Yuuniiyeenii HG Oomishittota Koduraa fi Muduraa Maqi Baatuu Siinno Tiraakii fii Boottee boba'aa fe'u Gurguruu barbaada
Description
Beeksisa Caalbaasil Marsaa 1ffaa
Gurgurtaa Konkolaataa SINO TRUCK tiif bahe.( Caalbaasii Biyya Keessaa (National Bid)
Yuuniiyeenii HG Oomishittota Koduraa fi Muduraa Maqi Baatuu IGD Teessoo, Godina Shawaa bahaa Magaalaa Maqii caalbaasi ifaatiin Konkolastaa Siinno Tiraakii moofaa kan hojatu Baayyinni isaa 1 (tokko) gabbinaa fi Harkifamaa (Boottee boba'aa fe'u) walfaanan Gatii ka'umsaa Vaatiin dura Qar 10,000,000.00 (Miliyoona kudhan) to Gurguruu barbaada Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii kaa'ame guutuu danda'an akka dorgoman affeeramaniru.
1. Dorgomtonni Heyyama daldala kan bara 2018 haroomfame dhiyeefachuu gaba yoo qaama WHG ta'aan immoo Quama seerummaa fi ittin bulmaata waldiicha dhiyefachun qaban,
2. galmaa'aa gibra TIN akkasumaas galma'aa Vaatii ta'uu isan Ragaa dhiyeefachu qabu.
3. Dorgomtonnii warqaa qulqulinaa kafaltii idaa gibira Mootummaa ina bilisa ti'uu isaa raga agaarsiisu kan bara 2018 dhiyyefachuu qabu.
4. Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 500.00 (dhibba Shan )qofa kaffaluun beeksifni Gaazexa kallacha Oromiyaa guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii Mootummaa 15 (Kudha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waajjira Yuuniiyeenii HG Oomishittota Kuduraa fi Muduraa Maqii Baatuu Magaala Maqiitti argamu biiroo lakkoofsa 2 tti Kallaatiin qaaman dhiyaachuun qofa bitachuu kan danda'an.
5. Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasiichatiif CPO qr. 500,000.00 (kuma dhibba shan) qofa baankii daldala Itiyophiyaa lakk. Herregaa 1000041208434, Baankiii WHG Oromiyaa Lakk. Herregaa 1000006818586 caalbaasii kanaaf oolu, Maqaa Yuuniiyeenii HG Oomishittota Kuduraa fi Muduraa Maqii Baatuu tiin qopheesee dhiyyesuu qaba.dabalataan baankiin beekkamnitti baankii biyyoleesaa irra qabuun dhiyeefachuu danda'aa.
6. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasichaa Invilooppii saamsameen sanadaa tecknikaa orijinaalaa fi koophii kophaa kophaatti qopheessuun saamsee dhiyeessu qaba. Akkasumaas dorgomaan kamiyyuu sanadaa caalbaasichaa faayinansii orijinalaa fi koppii isaa kophaa kophaatti saamsuudhan Chaapaa dhaabbata dorgomaa ibsu irratti sanada lamma irrattu Chaappeefamee dhiyachu qaba.
7. Sanadni Caalbaasiif dhiyaatuu haqamaa fi laaqama kan hin qabne ta'ee ifa ta'ee bareefamuu qaba.Qamni Dorgommii irratti hirmaatu kamiyyuu konkolatoota gargar baasee bitachuu hin danda'mu.
8. Sanadni Caalbaasichaa guyyaa beeksisni kun Gaazeexaa Kallacha Oromiyaa irratti maxxanfame qillensa irraa oole eegalee guyyoota hojii idilee Motummaa Digdamii tokko(21) walitti aansuun sa'aatii 2:30 hanga 11:30tti gurgurame, guyyaa itti aanu caalbaasii Sanduuqa caalbaasichaaf qophaa'e keessatti ganama keessa sa'aatii 4:00tti sanadin Caalbaasii erga galee booda sanduuqicha saamsun guyyuma sana ganama keessa sa'ati 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'aan seera qabeesa ta'e (abbaa alaangaan )bakka bu'an fi qaamni hirmaachuu danda'u argamanitti galma Yuuniyeeniichaa keessaatti ni banama..
9. Dorgomaan kamiyyuu sanada caal-baasii irratti ibsa,sirreeffama, yaada fi gaaffi yoo qabaate sanadni caal-baasii osoo hin banamin guyyaa 5 (shan) dura barreefaman waajjirichaaf dhiyeessuu qabu. Kana malees, waajjirichis sanada caal-baasii irratti sirreeffama ykn yaadni fooya'insaa yoo jiraate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5 (shan) dura dorgomtootaf barreefaman kan beeksisuu qaba. Haa ta'u malee guyyaa jedhame kana booda sirreeffama taasifamu, yaadas ta'ee gaaffii dhiyaatu fudhatama kan hin qabne ta'uu beekamuu qaba.
10. Dorgomtonni akkaata armaan olitti ibsameen dirqama caalbasichaa bahuu yoo batan ykn waliigaltee seeran osoo hin rawwatin yoo hafan akkaataa labsii lakk. 218/2011qajeelfama bittaa WHG lakk.D/G/007/2017 bu'uurefachuun manni hojichaa tarkanfii seera qabeessa ta'ee kan fudhatuu ta'uu bekkamuu qaba.
11. Adeemsi caalbaasichii ittin banamuu dura sanadni teeknikaa orijinaallii erga banamee booda bu'aan gamaggama sandaa teeknikaa akkuma dhumeen, dorgomtoonii gamaagama teeknikaa darbaan sanadoonni Faayinaansii orijinaalli kan banamu ta'ee dorgomtoonni gamaagama teekinikaa hin darbinee sanadni faayinaansii isaanii osoo hin banamiin kan deebi'uu ta'a.
12. Dorgomaan kamiyyuu dorgommii caalbaasii kan mo'ataan yoo ta'ee fi mo'achuu isaaf kan beeksifame yoo ta'e, bu'uura waliigaltichaatiin guyyaa, bakka murtaa'ee fi sa'aatii murtaa'ee ibsametti Kaffaltiiwwan kaffaluu qabaaniif gatii ittiin mo'aatan guuttuu kaffaluun Qabeenyiicha/konklaataa Caalbaasiin gurguraame guyyaa hojii 15 keessatti fudhaachuu (Kaasuu) qaba. yoo kaasuu baate garuu bu'ura waliigaltee kanaattin gatii waliigalaa keessaa guyyaa guyyaan Qar. 2,000.00 (kuma lama) adabbii Yuuniyeeniichaaf galii ni godha.
13. Dorgomaan kamiyyuu Haala konkoolaata bakka jiruutti qaamaan argamee guyyaa beeksifnni kun bahee irraa eegalee hanga guyyaa 15 tti dawwachuu danda'u.
14. Dhaabbanni dorgomii mo'ate kaffaltii guutuu yeroo tokkon baankii Yuuniyeeniichaatti galii kan godhu ta'a.
15. Qaamnii dorgomii mo'aate baasii maqaa naaneesuf barbaachisuu hunda kan kaffalu yoo ta'u Idaa konkolaatan walqabatuu kammiyyu immoo Yuuniyeeniin kan kaffalau ta'a.
Ibsa Qaama Konkolaataaa (Profile)
Lakk. Gabatee Konkolaata Fulduraa (gabbinaa) ET-3-43263 bayiina(1)
Moodeelaa ZZ425753241v, Biyya itti hojatame Chayiina,bara itti hojatame 2009 G.C
Lakk. Shaansii LZZ5CL51329A429807
Lakk. Motoraa 091107021647
Lakk.Gabatec Harkifamaa ((Boottee boba'aa fe'uu)ET-3-14302 baayiina (1) Moodeelaa MIE/36H/fTL/3/12.5 Biyya itti hojatame Itiyophiyaa
Masfiin injinariing bara itti hojatame 2009 G.C
Lakk. Shaansii CTS-496-09 humna fei'nsaa lt 50,000 Kuma shantama)
Yuuniyeeniichii filannoo biraa yoo argate caalbaasicha kana gar tokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekkamuu qaba. Teessoo:-Godina Shawa Bahaa Magaalaa Maqui, Hotcela Buush Dugda dubba meetra 50 keessa seenee argama. Lakk. Bilbilaa 022-118-14-24, 022-118-14-02, 09-10-92-95-36 Bilbiluun ni danda'ama.
Yuuniiyeenii HG Oomishittota Kuduraa fi Muduraa Maqii Baatuu
Tender details
- Deadline: 2026-07-13
- Bid closing time: 10:30
- Bid closing (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 4:00tti
- Bid opening: 2026-07-13 10:30
- Bid opening (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Yuuniyeenii WHG Oomishtoota kuduraa fi Muduraa Maqii Baatuu
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published: Jun 18, 2026
- Posted at: 2026-06-19T10:37:35.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.