Stationery

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat bara Baajataa 2019 Meeshaalee adda addaa Caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barabaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1 Bara 2019

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat bara Baajataa 2019 Seekterootaafi Bulchiinsa Gandootaa Aanaa keenyaatiif Caalbaasii ifaan meeshaalee Gosoota Addaa addaa kanneen akka- Uffata Seeraa, Meeshaalee Barreessaa Meeshaalee Qulqillinaa, Meeshaalee Elektrooniksii, Meeshaalee Dhaabbataa Biiroo Keessaa,Meeshaalee Leenjli Dh/BLTO,Doqdoqqeewwan (Motorsaayikiloota) gosa adda addaa Gommaawwan konkolaataa fi Meeshaalee Ijaarsaa gosa adda addaa Caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barabaada:-

Ibsa Balli'inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaan kallacha oromiyaa irratti bahe irraa calqabee gosoota fi waliigala Odeeffannoo meeshaalee bituuf barbaadaman kan ibsu sanada caalbaasii akaakuu bittaa tokko tokkoon qophaa'e kan hin deebine qarshii 500(dhibba shan) kanfaluun yeroo hunda sa'aatii hojii mootummaatti waajjira Maallqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat kutaa Bittaa waajjirichaa deemuudhaan Bitachuu ni danda'ama.

Ulaagaa Dorgomtoonni Guutuu qaban

1. Gibira Bara kanaa kan kaffalanii fi Zarfii/Damee/ daldala meeshichaatiin Eeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa footoo koppii qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an

2. Galma'aa taaksii Dabalataa Qabeenyaa /VAT/fi TIN kan ta'aniifi footoo kooppii sartiifikeetii dhiyeessuu kan danda'an.

3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa ykn caasaalee sadarkaan jiran irraa baasanii koppii isaa dhiyeessuu kan danda'anfi sababa adabbiitiin tarree dhiyeessitootaa keessaa kan hin haqamne.

4. Dorgomtootni caalbaasii kana Dorgoman kamiyyuu baay'ina gatii waliigalaa Meeshaalee dhiyeessanii kabachiisa caalbaasii Erga dhiyeessanii booda kan deebi'u Qarshii 50,000(kuma shantama)ABUNA GINDEBERET WOREDA GENZEB ENA ECONOMY TIBIBIR TSIFET BET MEDABAGNA BAJAT lakk. Herreega Baankii GOV.1000438253649 kan ta'e baankii Daldaala Itoophiyaa qofatti dhangalasuun isliippii ittiin Baankiitti dhangalasan dhiyeeffachuu kan danda'uufi sanada caalbaasii waliin poostaa saamsame faana dhiyeeffachuu kan danda'u.ta'ee Isliippiin baankii biroorraa dhiyaatu kamuu fudhatama kan hin qabne ta'uu isaa hubatamuu qaba.

5. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkoon ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti qofa guutuudhaan orjinaalaa fi footoo koppii isaa kopha kophaatti (qofaa qofaatti) poostaa samsameen dhiyeessuu qabu.

6. caalbaasiin kun guyyaa gaazexaa irratti bahee irraa eegalee kan lakkaa'amu Guyyoota hojii walitti Aanan hanga guyyaa 15tti sa'aatii hojii mootummaatti kan gurguramu ta'a.

7. haaluma kanaan gaafa guyyaa 16ffaatti ykn guyyaa 21/12/2018 waaree booda sa'aatii 8:00 irratti waajjira Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabaratitti kutaa Bittaatti saanduqa sanada caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

8.Caalbaasiin kun guyyaa 16ffaa ykn Gaafa 21/12/2018 waaree booda sa'atii 8:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa isaaniifii qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama. Dhaabbatni caalbaasicha galche ykn bakka bu'aan jiraachuu yoo baates poostaan isaanii ni banama akkasumas Guyyaan sun akka carraa ta'ee kalaandarri kan cufu yoo ta'e guyyaa hojii itti Aanutti sa'aatii jedhametti kan raawwatu ta'a.

9. Dorgomtoonni caalbasii kana moo'atan Meeshaalee Orijinaalaafi Qulqullina isaanii eeggatan baasii kamiyyuu danda'uudhaan mana kuusaa waajjira Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabaratitti Magaalaa B/Qalaaxeetti dhiyeessuu dirqama qabu.

10. Kaffaltii Maallaqa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasifamuuf akka mijaa'u dhiyeessan kamiyyuu Maqaa Dhaabbata isaatiin (Maqaa Eyyamni Daldalaa ittiin bahe) qofaan herreega Baankii daldala Itiyoophiyaatti ykn Baankii Siinqee baname qabaachuu fi dursee Dugda Poostaa isaarratti barreessee beeksisuu qaba.kanaan ala lakkoofsa herreega Maqaa dhuunfaatiin baname kan dhiyeessu kamuu fudhatama hin qabu.

11. Waajjirichi Fala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkeenis ta'ee guutumaa guutuutti haquuf mirga guutuu qaba.

12. Waajjirichi akkaata Qajeelfamaatiin kaffaltii gatii meeshaa dhiyaate irratti taaksii mootummaa (Whiholding %3 guutuu fi VAT walakkaa(7.5%) isaa qabee hambisuun mootummaaf dhangalaasuuf dirqama itti kenname raawwachuuf mirga qaba.

13. Dorgomaan kamiyyuu meeshaalce sammuudni irratti gaafatamaniif sammuuda meeshaa qulqullina qabu dhiyeessuu qabu ykn kan suuraadhaan gaafataman suura meeshichaa sirritti ibsu yeroo Gaafatamanitti dhiycessuu gabu.

14. Dorgomaan Guyyaa Sanadni kun banamee Mo'achuu isaa bare irraa eegalee Guyyoota hoji walitti Aanaan S(shan) keessatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat waliin Waliigaltee Mallatteessuu qabu.

15. Dorgomaan hundumtuu poostaa sanada yaada dorgommii dhiyeessu duuba isaa irratti bilbila dhaabbata isaanii ykn manajera dhaabbata isaanii kan hojjetu fi E-mail isaanii kan hojjetu ifaatti barreessuu qabu.  Lakk. Bilbilaa. Telegiraamii fi E-mail dhaabbata isaanii ykn B/ Bu'aa dhaabbata isaanii ibsuu qabu.

Odeeffannoo Dabalataan barbaadamuuf Lakk. Bilbilaa 0910856207 0943811933, 0912637060 Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri

Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat


Tender details

  • Deadline: 2026-08-27
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-08-27 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat.
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T10:51:34.000Z
← Back to all tenders