Oromia

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo Bara Baajataa 2019 tiif Meeshaalee adda addaa bituu barbaadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa Bittaa Meeshaatee

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Baddannoo Bara Baajataa 2019 tiif Meeshaalee adda addaa kanneen akka Meeshaalee Barruu ykn Isteeshinarii adda addaa, Meeshaalee seeraa/ Elekrooniksii, Meeshaalee Farniicharootaa, Uffataalee Uffata danbii,Meeshaalee Jijjiirraa konkolaataa fi Mootor saaykilaa Meeshaalee Koollejjii BLTO fi Meeshaalee Hoospitaalaa tiif, midhaan warshaa fi midhaan naannoo Caalbaasii ifaatiin dorgomtoota Ulaagaa Guutan dorgomsiisee bituu Barbaada, Kanaafuu Namoonni/ Dhaabbanni Ulaagaa asiin gadii guuttan Guyyaa beeksifni Caalbaasii Kun Baherraa galmooytanii dorgomuu ni dandeessu Ulaagaalee barbaachisan is stebis informed intonego

1. Kallattii Caalbaasii Gaafatameetiin Daldalaa Hayyama seera qabeessa qabuu fi Lakkoofsa Tiin Nambarii isaa Kooppii godhee sanada caalbaasii waliin qabsiisee dhiheessuu kan dandahu.

2. Galmaa'aa Vaatii/VAT/ tahuu isaa Kan ibsu Xalayaa Ragaaa footoo kooppii isaa dhiheeffachuu Kan danda'u.

3. Galmee Dhiheessitoota Biyyaa Keessaa/Suppliers List/Keessa Jiraachuu isaa abbaa Taayitaa Aangoo qaburraa ragaa Sanadaa Waliin Dhiheeffachuu kan Dandahu.

4.Caalbaasii Bara 2019 irratti Hirmaachuudhaaf Gibira isarraa barbaadamu kaffaluu isaa Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Iddoo inni Jiruu irraa Xalaayaa Ragaa/Qulqullinaa kafaluu isaa ibsu /dhiheeffachuu kan dandahu.

5. Waggoota Lamaan irra dabarree as adabbii naamusaa ykn Waliin dhahuu bittaa mootummaa ykn Bittaa Mootummaa gufachiisuu dhabuu isaa Kan Mirkaneessu Xalaayaa abbaa taayitaa aangoon kennameef irraa sanadaan wal Qabsiisee dhiheessuu kan dandahu

6. Dhiheessaa Gaarii ykn Xalayaa Galataa muuxannoo waajjira mootummaaf dhiyessuu isaa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

7. Interpraayizii Maaykiroo fi xixiqqaa yoo tahe qajeelfamni jiru akkuma jirutti tahee kan haaraatti ijaarameen ala kan duraan hojjachaa ture yoo tahe qabeenya isaa odiitara beekkamtii qabuun odiit godhee ragaa odiitii mirkanaawe dhiheeffachuu kan dandahu.

8. Moohataan Caalbaasichaa Meeshaa Moohe baasii isaatiin mana kuusa Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannootti galchuu irra jiraata.

9. Dorgomaan Sanada Caalbaasichaa Qophaa'e guyyyaa gaazexaan bahee irraa egalee guyyaa hojii 15\kudha shan keessatti Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Aanaa Baddannootti Qarshii 1000(dhibba kuma tokko qofa)Kaffaluun Sanada Bittaa Dorgommiif Dhihaate Kutaa Adeemsa Bittaa Bulchiinsa Dhabamsiisa Qabeenyaa fi tajaajila Maraa Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo qaamaan dhaquun bitachuu ykn sanadicha deebisuu ni dandahu.

10. Caalbaasiin qilleensarra kan turu Guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee bahe Guyyaa 23/11/2018 irraa hanga 13/12/2018 tti Guyyoota hojii 15 (kudha shan) kan turuu fi sanadni haqaa fi laaqaa qabu fudhatama hin qabu.

11. Caalbaasichi guyyaa qilleensa irra olee kaasee guyyaa hojii 15( kudha shan) erga turee booda guyyaa 15ffaa irratti ganama sa'a 4:00 irratti cufamee dorgomtonnii ykn bakka bu'onni seera qabeessaa ta'an iddoo argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo kutaa I/G Waajjira Maallaqaatti sa'a 4:30 irratti ni banama.

12. Meeshaan dhiyaatu qulquullinni isaa kan sadarkaa qulquulina Saampilii Meeshaalee Dorgommiif Dhihaatanii jiran irratti hundaa'e tahee Koree Sadarkaan ijaaramte Ykn Koree Qulqullinaatiin/Yoo Elektrooniksii tahe immoo Ogeeyyii ICT nama sadii oliin mirkana'ee ta'u qaba.

13. Gatiin meeshaa dhiyaatuu taaksii hunda kan dabalete ta'uu qaba isaaf immoo abbaan Dorgomu Gabatee Gatii Dorgommii irratti Gatiin Kiyya VAT Waliin ykn VAT malee je'ee Guutuu qaba, Yoo kana ibsuu baate Fudhatama hin argatu.

14. Dorgomaan sanada Caalbaasii fuula hundarratti erga mallatteesee Chaappaa isaatiin mirkaneessee booda Orginaalaa Fi kooppii Poostaa adda addaatiin saamsee maqaa fi teessoo isaa irratti barreessuun galchuuf dirqama qaba.

15. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasii tokkoof CPO baankiinmirkanaawe qofa qarshii 50,000(kuma shantam qofa) kabachisa caalbaasii qabsisee dorgommiif Dhihaachuu qaba.

16. Dorgomaan gatiin dorgomii dhiyeese hangam akka turu ji'aa fi bara ibsee unkaa yaada dorgomaa irratti guutee dhiyeessuu qaba. Kun tahuu baannaan sanadni isaa fudhatama hin argatu.

17. Dorgomaan Caalbaasicha Moohe Kabachiisa Meeshaa Caalbaasii ittiin moohate irraa %10 qabsiisee waliigaltee Mallatteessuuf dirqama qaba.

18. Waajjirichi carraa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar tokkees tahee ykn guutumatti haquu mirga qaba. Odeeffannoo

Dabalataatiif Lakk. 0974757111 ykn 0922048650 Godina Harargee Bahaatti

Waajjirri Maallagaa Aanaa Baddannoo

 


Tender details

  • Deadline: 2026-08-13
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa 15ffaa sa,aatti 4:00tti
  • Bid opening: 2026-08-13 10:30
  • Bid opening (note): guyyaa 15ffaa sa,aatti 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo
  • Bid bond: qarshii 50,000
  • Bid document price: qarshii 1000
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
  • Posted at: 2026-08-03T09:16:54.000Z
← Back to all tenders