Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu dhiheessitoota eeyyama seera qabeessa qaban caalbaasiidhaan waldorgomsiisee meeshaalee "Electronics" adda addaa. wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo Kutaa Magaalaa Duukemiif bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Irra Deebii 04/2018

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu dhiheessitoota eeyyama seera qabeessa qaban caalbaasiidhaan waldorgomsiisee meeshaalee "Electronics" adda addaa. wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo Kutaa Magaalaa Duukemiif bituu barbaada. Dorgomaan caalbaasicha irratti hirmaachuuf fedhii qabu ulaagaa armaan gadiifi qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti kaa'amu guutachuudhaan dorgomuu danda'a.

1. Eeyyama daldalaa bara 2018f kan haaromfateefi ragaalee seera qabeessa ta'an hunda dhiheeffachuu qabu.

2. Sanada caalbaasichaa Lootii hunda kan hindeebine Qarshii 1500 (Kuma tokko fi dhibba shan) Baankii Siinqee lakkoofsa herregaa 1064473351216 maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiin galii gochuudhaan nagahee Waajjira Galii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutii fudhachuudhaan guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee jalqabee hanga gaafa 12/10/2018 tti qofa Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaatii bitachuun ni danda'ama.

3. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa haala qajeeltoowwan dorgomtootaa irratti bu'uureffachuun qapheeffachuu qabu.

4. Kabachiisa caalbaasii kan Lootii hundaa bakka tokkootti Qarshii 200,000(Kuma dhibba lama) bifa CPO n ykn "bank guaranty" maqaa Waajjira Maallaqaa Bulchinsa Magaalaa Bishooftuutiin dhiheessuun dirqama.

5. Dorgomaan sanada caalbaasichaa gatii ittiin tokkoo tokkoo meeshaalee gaafatamanii dhiheessuu danda'u guutuudhaan poostaan saamsuudhaan sanada teekinikaa tokko waliin saamsee dhiheessuu qaba.

6. Caalbaasicha gaafa 15/10/2018 sa'aatii 8:00 irratti cufamee yeroodhuma sana sa'aatii 8:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti ni banama.

7. Waajjirichi filannoo biro yoo argate caalbaasicha gartokkoonis ta'e guutummaa guutuutti haquuf mirga ni qabaata.
Odeeffannoo dabalataatiif (+251 111 430 1758)

Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu


Tender details

  • Deadline: 2026-06-22
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-06-22 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu
  • Bid bond: Qarshii 200,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1500.00
  • Published: Jun 07, 2026
  • Posted at: 2026-06-08T11:09:28.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders