Stationery

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa A/L/Saqqaa Meeshaalee adadaa bitu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1faa Bittaa Meeshaalee Bara 2019

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa A/L/Saqqaa Meeshaalee Barrefamaa Eelektrooniiksii, Farniichara, Mootor Saayikilii,Meeshaalee Ijaarsaa Gommaa Konkolaataa, fi Uffata seeraa dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dhabbileen hojii kanaratti hirmaattan/bakka bu'iinsa seera qabeessaa qabdan /fi ulagaalee armaan gadiitti tarreeffaman guttachuu

dandeessan dhiyaattanii dorgomuu dandeessuu.

1. Meeshaalee Barrefamaa, Eelektooniiksii, Farniicharaa, Motor Saayikilii Meeshaalee Ijaarsaa, Gommaa Konkolaata fi Uffata Seeraa irratti eeyyama seera qabeessaa kan qabdan.

2. Gibira Mootummaa kan bara 2018 kan kaffalee fi eeyyama bara 2019 kan haaromfate.

3. Vaatii dabalata kan galmaa'e ta'ee lakk. addaa (TIN) kan qabu ta'ee ragaa kooppii wal-qabsiisuu kan danda'u.

4. Galmeeffamaa bittaa mootumaa irratii galma'uu isaatiif ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u

5. Sanada caalbaasiif maallaqa hin deebine qar.200(Dhibba Lama) kaffalee bitachuu kan danda'u.

6. Kabachiisa caalbaasii qarshii kuma kudhan(10,000) maallaqa ykn CPO qabsisuu/waldaa IMX xalayaa wabummaa qaama jara gurmeesse irraa dhiyyeeffachuu kan danda'u.

7. Kabachiisa walii galtee maallaqa walii galaa keessaa %10 (dhibbeentaa kudhaan) maallaqa ykn

CPO qabsiisuu /waldaa IMX ta'ee xalayaa wabummaa qaama jera gurmeesse irraa dhiyyeeffachuu kan danda'u.

8. Meehaalee qulqullina qabu yeroodhuma tokkotii gutumaan guutuutti dhiyeessuu kan danda'u

9. Sanada caalbaasii guyyaa 06/12/2018 hanga gaafa guyyaa 25/12/2018 keessatti guyyaa hojii ganama saa'atii 2:30 -6:30 fi waaree booda 7:30-11:30 tti qaamaan dhiyaatee Bitachuu kan danda'u.

10. Dorgomaan sanada bitatee hanga gaafa guyyaa 25/12/2018 sa'atii 11:00 tti gatii isaa qulqullinaan guutee w/ra Maallaqaa A/L/Saqqaa lakk. 7 ti deebisuu qaba.

11. Caalbasichi gaafa guyyaa 26/12/2019 ganama irraa sa'atii 4:00 irratti bakka dorgomtootni/bakka bu'oonnii argamanitti Waajjira Maallaqa A/L/Saqqaatti kan banamu yemmuu ta'u dorgomaan argamu hafuun caalbasicha banuu hin dhorkuu.

12. Dorgomaan mo'ate guyyaa mo'achuun isaa ibsame irraa kasee guyyaa hojii shan (5) keessatti dhiyaatee waliigaltee mallatteessu kan danda'u..

13. Dorgomaan meeshalee mo'atee dabarfate basii isaatiin hanga wajjiraatti fiduu qaba. Waajjirichi filannoo biroo yoo argate caalbasicha gar-tokkeen ykn gutumaa gutuutti haquuf mirga guutuuu gaba.

14. Bakki itti argamnu Finfinnee irraa karaa jimmaan 396 km karaa Amboon 296 km Odeeffannoo dabalataaf Lakk.bilbilaa 0474620008 ykn 0474620048 Godina Jimmaatti

Waajjira Maallaqaa A/L/Saqqaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-31
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid opening: 2026-09-01 10:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa A/L/Saqqaa
  • Bid bond: Qarshii 10,000.00
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T06:55:22.000Z
← Back to all tenders