Waajjirri Maallaqaa Bulchinsa Magaalaa Bishooftuu dhiheessitoota eeyyama daldalaa seeraqabeessa qaban caalbaasiidhaan waldorgomsiisee meeshaalee "Electronics" addaddaa wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo Kutaa Magaalaa Duukamiif bituu barbaada. Dorgomaan caalb
Description
Beeksisa Caalbaasii
Lakkoofsa Caalbaasii 03/2018
Waajjirri Maallaqaa Bulchinsa Magaalaa Bishooftuu dhiheessitoota eeyyama daldalaa seeraqabeessa qaban caalbaasiidhaan waldorgomsiisee meeshaalee "Electronics" addaddaa wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo Kutaa Magaalaa Duukamiif bituu barbaada. Dorgomaan caalbaasicha irratti hirmaachuuf fedhii qabu ulaagaa armaan gadii fi qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti kaa'amu guutachuudhaan dorgomuu danda'a.
1. Eeyyama daldalaa bara 2018f kan haaromfatefi ragaalee seera qabeessa ta'an hunda dhiheeffachuu qabu.
2. Sanada caalbaasichaa Lootii hunda kan hin deebine Qarshii 1000 (Kuma tokko) Baankii Siinqee lakkoofsa herregaa 1064473351216 maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiin galii gochuudhaan nagahee Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti fudhachuudhaan guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee jalqabee hanga gaafa 09/09/2018tti qofa Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaafi Bulchinsa Qabeenyaatti bitachuu nidanda'ama.
3. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa haala qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti bu'uurefachuun qapheeffachuu qabu.
4. Kabachiisa caalbaasii kan Lootii hundaa bakka tokkootti Qarshii 100,000 (Kuma dhibba tokko) bifa CPO'n ykn "Bank guaranty" maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchinsa Magaalaa Bishooftuutiin dhiheessuun dirqama.
5. Dorgomaan sanada caalbaasichaa gatii ittiin tokkoo tokkoo meeshaalee gaafatamanii dhiheessuu danda'u guutuudhaan poostaan saamsuudhaan sanada teeknikaa tokko waliin saamsee dhiheessuu qaba.
6. Caalbaasicha gaafa guyyaa 10/9/2018 sa'aatii 8:00 irratti cufamee yeroodhuma sana sa'aatii 8:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti nibanama.
7. Waajjirichi filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gartokkoonis ta'e guutumaan guutuutti haquuf mirga niqabaata.
Odeeffannoo dabalataatiif (+251 111 430 1758)
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu
Tender details
- Deadline: 2026-05-18
- Bid closing time: 14:00
- Bid opening: 2026-05-18 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu
- Bid bond: Qarshii 100,000 (Kuma dhibba tokko)
- Bid document price: Qarshii 1000 (Kuma tokko)
- Published: May 03, 2026
- Posted at: 2026-05-04T08:12:06.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.