gazexaa kallacha oromiyaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii 20f Waajjirra Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii biiroo lakoofisa 2 dhufuudhaan qarshii hin deebin 1000 kanfaluun sanada caalbaasii bitachuu ni dandeesu
Dirgama Dorgomtootaa
1.Gibira barichaa kan kaffalanii fi damee daldala meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, raga qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an.
2. Galmaa'aa Taaksii dabala qabeenyaa kan ta'anii fi footokoppii sartefkeettii VAT dhiyeessuu kan danda'an.
3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda'an.
4. Dorgomtoonni baay'ina gatii waliigala irraa 1% kabachiisa caalbaasii (CPO) qofa sanada caalbaasii orjinaala keessa kaa'ee dhiyeesuu qaba.
5. Mashinni kireefamu Dozera D8R305HP modeeli isaa 2012-2024 kan ta'ee fi humni fardaa isaa 305HP fi isaa ol kan ta'ee.
6. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti guutuudhaan orijinaala isaa fi koppii isaa adda addatti i poostaa gagaadhaan saamsameen, guyyaa caalbaasiin kun kallacha oromiyaa irratti bahe irraa eegalee hanga guyyaa hojii 20ffaa sa'atii 6:00 waajjira maallaqaa aanaa Liiban Jaawwiitti saanduqa dhimichaaf qophaa'ee keessa galchuu qabdu .Caalbasiin kun guyyaa armaan ol lakk. 6 irratti ibsame guyyaa keessaa sa'aatii8;00 tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama.
7. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa mo'atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa eega ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'u.
8. Dorgomtoonni mo'ataa baasii kam iyyuu ofdanda'uudhaan gatii geejjiba opireeteraa,nyaataa fi bakka bultii opireetera yoo doozerri midhame suphaa dozeraa akasumas baasiiwan biroo ittin hojetu karaa dorgomaa kan uwifamu ta'a.
9. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta'ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba.Odeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0913246660 ykn 0912372578
Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii Baabbicha
Tender details
- Deadline: 2026-11-20
- Bid closing time: 06:00
- Bid closing (note): Guyyaa 20ffaa Sa,aatti 6:00tti
- Bid opening: 2026-11-20 14:00
- Bid opening (note): Guyyaa 20ffaa Sa,aatti 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii Baabbicha
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 29, 2026)
- Posted at: 2026-10-30T08:36:56.000Z
- Source: Qelal Tenders