House and Building Sale

Yuuniyeeniin Itti fayyadamtoota Burqaa Guddina Iluu manneen daldalaa xuubiin ijaaraman balbala saddeetii (8) qabuu fi suuqii kutaa shan (5) kan qabu lafa km2- 607.82 irratti magaalaa Mattuu ganda Soor daandii asphaaltii guddicha mana poostaa fuulduratti a

Description

 Beeksisa Caalbaasii Ifaa 2ffaa

Yuuniyeeniin Itti fayyadamtoota Burqaa Guddina Iluu manneen daldalaa xuubiin ijaaraman balbala saddeetii (8) qabuu fi suuqii kutaa shan (5) kan qabu lafa km2- 607.82 irratti magaalaa Mattuu ganda Soor daandii asphaaltii guddicha mana poostaa fuulduratti argamu bakka lafa sadarkaa 1ffaa kan ta'e gaazexaa irratti caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf, namootni ulaagaa guuttan akka armaan gadiitti dorgomtanii bitachuu ni dandeessu.

Ulaagaalee barbaachisan:

  1. Bakka manni kun itti argamu irra ga'ee ykn geessee ilaaluun haala qabatamaa bakka sanaa irratti hundaa'uun gatii fooyya'aa dhiyyeessuu kan danda'u ykn dandeessu.
  2. Umriin isaa ykn ishee waggaa 18 ol kan ta'e ykn taatee fi seeraan waliigaltee raawwachuuf ga'aa ykn geessuu kan ta'e ykn taate. Akkasumas waraqaa eenyummeessaa faayidaa seera qabeessa kan qabu ykn qabdu.
  3. Kabachiisa caalbaasii 20% gatii ka'umsa caalbaasii irraa CPO baankiin mirkanaaye qabsiisa kan dhiyyeessu.
  4. Gatii ittiin mo'ee ykn moo'atte al tokko kaffalee ykn kaffaltee xumuruuf kan danda'u ykn dandeessu.
  5. Sanada caalbaasii kanaaf qophaa'e irratti gatii ittiin bitu haala ifa ta'een guutee ykn guuttee poostaan saamsee ykn saamsitee kan dhiyyeessu ykn dhiyeessitu. kan bahu ykn baatu.
  6. Qaamni dorgommii mo'atee mo'uu isaa ykn ishee erga beeksifamee guyyoota shan (5) keessatti waliigaltee fi kaffaltii xumuruun adeemsa irraa baraadamu dirqama isaa ykn ishee kan bahu ykn baatu
  7. Sanada caalbaasii qarshii hin deebine qarshii 2000/kuma lama /akkaawuntii Yuuniyeenii Burqaa Guddina Iluu 1000338009317CBE. ykn 1000002434834 CBO irratti galchuudhaan naga'ee dhiyyeeffachuudhaan waajjira yuuniyeenichaa Magaalaa Mattuu ganda Soor biratti argamu irraa bitachuudhaan dorgomuu kan danda'u ykn dandeessu.
  8. Gatiin ka'umsa caalbaasii kanaa Qarshii 35,550,700.85/Miliyoona soddomii shaniif kuma dhibba shanii fi kuma shantamaa fi dhibba torbaa fi sant .85/ yommuu ta'u dorgomtoonni qarshii ka'umsaa kana ol dhiyyeessuun dorgomuu qabu.
  9. Guyyaan turtii caalbaasii kanaa gaafa beekisifni kun maxxansamee/beeksifame /qilleensa irra oolee kaasee hanga uyyaa 16tti kan turu ta'a.
  10. Caalbaasiin kun gaafa guyyaa 17ffaa sa'aatii 4:00 irratti sanduuqa caalbaasiidhaaf qophaa'e keessa galchuun cufamee guyyuma sana sa'aatii 4:20 irratti bakka koreen yuuniyeenichaa fi dorgomtoonni ykn bakka buutota seera qabeessa argamanitti Waajjira Yuuniyeenii Burqaa Guddinaa Iluutti ni banama
  11. Bakka bu'iinsaan kan dorgomu bakka bu'iinsa seeraa Waajjira Abbaa Alangeen mirkanaa'e ta'uu qaba.Yuuniyeenichi filannoo kan biraa yoo argate caalbaasii kana guutummaan guutuutti haquuf mirga guutuu qaba.
  12. Yuuniyeenichi filannoo kan biraa yoo argate caalbaasii kana guutummaan guutuutti haquuf mirga guutuu qaba

Odeeffannoo dabalataaf:

Lakk. Bilbilaa: 09 49 88 43 88/ 09 17 10 28 48/ 09 17 01 13 55/ 09 22 66 50 24

albaasii Ifaa 2ffaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-26
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): gaafa guyyaa 17ffaa sa'aatii 4:00
  • Bid opening: 2026-08-26 10:20
  • Bid opening (note): gaafa guyyaa 17ffaa sa'aatii 4:20
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Yuuniyeeniin Itti fayyadamtoota Burqaa Guddina Iluu
  • Bid bond: 20%
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 10, 2026)
  • Posted at: 2026-08-11T11:39:35.000Z
← Back to all tenders