Oromia
Godina Gujii Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Daamaa Manneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif Meeshaalee Dhumoo Barreeffamaa fi Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Dhaabbii Xixiqqoo Biiroo keessaa,Bittaa Korboo konkolaataa fi Baatirii Konkolaataa, Uff
Description
Beeksisaa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee
Godina Gujii Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Daamaa Manneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif Meeshaalee Dhumoo Barreeffamaa fi Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Dhaabbii Xixiqqoo Biiroo keessaa,Bittaa Korboo konkolaataa fi Baatirii Konkolaataa, Uffata seeraa Hojjattoota Deeggarsaa, Meeshaalee Elektirooniksii fi Dhaabbii(Furniture), Meeshaalee Ijaaarsaa Bittaa Sanyii adda addaa fiJenereeteroota bara baajataa 2019tiif Ooluu Caalbaasii ifaatiin wal-dorgoomsiisee -bituu barbaada. Kanaafuu Caalbaasii irratti dorgomtoonni hirmaachuu barbaaddan Bu'uuruma kanaan gadittiibsameen dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee dorgommii
1.Dorgomtoonni kallattii hoji daldalaa isaatiin Eeyyama daldalaa seera qabeessa ta'ee, gibira bara 2019 itti kaffalanii facaatii faayinaansii (Suppy list) kennaa tajaajila biyya keessaa ragaa sanadoota ittiin galma'an fi ragaa lakkoofsaTIN footoo koppii isaa sanada caalbaasii Orjinala woliin dhiyeessuu kan danda'u.
2. Dorgomtoonni Dorgommiif dhiyaatanii galma'an Taaksii dabalataa(VAT) galma'uu isaaniitiif ragaa footoo koppii dhiyeeffachuu kan danda'u.
3.Dorgommaan Caalbaasicha kana gufachiisuuf dorgomaan yaalii godhe caalbaasiin ala ta'anii gara fuulduraattis caalbaasii bittaa mootummaa keessatti kan hindorgomne(hin hirmaannee) yemmuu ta'u maallaqni kabachiisa caalbaasii dhaalamee mootummaaf galii ta'a.
4. Dorgoomtoonni hojii Malaammaltummaa fi burjaajessuu irraa bilisa ta'uu isaanii fi seera mootummaa federaalaa fi kan naannolee kabajuu isaaniif,Sanadicha caalbaasii waliin unka qabatee jiru irratti mallatteessuu dirqama qaba.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa kallachaOromiyaa fi TV OBN qilleensarra Oolee Eegalee guyyoota hojii 15(Kudhanii shan) keessatti yeroo hunda sa'aatii hojii Mootummaa maallaqa hin deebinii Qarshii 500(dhibba shan) kaffaluun garee Adeemsa Bittaa Bulchiinsa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila woliigala Puulii Waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa Qaamaan dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta'ee deebisuun ni danda'ama.
6. Dorgomaan kamiiyyuu Kabachiisa Caal-baasiif Kan ooluu maqaa waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaatiin CPO Baankiidhaan mirkana'e Qarshii 20,000/kuma Digdama/ Baankii Gaarantii Sanada Orjiinala Caalbaasicha waliin dhiyeessuu qaba.
7. Dorgomaa kamiiyyuu Ragaalee Orjinaala yeroo gaafatame dhiyeessuudhaaf fedhii kan qabu ta'uu isaa beekuun dirqama isaati.
8. Dorgomtoonni sanada Caalbaasicha bittaa meeshaalee dhumoo Barreeffamaa fi Meeshaalee qulqullinaa Meeshaalee Dhaabbii, Xixiqqoo Biiroo Keessaa,Bittaa korboo Konkolaataa fi Baatirii konkolaataa Uffat6a seeraa Hojjattoota Deeggarsaa,Elektiriiniksii fi Dhaabbii (furniture) Meeshaalee Ijaarsaa,Sanyii adda addaa fi Jenereeteraa Poostaa Samiidhaan Saamsameen, Orjinaala fi Footoo Koppii addaan Baasuun guyyaa 23/11/2018 hanga 17/12/2018 sa'aatii 07:45tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa sanduuqa Caalbaasichaaf qopha'e keessa galchuu qabu.
9. Caalbaasichin Meeshaalee Dhumoo ,Barreeffamaa fi Qulqullinaa,Dhaabbii xixiqqaa Biiroo Keessaa, Meeshaalee Elektirooniksii,Dhaabbii (furniture) Uffata seeraa hojjattoota Deeggarsaa,Bittaa Korboo(Goommaa) konkolaataa fi Baatirii konkolaataa fi Jenereeteraa gaafa guyyaa 19/12/2018 sa'aatii 8:30tti dorgomtoonni ykn Bakka bu'oonni seera qabeessa akkasumas tajjaabdoonni bakka argamanitti waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa keessatti ni banama.
10. Mo'ataan caalbaasii meeshaalee ittiin mo'ate hunda qulqullinaa isaa eegee baasii isaatiin geejjibsiisee hanga kutaa kuusaa waajjira Maallaqaa Aaanaa Daamaa dhiyeessuuf dirqama qaba.
11. Afaan caalbaasichi ittiin gaggeeffamu afaan hojii mootummaa naannoo Oromiyaatiin ta'a.
12. Dorgomaan kamiiyyuu caalbaasichi erga banameen booda sanadicha caalbaasii irratti kan ibsamaan haala kamiiyyuu jijjiiruu ykn fooyyeessuu ykn caalbaasicha dhiisee jira jechuun hin danda'amu.
13. Waajjirrichi filannoo fooyyee yoo argatee caalbaasicha guutumaa guutuutti ykn gar_tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eeggameedha.
Odeeffannoo Dabalataatiif Lakk. Bilbilaa 09 12 00 76 96 ykn 09 16 44 73 61 Waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa Bara Baajataa 2019
Waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa
Tender details
- Deadline: 2026-08-25
- Bid closing time: 14:30
- Bid opening: 2026-08-25 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Daamaa
- Bid bond: qarshii 20,000
- Bid document price: qarshii 500
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
- Posted at: 2026-08-03T09:02:37.000Z