Office Machines and Accessories

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Eelwayyeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Eelwayyee bara baajataa 2019tti waajjiraalee mootummaa aanichaaf kan oolu meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumaa-dhaabbii biiroo, meeshaale

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Eelwayyeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Eelwayyee bara baajataa 2019tti waajjiraalee mootummaa aanichaaf kan oolu meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumaa-dhaabbii biiroo, meeshaalee elektirooniksii, farniicheroota, uffata seeraa hojjettoota mootummaa, doqdoqqeewwaniifi gommaa konkolaataa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada.

Kanaafuu dorgomtoonni dorgomuu barbaadan:

  • Eeyyama daldalaa bara 2019 haaromfame, waraqaa raga kaffalaa gibira mootummaa, galmaa'aa gibira dabalata qabeenyaa(VAT),TIN No. kan qaban ta'uu qabu.
  • Tokkoon tokkoon dorgomtootaa kabachiisa caalbaasii tokkoon tokkoo meeshaalee farniiicheriifi meeshaalee elektirooniksiif Qarshii 25,000 (Kuma digdamii shan)fi sanadootaa kan biroof tokkoon tokkoo isaaniif Qarshii. 10,000 (Kuma kudhan) cheekii baankin mirkanaa'ee (CPO) ykn maallaqa dheedhii guyyaa sanadni caalbaasii galu waliin galchuu qabu.
  • Dorgomtoonni guyyaa beeksifni kun bahee jalqabee guyyoota hojii 15 (kudha shan) yeroo hojii sa'aatii 2:30 hanga 6:30 fi 7:30 hanga 11:30 qarshii hin deebine Qarshii 500 (Dhibba shan) tokkoon tokkoo sanadaaf kaffaluun sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Eelwayyee lakkoofsa 7 bitachuu ni danda'u.
  • Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksiifni bahee qabee guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 4:30tti saanduqa caalbaasii qophaa'e keessa galchuu qaba.
  • Caalbaasin kan banamu guyyuma kana sa'aatii 5:00 iddoo dorgomtoonni ykn bakka buutonni argamanitti ta'ee guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 5:00tti ta'a. Dorgomtonni meeshaalee caalbaasiif dhiyaatan mo'atan Waajjira Maallaqaa A/Eelwayyee mana kuusaatti gatii fe'iisaafi buusuu danda'uun meeshaa galii taasisuu qabu.

Hubachiisa

  • Waajjirrichi mala bittaa fooyya'aa yoo argate caalbaasii guutumaan guutuutti ykn walakkaan haquuf mirga guutuu qaba
  • Meeshaalee barreesaa, meeshaa qulqullinaa, uffata seeraafi meeshaalee adda addaa saampiliin dhiyaachuu qaba.
  • Dorgomtoonni yeroo gatii meeshaalee sanada caalbaasii irratti guutan gatii fe'iisaa dabalanii guutuun

Odeeffannoo dabalataatiif: Bilbila: +251 920 170 178

Email: [email protected]

Aanaan keenya Magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 605, Magaalaa Guddoo Godinichaa kan taate Yaaballoo irraa immoo kilo meetira 27 fagaatte argamti.

Godina Booranaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Eelwayyee


Tender details

  • Deadline: 2026-08-27
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 4:30tti
  • Bid opening: 2026-08-27 11:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 5:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Booranaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Eelwayyee
  • Bid bond: Lootiidhaan Adda addaa dha
  • Bid document price: Qarshii 500.00 sanada tokkoo
  • Published on: BARRIISAA (Aug 09, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T07:49:05.000Z
← Back to all tenders