Vehicle (garage service)
Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaa Bara Baajataa 2019tti Kiraa sarvisii konkolaataa hojjetoota mootummaa, Konkolaataa fe'insaa qeeraa ykn tajaajila qeeraatif oolu, Suphaa konkolaattota adda addaafi, Double pic cap ykn abbaa balbala lamaa wald
Description
Beeksisa Caalbaasii
Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaa Bara Baajataa 2019tti:-
- Loot 1:- Kiraa sarvisii konkolaataa hojjetoota mootummaa
- Loot 2:- Konkolaataa fe'insaa qeeraa ykn tajaajila qeeraatif oolu
- Loot 3:- Suphaa konkolaattota adda addaafi
- Loot 4:- Double pic cap ykn abbaa balbala lamaa waldorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.
Haaluma kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgoman afferamanii jiru.
1.Dorgomtoonni heyyama hojii daldalaa haaromfame /eeyyama kiraa konkolaataa irratti ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.
2.Dorgomtoonni galmaa'aa TIN kan ta'aniifi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa /VAT/ galmaa'aa kan ta'an kanaafiis ragaa dhiyeessuu qabu.
3. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda sanada caalbaasii irratti jijjiirama ykn fooyya'iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu kan hin dandeenye ta'uu beekuu qabu. 4.Dorgomaan kamiyyuu tokkoon tokkoon lootii caalbaasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caalbaasii:- CPO Qarshii 40,000 (Kuma afurtama) kan qabsiisuu ta'uu qaba. CPOn orjinaala ta'uu isaa xalayaa baankii ittiqabsiise irraa xalayaa dhiheessuu kan danda'u.
5.Sanadni caalbaasii kun ji'a 12 (Waggaa tokko) tiif ragga'ee kan turu ta'uu qaba.
6.Dorgomaan caalbaasii dorgomee mo'ate mana hojii waliin waliigaltee kan mallatteessu ta'uu qaba.
7.Dorgomtoonni sanada caalbaasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qarshii 500 (Dhibba shan) Baankii Siinqee Lakkoofsa akkaawuntii 1064942521214 kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (Kudha shan) walitti aansuudhaan sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa K/M/K/Jiddaa lakkoofsa 8tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.
8. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbaasii irratti maqaa dhaabbata isaafi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun sanada caalbaasiii Mirrattii mallatteessee sanada caalbaasii orijinaalaafi koppii adda addatati poostaan saamsuudhaan dhiyeessuu qaba.
9. Sanadni caalbaasii beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota walittii aanaan 15(kudha shan) sa'ati 2:30 hanga 11:30tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caalbaasi guyyaa beeksifni caalbaasichaa bahee irraa eegalee hanga guyyaa hojii guyyaa 16ffaa (Guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 4:00tti saanduqa caalbaasichaaf qophaa'e keessa galchuun guyyuma kana sa'aatii 4:00tti saamsamee sa'aatii 4:30tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni caalbaasicha irratti hirmaachuu barbaadan argamanitti banama.
10. Dorgomaan kamiyyuu qajeelfama waajjirichi baasu irratti dirqama isaa bahuu qaba.
11. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutumaan guutuutti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.
Teessoon:- Kutaa Magaala Kuraa Jiddaa
Odeeffannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa
bilbiluun dubbisuun ni danda'ama.
0910600308 /0922834549
Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa
Magaala Kuraa Jiddaa
Tender details
- Deadline: 2026-08-29
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa (Guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-08-29 12:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa (Guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Waajjira Mallaqaa Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaa
- Bid bond: Qarshii 40,000.00 tokkoon tokkoon
- Bid document price: Qarshii 500 (Dhibba shan)
- Published on: Addis Zemen (Aug 12, 2026)
- Posted at: 2026-08-12T08:39:07.000Z