Yuuniyeenin Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaalee bittaa gommaa konkolaataa gosa adda addaa Caalbaasii Ifaatin dhiyeessitoota meeshaa dorgomsiisee bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Yuuniyeenin Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaalee bittaa gommaa konkolaataa gosa adda addaa Caalbaasii Ifaatin dhiyeessitoota meeshaa dorgomsiisee bituu barbaada.

Lakkoofsa caalbaasii BSY/03/2018

Ulaagaalee Caalbaasii:

1. Dorgomaan kamiyyuu hayyama hojii daldalaa kan bara 2018 haaromfameefi lakk. gibiraa/TIN/ ragaa kooppii sanada waliin dhiyeeffachuu qaba.

2. Dorgomtootni kallattii hojii daldala seera qabeessa ta'eefi facaatii kenna tajaajila dhiyeessii meeshaa/EGP/ keessatti kan galma'aniif taaksii dabalataa/VAT/ ta'uu isaafi ragaa kooppii sanada caalbaasii waliin dhiyeeffachuu qabu.

3. Dorgomtootni sanada caalbaasii guyyaa caalbaasiin kun Gaazexaa irratti maxxanfamee bahe guyyaa 19/8/2018 irraa kaasee guyyaa walitti aanan 16f hanga 06/9/2018tti waaree dura 2:30-6:30 waaree booda 7:30-11:30tti sanada qarshii hindeebine 500/dhibba shan/baankii CBO 1000010682251, CBE 1000015938629 irratti kaffaluudhaan Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaalee darbii 2ffaa biiroo lakkoofsa 4tti dhiyaachuun sanada bitachuun nidanda'ama.

4. Caalbaasiin kan banamu gaafa guyyaa 17ffaa 07/9/2018 waaree booda sa'aatii 9:00 irratti saanduqni cufamee guyyuma kana sa'aatii 9:30 irratti bakka dorgomaan jirutti ykn bakka bu'aan seera qabeessaa jirutti nibanama.

5. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiitiif 100,000/kuma dhibba tokko/maqaa Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaaleetiin/CPO/baankii CBO,CBE irraa hojjatame qofa sanada orjinaala caalbaasichaa waliin qabsiisuu qabu.

6. Dorgomtootni dorgomuu kan danda'an gosa hayyamaafi ragaa dhiyeessummaa, akkasumas ragaa guutuu ta'e seera qabeessa qaban qofa irratti ta'a.

7. Gatiin dhiyaatu geejjiba, kan fe'iisaaf bu'iinsaa haala gabaan irra jiru jeddu galeessa kan godhatee kan of danda'eefi VAT kan dabalateefi kan hindabalanne ta'uu ibsamuu qaba. Yoo hinibsamne akka VAT dabalateetti qabama.

8. Moo'ataan caalbaasii/dorgomaan/guyyaa firiin caalbaasichaa maxxanfamee kaasee guyyoota hojii 5/shan guyyaa /komii booda dhiyaatanii walii galtee kan hinseenne yoo ta'e maallaqni kabachiisa caalbaasii nidhaalama.

9. Dorgomtootni caalbaasii moo'atan moo'achuu isaanii guyyaa ibsamerraa kaasee guyyoota hojii 5/ shan/ keessatti waliigaltee dhiyeessii bittaa meeshaa mallatteessuu qabu.

10. Dorgomaan kamiyyuu, modeela ykn maqaa ykn gosa meeshichaa iddoo uunkaan gaafatutti ykn guutamu irratti ibsuu qaba/yoo osoo hinibsiin hafe gatiin guute hinqabamuuf kn dorgommii keessa hingalu.

11. Yuuniyeenichi caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirga niqaba.

Odeeffannoo dabalataaf:- Bilbila 011 135 0107 / 09 12 32 51 90 

Magaalaa Fiichee

Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaalee


Tender details

  • Deadline: 2026-05-15
  • Publishing entity: Yuuniyeenii Qonnaan Bultoota Biiftuu Salaalee
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published: Apr 27, 2026

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders