External audit and assurance

Waldaan Qorannoo Oromoo hojii odiitii bara baajata 2018 kan waggaa Adooleessa 2017- Waxabajjii 2018 A.L.I tti jiruu, Odiitara heyyama qaama seeraa qabaniin, muuxxannoo fi gahumsa qabaniin qoratamuuf, tajaajila odiitii Alaa (External Audit) qorachiisuuf, k

Description

Beeksisa Caalbaasii

Odiitaraalee Heyyama Qaban Wal-dorgomsiisuun Odiitii Raawwachuuf.

Waldaan Qorannoo Oromoo bu'uura Labsii Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk. 254/2016 keew. 87(2) lakk. Galmee WB-03-0593 qaama seeraa argachuu isaa ni beekama. Haaluma kanaan, hojii odiitii bara baajata 2018 kan waggaa Adooleessa 2017- Waxabajjii 2018 A.L.I tti jiruu, Odiitara heyyama qaama seeraa qabaniin, muuxxannoo fi gahumsa qabaniin qoratamuuf, tajaajila odiitii Alaa (External Audit) qorachiisuuf, kanneen dorgomuuf gahuumsa qaban wal-dorgomsiisuun hojjechiisuu barbaada.

Kanaafuu, ulaagaalee armaan gadii kan guuttan akka dorgomtaan affeerramtanittu.

1. Bara 2018 A.L.I tti heyyama oogummaa fi kan daldalaa haaromee kan qabu

2. Tin No (Lakk.kaffalaa gibiraa) dhiyeessuu kan danda'u

3. Dhaabbilee bu'aarratti hin hundoofne odiitii gochuudhan muuxannoo fi bu'aa hojil garii dhiyeeffachuu kan danda'u

4. Dorgomtoonni kaffaltii odiitii waggaa tajaajilaaf kaffalamu gibira Vaatii dabalatee dhiyeessu qabu Yeroo fi Bakka Galmee Dorgommii Dorgomtoonni guyyaa 30/11/2018 A.L.I irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 7(torba) keessatti sanadoota fi ragaa barbaachisaa qabachuun Magaala Finfinnee, Kutaa magaalaa Qirqoos Aanaa 02 Dembel city Center dudduubaa, Marfata Gaazeeboo gamoo Immuu cinaa dhiyaattanii akka dorgomtan isin beeksifna.

Guyyaa fi Sa'aatii Caalbaasiin itti Banamu

Caalbaasiin kun guyyaa 11/12/2018 A.L.I tti sa'aatii 4:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii seeraan bakka bu'an argamanitti ni banama.

Odeeffannoo dabalataaf;- Lakk.bilbilaa 0920540768/0913253306 irratti nu quunnama.

Waldaa Qorannoo Oromoo

Finfinnee/ Ethiopia


Tender details

  • Deadline: 2026-08-14
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 30/11/2018 A.L.I irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 7(torba) keessatti
  • Bid opening: 2026-08-17 10:00
  • Region: Addis Ababa
  • Publishing entity: Waldaa Qorannoo Oromoo
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
  • Posted at: 2026-08-10T12:05:49.000Z
← Back to all tenders