Building and Finishing Materials

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Dhaabbatni Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Naqamtee bara Bajata 2019 tif Meeshaalee Tajaajila Hojii Bishaaniitiif oolan kanneen akka, Fitiingoota, /Pipe & Fiting/bishaaniif oolan, Meeshaalee ijaarsaa, Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Biiroo keessaa /furniture/, Meeshaalee Electironies, Gommaa Konkolaataa fi Kalamadarii, uffata seeraa hojjettoota labsii bittaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa Raawwii bittaa dhaabbilee Taj. bishaan dhugaatiif dhangala'aa magaalota Oromiyaa lakk. 11/2014 irratti hundaa'uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal'inaan

Caalbaasiin ifaan kun guyyaa bahee irraa jalqabee gosotaa waliigala odeeffannoo gosa Meeshaalee barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa'e kutaa Bittaa dhaabbata tajaajila Bishaan Dhugaatiif Dhangala'aa Magaala Naqamtee kutaa lakk. 9tti qaamaan dhufuudhaan bitachuun dorgomuun ni danda'ama.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira bara 2018 kan kaffalanii fi gosa daldala meeshichaatiin Hayyama daldalaa haaromee fi lakkoofsa eenyummaa kaffaltii Gibiraa/TIN No/ kan qaban, kanaafis ragaa qabatamaa koppii isaa dhiyeessuu kan danda'an.

2. Galmaa'aa Taaksii dabalata qabeenyaa /VAT/ kan ta'anii fi waraabbii/koppii sartafikkeettii dhiyeessuu kan danda an.

3. Dorgomtootni sanada tokkotti kabachiisa caalbaasii baankii beekamtii qabu irraa CPO Qar. 10,000 /kuma kudhan/ sanada dorgommii isaanii CPO Orginal waliin dhiyyeessuu kan danda'u.

4. Caalbaasiin kun guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 20 walitti aanuuf qilleensa irra ni oola. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokko ittiin dorgoman/Spesification/ qaamaan dhiyaachuudhaan, qarshii 1000 /Kuma tokko/ kan hin deebine kaffaluun, guyyaa 03/03/2019 hanga gaafa guyyaa 01/04/2019 tti qaamaan dhiyaachuudhaan sanada caalbaasichaa bitachuu kan dandeessan ta'a.

5. Dorgomtoonni galmooftan kamiyyuu sanada caalbaasii poostaa Hapheetin/samiin/haguugame gaafa guyyaa 02/04/2019 waaree dura sa'aati 3:30 hanga 4:30tti sanduuqa dorgommiif qophaa'etti sanadicha ifatti kan galchitan ta'a. Caalbaasiikun gaafuma 02/04/2019 Waaree dura sa'aatii 5:00 tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama. Haata'umalee sababa dorgomaan ykn Bakka bu'aan hin argamneef caalbaasicha banuu hin dhorku.

6. Dorgomtoonni mo'atan, dursanii samuuda dhiyeessuun agarsiisuu qabu.

7. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeenis ta'e ykn

guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga ni qaba. Ragaa dabalataan barbaadamuuf lakk. bilbilaa:0576603354 ykn 0917093338

Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Naqamtee


Tender details

  • Deadline: 2026-12-11
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid opening: 2026-12-11 11:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Naqamtee
  • Bid bond: Qarshii 10,000.00 sanada tokkotti
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Nov 08, 2026)
  • Posted at: 2026-11-09T11:11:15.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders