Stationery
Godina Shawaa Lixaattii Waajjiirri Maallaqaa Aanaa Walmaraa bara baajataa 2019 tiin Hojii Seektarotaa Aanaaf kan oluu meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshalee Elektroniksii; Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa, uffata seeraa hojjeetoota,G
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk 01/2019
Godina Shawaa Lixaattii Waajjiirri Maallaqaa Aanaa Walmaraa bara baajataa 2019 tiin Hojii Seektarotaa Aanaaf kan oluu meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshalee Elektroniksii; Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa, uffata seeraa hojjeetoota,Gommaa konkolaataafi motaraa,Suphaa meeshaalee Elektironiksiifi Suphaa konkolaataa, motoraa Labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk .157/2002 fi Qajeelffama Bittaa mootummaa naannoo oromiyaa Lakk.02/2004 irratti hunda'udhaan Caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.
Ibsaa Balli'inaan
Caalbasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe Jalqabee gosoota fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bitamuuf barbadamanii kan ibsuu sanadaa caalbaasii gosa bittaa tokko tokko qopha'ee kan hin deebine qarshii 2000.00 (Kuma Lamaa) qofa Waajjira Galiiwwan Damee Aanaa Walmaraa kaffaludhaan yeroo hundumaa sa'aatti hojii waajjira keenyaa wajjiraa Mallaqaa A/walmaraa Lakkofsaa 1 dhufudhaan bitachuun ni danda'ama.
Dirgama Dorgoomtootaa /Ulaagaa Dorgomtootni guutuu qaban
1. Gibiraa Bara kana kan kaffalanii fi facaatii dhiyeesii daldala meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, raga footo koppii isaa qabatamaa dhiyeessuu qabu.
2. Galma'aa taksii dabalata qabeenya kan ta'an fi footo koppii sartifiketii VAT dhiyeesuu qabu
3Tarree dhiyesitootaa keessatti kan galma'anii fi ragaa galmee dhiyeessumaa ministeraa maallaqaa dhiyeesuu kan danda'u
4. Dorgomtootnii baay'ina gatii walii galaa meeshaalee gosa bittaa dokumaantii tokko dorgomaan irraatti (2%) kabachisaa caalbasii (CPO) dhaan kan qopha'ee qofa sanadaa caalbaasichaa waliin dhiyessuu qabu dorgomtootni maayikroo xixxiqaa (IMX) gosa bittaa fi baay'ina maallaqaa irratti dorgomanii ibsuudhaan qaama isaan gurmessee irraa waajjira Mallaaqaa keenyaaf kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasii kanaaf dhiiyeessuu ta'ee IMX Bulleeyyii kabaachisaa Caalbaasii CPO Kan Qabsiisanii ta'a.
5. Dorgoomtonni gatii meeshaalee tokko tokkoon ittiin dorgomaan sanadaa caalbaasii irratti qofa guutuudhaan orjinaalaa isaa fi koppii isaa adda addaatti (qofa qofaatti) Poostaa samsameen caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee eegaalee gaafa guyyaa 16 Waaree booda hanga sa'aattii 6:30 tti sanada caalbaasii saanduqa kanaaf qopha'ee keessaa galchuun kan dandeessan ta'ee sa'aatii kana irratii kan saamsamuu ta'e sanada sa'aatii kan booda dhufee kan hin keessumeesinee fi Guyyaa 16 guyyaa hojii hin tanee yoo ta'ee guyyaa hojii itti aanuu kan ta'u ta'a.
6. Dorgomaan kamiyyuu Meeshaalee naamunaa/saamudaa/ barbadaan yemmuu sanadaa guutee deebisuu waliin fidee galchuu qaba.
7. Caalbaasiin kun guyyuma sanaa sa'attii 8:00 irratti dorgoomtotnii YKN bakka bu'onnii seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banamaa. Dhaabaatni caalbaasicha galchee ykn bakka bu'aan yoo jiraachuu baates poostaan isaanii ni banama.
8. Dorgoomtootni mo'aatan yeroo waliigaltee mallateessan gatii waligalaa meeshaalee mo'atanii % 10 wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan ragaasifamee (CPO) seeraa qabessa ta'ee dhiyeessuu qabu Dorgomtootni mo'ataman caalbaasichaa ergaa ifaa ta'ee booda kabachifnii caalbaasiif galchaan fudhachuu ni danda'u
9.Dorgoomtotni caalbaasii kana mo'aataan baasii kamiyyuu danda'uudhaan meeshaalee irratti mo'ataan guyyaa hojii 15(kudha shan) keessattii mana kuusaa waajjira maallaqaa A/Walmaraattii dhiyyessuu qabu
10. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argatee caalbaasii kana gar tokkes ta'ee guttumaan guutuutti haaqudhaaf mirga qaba.
11. Daldalaan kanaan dura meeshaalee mo'atee waligaltee mallateessuu didee fi meeshaalee itti mo'atee hin dhiyyesinee dorgomuu hin danda'u. Ragaa Dabalataan barbaadamuuf lakkoofsa bilbila 011-237-16-63/011-237-09-83 Teessoon MagaalaHoolatas Aanaa Walmaraa Finfinnce gara Amboo km 28 irratti argama.
Waajjira Maallaqaa Aanaa Walmaraa
Tender details
- Deadline: 2026-08-28
- Bid closing time: 12:30
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 6:30
- Bid opening: 2026-08-28 14:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Walmaraa
- Bid bond: 2%
- Bid document price: Qarshii 2000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T07:16:08.000Z