Stationery

Godina Gujiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo maneen hojii mootummaa Aannicha keessatti argaamanif Meeshaalee adadaa bituu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Marsa 1a Bara Baajata 2019 Bahe

Godina Gujiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo maneen hojii mootummaa Aannicha keessatti argaamanif 1,Meeshaalee Barreefamaa 2,Meeshaalee Electronics 3, Meeshaalee Qulqullinaa 4, Meeshaalee Dhabbii xixxiqqaa waajjira keessa 5, Meshaalee Dhumoo adda addaa 6, Uffata Seera 7, Meeshaalee Dhabbii gurguddaa (Furniture) 8, Korboo Konkoolataa 9, Doqdoqqee(Motora) Bara Bajaata 2019tiif Caalbaasii ifaatiin Wal-dorgomsisee bituu barbaada. Kanafuu caalbaasii irraatti dorgomtootni hirmachuu barbaadaan, bu'urumaa kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni dandeettu.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanitiin Heyyama daldalaa bara 2018 haromsuu isaan seera qabeessa ta'ee gibira Bara2018 Kan ittin kaffalan, facaatii /list/ kennaata jajilaa keessa raga sanadootaa ittin galma'an fi Galma'a Faayinansii fi Ragaa lakkofsa TIN fotoo kooppii isaa sanadaa caal-baasii waliin qabsisaan dhiyyeesuu qabu.

2. Dorgomtoonni dhiyaatanii galma'aan taaksii dabalataa (VAT) galmaa'uu isaanitiif raga footoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.

3. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexaa Kallalcha Oromiyaatiin bahe eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan)keessaatti yeroo hunda sa'aati hojiitti gosa sanada caalbaasii tokko tokkoon isaaf maallaqa hin deebine qr. 300(dhibba sadi) qofa kaffaluun Adeemsa Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaa waajjira maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo lakk. 03tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni danda'u.

4. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasitiif kan oolu gatii tilmammaa bittaa walii galaa %2 maqaa waajjira maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootiin CPO ykn cheekii Baankii dhaan mirkanaa'e ykn Mallaqa Callaa dhaan sanada Orijinaala caalbaasicha kessaa galchuun dhiyeessuu qaba.

5. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa poostaa saamiin saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun gaafa guyyaa 16a jechuun 30/12/2018tti sa'aati 5:00 hanga sa'aati 5:30tti waajjira maallaqa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootti Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu. 5:30tti ni cufama dorgomtootni ykn bakka bu'oonni bakka bu'ummaan isaaniiSeeraan kan Mirkanaa'e, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti Kutaa Adeemsa Bittaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo keessatti ni banama.

6. Mo'ataancaal-baasii meeshalee ittiin mo'atee hundaa hangaa Waajjira maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkootti dhiyeessuu dirqama qaba.

7. Afaan caal-baasichaa ittiin geggeeffamu Afaan Oromootiin ta'a.

8. Waajjirichi caal-baasicha guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquu dhaaf mirgi isaa seeraan Kan eegamedha. Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Mobile 0912327508, 0926490034 ykn 0910453771

Waajjira Maallaqa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo.


Tender details

  • Deadline: 2026-09-05
  • Bid closing time: 11:30
  • Bid opening: 2026-09-05 11:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirà Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me'ee Bokkoo
  • Bid bond: 2%
  • Bid document price: Qarshii 300.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T07:48:56.000Z
← Back to all tenders