Stationery
Mannii Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee bara baajataa 2019 meeshaalee tajaajilaaf oolan meeshaalee barreeffamaa, elektirooniksii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, uffata dambii barataafi hojjetaa, midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'eessituu
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii
Mannii Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee bara baajataa 2019 meeshaalee tajaajilaaf oolan meeshaalee barreeffamaa, elektirooniksii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, uffata dambii barataafi hojjetaa, midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'eessituu, foon sangaa buruundoo, hanqaaquu duudaa kan lukkuu biyyaa keessaafi kan lukkuu faranjii, gindillaafi fuduraafi muduraa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dhabbileen uulaagaa armaan gadiitti ibsaman guuttan dorgomuu ni dandeessu.
1. Eeyyama hojii daldalaa kan qabuufi kan haaromse, gibira waggaa kan kaffaleefi ragaa dhiyeessuu kan danda'u.
2. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa haaromee dhiyeeffachuu kan danda'u.
3. Galmaa'aa VAT kan ta'e.
4. Tokkoon tokkoon kabachiisa caalbaasiidhaaf:-
4.1 Meeshaalee barreeffaamaa, elektirooniksii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, suphinsaa, uffata dambii baratafi barsiisaaf qarshii 20,000(Kuma digdama) qofa qofaatti kan qabsiisu.
4.2 Dhiyeessii midhaan dheedhii nyaataaf oolu, mi'eessituu adda addaa, foon sangaa buruundoofi kuduraafi muduraaf 100,000(Kuma dhibba tokko) lakkofsa herregaa (Account No.) Baankii Siinqee Waajjira Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee 1051865771217tti galii gchuun raga baankii (Bank Advice) dhiyeeffachuu kan danda'ufi qarshiin kabachiisa caalbaasiif qabsiifamuuf xalayaa wabummaan kan dhiyaatu kamuu fudhatama hinqabu.
4.3 Dorgomaan calbaasicha eerga mo'atee booda kabachiisa waliigaltee gatii meeshaalee mo'atee waliigala 10% qabsiisuu kan danda'u.
5. Dorgomaan caalbaasicha mo'ate dhiyaatee waliigaltee mallatteessuuf fedhi kan qabuufi meeshicha guyyaa 15 keessattii baasii mataasaatiin hanga Mana Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddelleetti dhiyeessuuf fedhii kan qabu.
6. Muuxannoo gahumsa dhiyeessummaa kallattiin dhaabbata mootummaa bittaa raawwatu irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
7. Dorgomtichi meeshaa barbaadame baayinaafi qulqullina isaa kan eeggate dhiyeessuuf dirqama qaba.
8. Dorgomtootni midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'eessituu, foon sangaa buruundoo, hanqaaquu duudaa kan lukkuu biyya keessaafi kan lukkuu faranjii, gindiilaa, fuduraaf muduraa, qulqulliinaaf sadarkaa isaa eeggatee kan dhiyeessu.
9. Dorgomtootni midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'eessituu, foon sangaa, gindillaa fuduraafi muduraa amala dhiyeessii gaarii qabaachuufi gatiin nyaata barataa 1(tokko) guyyaatti qarshii 120(Dhibba tokkoof digdamaa) ol ta'u hin qabu, yoo qarshii kanaa ol ta'ee mannii barumsaa caalbaasii kana haquuf ni dirqama.
10. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa irratti mallattoo, teessoofi chaappaa itti gochuudhaan sanada teknika ibsu poostaa tokkoo (1), sanada gatii ibsu orijiinalaa poostaa tokko (1) fi koppii poostaa tokko (1) waliigala poostaa sadii poostaa guddaa tokkoon saamsame dhiyeessuu qaba.
11. Sanada caalbaasii dorgomamu gatii irratti haqaafi laaqa kan hinqabneefi dubbifamuu kan danda'u ta'uu qaba.
12. Mo'ataan erga caalbaasiin kun banamee booda guyyaa 5(shanii) booda mana barumsaattii qaamaan argamuun waliigaltee mallatteessuu qaba.
13. Mannii barumsaa baayina gaafatame 20% daabaluuf hir'isuuf mirga guutuu qaba
14. Calbaasichi guyyaa gaazexaa irrattii bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15 qilleensa irraa turuun gaafa guyyaa 16faa (kudha jahaffaa) ganama sa'aatii 4:00tti cufamee sa'aatii 4:30tti banama.
15. Mannii barumsaa filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkees ta'eguutummaan guutuutti hambisuu ykn haquuf mirgi isaa eegamaadha.
16. Bakka sanadni itti argamu kutaa karooraaf baajataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee ta'ee gatiin sanada tokkoo qarshii hin deebine 1000 (Kuma tokko) Baankii Siinqee lakkoofsa herregaa 1075242071211 irratti kaffaluun bitachuu dandeessu.
17. Ibsa dabalataa sanada bitattan irraa argattu.
Odeeffannoo dabalataaf Lakkoofsa bilbilaa 0913462306/0917735962 ykn
Email: [email protected]
Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee
Tender details
- Deadline: 2026-08-28
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): gaafa guyyaa 16faa (kudha jahaffaa) ganama sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-08-28 10:30
- Bid opening (note): gaafa guyyaa 16faa (kudha jahaffaa) ganama sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Beddellee
- Bid bond: Lootiidhaan Adda addaa dha
- Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
- Published on: Addis Zemen (Aug 11, 2026)
- Posted at: 2026-08-11T11:17:45.000Z