Uniforms and workwear
Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjii Uffata Seeraa, Meeshaalee Hojii Hejjettoota Mootummaa Uffataa Ispoortii, Meeshaalee Ispoortii fi Meeshaa Baruuf Barsiisummaa Koleejo P/T mala Bittaa Caalbaasii ifaa Biyyaalessaatiin dhiyeessitoota Waldorgomsiisee bitta
Description
Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa (NCB)
Lakk. WMBu/Mag/Boqojji 01/2019
Waajjirri Maallaqaa Bul/Mag/Boqojjii bara baajata 2019 tajaajila Hojii Manneen Hojii Mootummaa (Abbootii baajataa) Sadarkaa Sektaraa fi Gandoota jiraniif kan oolu Meeshaalee dhumataa Biiroo keessaa, Meeshaalee dhaabbii Elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii faarnicharii biiroo, Goommaa Konkolaataa, Meeshaalee Qulqullinaa,
Uffata Seeraa, Meeshaalee Hojii Hejjettoota Mootummaa Uffataa Ispoortii, Meeshaalee Ispoortii fi Meeshaa Baruuf Barsiisummaa Koleejo P/T mala Bittaa Caalbaasii ifaa Biyyaalessaatiin dhiyeessitoota Waldorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada.
Kanaafuu:
- Dorgomtoonni bittaa gaafatameef: Koodii Gita kenniinsa Heeyyama hojii Daldalaa /Business Licensing Category Code/ ogummaa qabu bara haaroomfame/haaraa, Waraqaa Ragaa galmeeffama Taaksii/Vat, Waraqaa Ragaa Kaffalaa Gibiraa/Tin, Waraqaa ragaa dhiyeessummaa bittaa/"Supplier List" Poortaala e-GP irratti galmaahe, ykn Biiroo Maallaqaa ykn Ejansii Bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa Sadarkaan jiru irraa kenname dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.
- Dorgomtoonni Waraqaa Ragaa (Xalayaa) qulqullina taaksii (gibira) bara 2018 kaffalanii Xumuruu isaanii ibsu Waajjira Galiiwwan Sadarkaan jiru irraa dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.
- Dorgomtoonni tokkoo tokkoo Sanada Caalbaasii Meeshaalee dhaabbii Elektrooniksii, Goommaa Konkolaataa Meeshaalee dhaabbii faarnicharii fi Meeshaalee dhumataa biiroo keessaa Meeshaalee Qulqullinaa fi Uffata Seeraa fi Meeshaalee hojii Hojjettoota Mootummaa, Meeshalee Ispoortii fi Meeshaalee Ispoortii fi Meeshaa Baruuf Barsiisummaa Koleejo P/T tiif tokkoo tokkoo Sanada Caalbaasiitiif qarshii hin deebine 500 (Dhibba Shan) Maqaa Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjiitiin Baankii Siinqee Lakk. Herreega Baankii: 10715080313 galii gochuun fotoo koppii heeyyama daldalaa ogummaa qabu qabachuun/ dhiyeeffachuun Garee Bittaa, Bulchiinsaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila Waliigalaa Biiroo Lakk. 4 Sa'aa hojii Mootummaa bitachuu/argachuu ni danda'u.
- Sanada Caalbaasiif qophaa'e gurguruun kan eegalamu; guyyaa Caalbaasiin kun Gaazexaa irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii Mootummaa Walitti aanan Kudha Shaniif (15f) kan gurguramuu fi qilleensa irra kan turu yoo ta'u. sanadni yaada dorgommii Caalbaasii (SYDC) Poostaa hapheeffameen hanga guyyaa 16ffaa hanga Sa'aatii 4:00tti qofa Saanduqa Caalbaasiif qophaa'e keessatti galchuun Koree Xiinxala Caalbaasii Waajjirichaatiin erga hapheeffameen booda guyyuma kana (Guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa dorgomtootaa bakka argamanitti Waajjira Maallaqaa Lakk. Itti ni banama. Ta'us dorgomaan argamuu dhabuun dorgomtootaa sirna baniinsa Caalbaasii kan hin gufachiifne yoo ta'u, Guyyaan 16aa Sambataa fi Dilbata ykn Guyyaa Ayyaana Ummataa/"Public Holiday" yoo ta'e, Caalbaasiin kan banamu guyyaa hojii itti aanu iddoo fi sa'aatii ibsametti ta'a.
- Dorgomaan kamiiyyuu tokkoo tokkoo Sanada Meeshaalee Dhaabbii Elektrooniksii Meeshaa Isteshinarii fi Uffata Seeraatiif Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii qarshii 20,000 (Kuma Digdama) Meeshaalee Dhaabbii faarnicharii, Goommaa Konkolaataa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Ispoortii fi Meeshaa Baruuf Barsiisummaa Koleejo P/T Qarshii hin debineetiif 10,000(kuma kudhan) Baankii beekamaa ta'e irraa mirkanaa'ee "CPO" qofaan Maqaa Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjiitiin qophaa'e Poostaas Sanada yaada dorgommii Caalbaasii/ SYDC keessa galchuun dhiyeessuu danda'uu qaba.
- Dorgomtoonni kamiiyyuu Sirrummaa fi Seera qabeessummaa tokkoo tokkoo ragaalee Caalbaasii kana irratti hirmaachuu isaan dandeessisu dhiyeeffataniif Itti gaafatamummaa fudhachuu kan qaban ta'uu beekuu qaban.
- Mo'ataan Caalbaasii meeshaalee dhiyeessuuf Waliigaltee dhiyeessa bittaa itti mallatteesse baasii geejjibaa ofiitiin hanga Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjiitti argamutti dhiyeessuu kan danda'u ta'uu qaba.
- Saanduqni Caalbaasii erga cufameen booda, Sanadni yaada dorgommii Caalbaasii/SYDC/ dorgomtootaan dhihaatu /Late Bidder/ fudhatama hin qabaatu.
- Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate, Caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guututti haquuf mirga guutuu qaba.
Odeeffannoo dabalataaf: Lakk.Bilbilaa: 022 232 1178
Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjii
Tender details
- Deadline: 2026-08-17
- Bid closing time: 04:00
- Bid closing (note): 16ffaa hanga Sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-08-17 04:30
- Bid opening (note): 16ffaa hanga Sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bu/Mag/Boqojjii
- Bid bond: Guyyaa guyyaan adda.
- Bid document price: 500.00 QR.
- Published on: Addis Zemen (Aug 02, 2026)
- Posted at: 2026-08-03T09:30:12.000Z