Stationery

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajata 2019, tiif kan oolu Bittaa Meeshaalee Barruu, Qulqullinaa, Meeshaalee Elektironiksii, Meeshaalee Furnicharoota adda addaa, meeshaa dhumoo biiroo keessaa, Maxxansaa adda addaa, Uffata s

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajata 2019, tiif kan oolu Bittaa Meeshaalee Barruu, Qulqullinaa, Meeshaalee Elektironiksii, Meeshaalee Furnicharoota adda addaa, meeshaa dhumoo biiroo keessaa, Maxxansaa adda addaa, Uffata seeraa, Meeshaa konkolaataa, Meshaalee mootarsaaykilaa, sanyii mukaa adda addaa fi meeshaa leenjii koollejjii BLTO caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.

Ulaagaalee Qajeelfama Dorgomtootaa

1. Dorgomaan Hayyama daldalaa seera qabeessa fi bara 2019 akkaataa qajeelfama waajjira daldaalaatti kan haaroomse.

2. Dorgomaan Tarreefama dhiyeesitoota keessatti kan galmaa›e jiru fi galmee Tarreefama dhiyeessitoota haroomee keessatti galmaa›aa ta>uuf ragaa dhiyeessu kan danda an.

3. Ragaa kafaltii gibira bara 2018 akkaata Qajeelfaama A/T/Galiwwanitti dhiheessuu kan danda›u.

4. Dorgomaan Galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaaf (VAT) ragaa dhiheessuu kan danda›u.

5. Ragaa Tax-Payer (Waraqaa TIN number) kan qabu.

6. Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu fudhatama hin qabu.

7. Gatiin meeshaa dhiyaatu Taaksii (VAT) dabalatee guutuu isin irra jiraata.

8. Dorgomaan fuula sanadaa hunda irratti sumuda (stamp) isaanii dhahuun mallatteessuu qaba.

9. Dorgomaan kabachiisa caalbaasiif Cpo maallaqa Itiyoophiyaa Qarshii gatii waliigalaa caalbaasicha irraa Parsantii (2%) Jachuunis 50,000 (Qarshii kuma shantama) ykn CPO baankiidhaan mirkanaa›e dhiyeessuu qaba.

10. Dorgomaan moo>e meeshaalee moo>atan hanga Man-Kuusa (Istoora) Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum geessuu qaba.

11. Dorgomtooni gatii yoommuu guuttan (specification) sirrii fi wantoota walitti hidhaminsa qabu akka hamateetti beekee guutu qaba.

12. Dorgomaan Caalbaasicha gufachiisuuf yaalan kabachisni caalbaasii irraa dhaalamu fi caalbaasii fuula duraa irraa kan ugguramu tahuu hubatamuu qaba.

13. Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazeexaa irratti bahe irraa kaasee waajira maallaqaa Aanaa Gursum kutaa lakk. 3 irraa qarshii (500) qarshii dhibba shan kan hin deebineen bitachuu danda>a.

14. Caalbaasiin eega baname booda yaada jijjiiruu, fooyyeesuun ykn Caalbaasii keessa of- baasuun gonkuuma hin danda>amu.

15. Dorgomaan caalbaasii erga moo>ee booda guyyoota hojii 10 (kudhan) keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba.

16. Dorgomaan erga moo>ee guyyaa hojii 10 (kudhan) keessatti yoo Waliigaltee hin mallatteesine dorgomaa lamaffaa baheef carraan ni keennama.

17. Qaamni bittaa raawatu meeshaa ykn tajaajila gaafate irratti % 20 dabalu ykn hirisu mirga qaba.

18. Dorgomaan caalbaasii moo>ate kabachisa waligaltee meeshaalee gatii itti moo>ee waliigala irra %10 qabsiisuu qaba.

19. Bakka/Iddoon Sanduuqni Caalbaasii ykn sanadni itti dhiyaatu Waajjira MWD Aanaa Gursum kutaa Garee bittaa ta>a.

20. Waajjirichi filannoo fooyya›e yoo argatee caalbaasichaa guutummaan guutuutti ykn gar- tokkee isaa haquudhaaf mirga guutuu qaba.

21. Caal-baasiin kun guyyaa 4/12/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 25/12/2018 banaa taxuudhaan guyyaa 25/12/2018 saxaa 11:00 Pm irratti ni cufama. Caal-baasiin kun guyyaa 26/12/2018 sa›aa 3:30am bakka dorgomtootni ykn bakka bu>oonni dorgomtootaa seera qabeessa ta›an argamanitti Waajjira Mallaaqaa Aanaa Gursumitti kan banamu taxa Odeeffannoo dabalataaf:-Lakk.Moobaayilii 0913234372,0923958023 ykn 0910131476

 Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum


Tender details

  • Deadline: 2026-08-31
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid opening: 2026-09-01 09:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum
  • Bid bond: (2%) Jachuunis 50,000 (Qarshii kuma shantama)
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 10, 2026)
  • Posted at: 2026-08-11T08:23:40.000Z
← Back to all tenders