Equipment and Accessories

Bulchiinsa Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Mallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar bara baajataa 2019 kan oolu meeshaalee manneen hojii Meeshaalee Dhumoo fi Meeshaalee Qulqullinaa Goommaa Konkolaataa, Goommaa motor saayikila TVS Meeshaalee Eleektirooniksii

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019

Bulchiinsa Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Mallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar bara baajataa 2019 kan oolu meeshaalee manneen hojii magaalichaatif barbaachisan:

  • Meeshaalee Dhumoo fi Meeshaalee Qulqullinaa
  • Goommaa Konkolaataa,
  • Goommaa motor saayikila TVS
  • Meeshaalee Eleektirooniksii
  • Meeshaalee Farnicharii caalbaasii Ifaatiin Dorgomsiisee Bituu Barbaada.

Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee caalbaasichaa guuttanii dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun karaa Gaazexaa Addis Zaman Hagayya 5/12/2018 bahee qilleensa irra oolfamee kaasee sanada caalbaasii bitachuun dorgomuu kan dandeessan tahuu isin beeksifna.

Ulaagaalee Dorgommiif Barbaachisan:

1. Hayyama Daldalaa qabaachuu qaba,

2. Gibira bara 2018 kaffalee xumuruu isaa waraqaa qulqullinaa dhiheessuu qaba

3. Hayyama Daldalaa Bara 2019 haarayoome dhiyeeffachuu qaba,

4. Xalayaa ragaa dhiyeessummaa kan qabu,

5. Dorgomaan Galmaa'aa taaksii dabalata qabeenyaaf(VAT) tahuu qaba.

6. Tin numberii qabaachuufi kabachiisa Caalbaasii qarshii 20,000 (Kuma digdam) qofa qabsiisuu isaa Cheekii(CPO)Baankiin mirkanaa'e dhiheeyfachuu qaba.

7. Dorgomtoonni sanada caalbaasii argachuuf guyyaa gaazexaa irratti maxxanfamee kaasee guyyoota hoji walitti aanan kudha shan (15) keessatti kan hin deebine gatii tokkoo sanadichaa qarshii 1000(kuma tokko) qofa Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti kaffaluudhaan sa'aa hojii mootummaa keessatti Waajjira - Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar Kutaa Adeemsa Hojii Bittaa Lakk.4 irraa argachuu ni danda'a.

8. Dorgomtoonni sanada dorgommii guutanii galfatan ragaa Orijinaalaafi Koppii adda bahee saamsamee fi Chaappaan rukutame sanduuga caalbaasichaaf qophaa'e keessatti galfachuu qaba.

9. Caalbaasichi guyyaa 5/12/2018 sa'aatii 6:00 irratti cufamee gaafa guyyaa 25/12/2018 waaree booda sa'aatii 8:30 irratti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii (akkasumas qaamni dhimmi ilaallatu argamanitti ni banama. Hubachiisa-Waajirichi Carraa Fooyyee Yoo Argate, Caalbaasicha Guutuu Ykn Gar-Tokkeen Haquuf Mirga Guutuu Qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. Bil. 0913 113 739 / 0920 452 618

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar


Tender details

  • Deadline: 2026-08-31
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): 5/12/2018 sa'aatii 6:00
  • Bid opening: 2026-08-31 14:30
  • Bid opening (note): 25/12/2018 sa'aatii 8:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar bara
  • Bid bond: Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00 sanada tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Aug 11, 2026)
  • Posted at: 2026-08-11T10:32:32.000Z
← Back to all tenders