Textile, Garments and Uniforms

Waajjirri Maallaqaa Godina Booranaa bittaa bara baajataa 2019 waajjiraalee mootummaa sadarkaa godinaa jiraniif tajaajila hojii mootummaatiif barbaachisuuf kan akka bittaa uffata seeraa, meeshaalee barruu, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhuma dhabbii,

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Godina Booranaa bittaa bara baajataa 2019 waajjiraalee mootummaa sadarkaa godinaa jiraniif tajaajila hojii mootummaatiif barbaachisuuf kan akka bittaa

  • uffata seeraa,
  • meeshaalee barruu,
  • meeshaalee qulqullinaa,
  •  meeshaalee dhuma dhabbii,
  • meeshaalee dhaabbii(elektirooniksii fi farniicherii),
  • gommaa konkolaataa fi doqdoqqee,
  • mootorsaykiloota (doqdoqqee),
  • nyaata barattootaa manneen barnootaa fi tajaajila suphaa konkolaataa(garaajota) dorgomtoota ulaagaa dorgommii guutan caalbaasii ifaa biyya keessaatiin waldorgomsiisuun bituu barbaada. Kanaaf, dhiyeessitootni:
  1. Galmaa'aa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) taatan.
  2. Waraqaa qulqullinaa gibira mootummaa bara 2018 dhiyeessuu kan danda'u.
  3. Eeyyama daldalaa bara 2019 haaraa/ kan haarome dhiyeessuu kan danda'u.
  4. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiyeessuu kan danda'an; akkasumas,
  5. Tokkoon tokkoo sanadaaf kabachiisa caalbaasii(CPO) Qarshii 30,000 (kuma soddoma), (Furniture) immoo Qarshii 50,000 (kuma shantama) qabsiisuu kan danda'an, guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahe irraa eegalee hanga guyyaa hojii 15ffaa keessatti qarshii hin deebine 500(dhibba shan) tokko tokkoo sanadaatiif lakkoofsa herrega baankii waajjiraa 1000026574416 irratti 'telebirr'n galchuun bitachuun dorgomuu kan dandeettan ta'uu ibsina.

Yaadachiisa:

  • Caalbaasiin kun guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana sa'aatii 4:30 irratti banama.
  • Waajjirichi filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'ee guutummaan guututti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uu ibsina.
  • Odeeffannoo dabalataaf 046 446 1310 nu quunnamuu ni dandeettu.

Waajjira Maallaqaa Godina Booranaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-01
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa hojii 16a sa'aatii 4:00
  • Bid opening: 2026-09-01 10:00
  • Bid opening (note): guyyaa hojii 16a sa'aatii 4:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Booranaa
  • Bid bond: Lootiidhaan adda addaa dha
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Addis Zemen (Aug 14, 2026)
  • Posted at: 2026-08-14T07:56:47.000Z
← Back to all tenders