Water Construction

Waajjirri Bishaan fi Albuuda fi Inarjii Aanaa Jiddaa bara baajata 2019 hojii ijaarsa Soolaarii Boolla Gadi Fagoo Godina Sh/ Kaabaa, Aanaa Jiddaa ganda W/D/Nasirii keessatti hojjechiisuu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Hojii Ijaarsa Soolaarii Boolla Gadi Fagoo

Waajjirri Bishaan fi Albuuda fi Inarjii Aanaa Jiddaa bara baajata 2019 hojii ijaarsa Soolaarii Boolla Gadi Fagoo Godina Sh/ Kaabaa, Aanaa Jiddaa ganda W/D/Nasirii keessatti hojjechiisuu barbaada.

Kanaaf, ulaagaalee caalbaasii armaan gadii qaamni guutuu danda'u dorgommii irratti hirmaachuu ni danda'a.

  1. Hayyama daldalaa ilaallatu kan bara 2019 kan haaromse.
  2. Dorgomtoonni lakkoofsa kaffalaa gibiraa (TIN) dhiheessuu qabu.
  3. Ragaa galmaa'aa VAT ta'uu isaanii ibsu dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qaba.
  4. Xalayaa qulqullummaa gibiraa kaffaluu isaa ibsu dhiheessuu qaba.
  5. Tarree dhiheessitoota (supply list) keessatti galmaa'uu isaanii ragaa dhiheeffachuu qabu.
  6. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii (CPO) %1 Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaatiif kan barreeffamee qabsisuun dhiycessuu qabu.
  7. Dorgomaan caalbaasicha mo'ate kabachiisa walii galtee (performance bond 10% gatii waliigala qabsiisu qaba. Moo'atan kabachiisa walii galtee hin dhiyeeffanne CPO'n kabachiisa caalbaasiif qabsiise mootummaaf galii tahee bu'aa mootummaan argatu giddu galeessa godhachuun dorgomaan biraa akka akka hojatu godhama.
  8. Haala Poostaan ittin dhiyaatu qajeelfama dorgomtoota fi Facaatii odeeffannoo sanada Caalbaasii irraa tti haala barreefameen dhiyaachuu qaba.
  9. Maqaa dorgomaa, maqaan abbaa piroojeektii, maqaan piroojeektii, mallattoo bakka bu'aa dorgomaa fi chaappaan dorgomaa, teessoon dorgomaa fi abbaa piroojeektii poostaa gubbaatti ifaatti barreeffamuu qaba.
  10. Sanadaa dorgommiif dhihaatan hundaa irratti maqaan duraa taa'aa dhaabbatichaa fi mallattoon isaa akkasumaas chaappaan dhaabbatichaa ifaatti irratti argamuu qaba.
  11. Sanadicha irratti haqamni fi laaqamni jiraachuu hin qabu.
  12. Dorgomaan kamiyyuu erga caalbaasiin banamee booda yaada jijjiiruu ykn foyyeessuu fi caalbaasii keessaa of baasuu hin danda'u. Akkasumas dorgomaan kamiyyuu sa'aatii jedhameen alatti sanada bituus deebisuus hin danda'u.
  13. Dorgomaan caalbaasii burjaajeessu fi dogongorsuu yaalii godhee caalbaasichaa irraa ni haqamaa.
  14. Dorgomtoonni bittaa mootummaa irratti adabbii kan hin qabne fi hin dhorkamnee ta'uu qabu.
  15. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaa irraa qarshii hin deebine qarshii 500 (Dhibba Shan) kaffaluun bitachuu ni danda'u.
  16. Caal-baasiichi guyyaa beeksisni kun bahe irraa eegalee guyyoota Hojii walitti aanan 21f qilleensa irra erga oolee booda guyyaa 22ffaa gaafa 08/04/2019 bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan seera qabeessaa, koreewwan teekinikaa fi koreewwan piroojeektii argamanitti sa'aatii 4:00 cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaatti kan banamu ta'a. Guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaatutti kan hojirra oolu ta'a.
  • Hubachiisa:-Waajjirichi filannoo fooyya'aa biroo yoo argate caalbaasicha walakkaan ykn guutummaatti haquuf mirgi isaa kan eegameedha.
  • Teessoo Abbaa Piroojektii:-Godina Sh/Kaabaa, Aanaa Jiddaaa, Magaalaa Sirxii
    Lakkoofsa bilbilaa-011 673 63 28

Godina Sh/Kaabaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaa


Tender details

  • Deadline: 2026-12-17
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-12-17 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godinaa Shawaa kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jiddaa
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Nov 18, 2026)
  • Posted at: 2026-11-18T07:26:36.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders